{"id":961,"date":"2020-06-18T17:56:33","date_gmt":"2020-06-18T17:56:33","guid":{"rendered":"https:\/\/sanyiigadaaconsultancy.org\/opsa\/?p=961"},"modified":"2020-06-20T10:40:26","modified_gmt":"2020-06-20T10:40:26","slug":"ilmaan-sirnaa-moo-ilmaan-sabaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/ilmaan-sirnaa-moo-ilmaan-sabaa\/","title":{"rendered":"ILMAAN SIRNAA MOO ILMAAN SABAA?"},"content":{"rendered":"\n<h2 class=\"has-text-align-center wp-block-heading\"><strong>Kutaa 1<sup>ffaa <\/sup><\/strong><\/h2>\n\n\n\n<h3 class=\"wp-block-heading\"><strong>1. <u>Seensa<\/u><\/strong><\/h3>\n\n\n\n<p>Wantoota irra jireessa Oromoo burjaajessaa jiranii fi adda baasuun daran rakkisaa jiran keessaa tokko aanga\u2019oota kufaatii Mootummaa Wayyaanee booda sadarakaa sadarkaadhaan jiran kanaan <strong><em>\u2018Ilmaan Sirnaa moo Ilmaan Sabaa\u2019<\/em><\/strong> jennu kan jedhudha. Moggaasa maqaa isaanii caalaa hojii qabatamaan isaan hojjetan hoo maqaa kennamuufii kanarraa adda tahamoo wal-fakkaata kan jedhudha. Haalli qabatamaa amma Oromiyaa fi Xoophiyaa keessa jiru gaaffii kana deebisuu keessatti parsantii 50% ol gahee ni qabaata jedheen yaada. Parsantii hafe garuu gama adda addaan deebisuun barbaachisaa ta\u2019ee waan argameef gama xiinxala gabaabduu kana qabadhee isiniif dhiyaadheera!<\/p>\n\n\n\n<h3 class=\"wp-block-heading\"><strong>2. Ilmaan Sirnaa Jechuun Maal Jechuudhaa?<\/strong><\/h3>\n\n\n\n<p>Ilmaan sirnaa jechuun namoota sirni impaayera Xoophiyaa jaallatees haa ta\u2019u rakkatee; bal\u2019atees haa ta\u2019u dhiphatee namoota sadarkaa haalli yeroo barbaaduun sirna impaayera Xoophiyaa tajaajilanii fi akeeka impaayerummaa Xoophiyaa galmaan ga\u2019uuf kufanii ka\u2019an; afaan miyeeffatanii fi tooftaa jijjiirrataa hanga har\u2019aa darbaa dabarsaan hojjetaa jiranidha. Akkuma ilmi toora abbaa fi akaakkayyuu hordofee dhufu sana sirnis sirna dhalchaa bakka buufataa impaayera Xoophiyaa itti fufsiisaa akka guyyaa har\u2019aan gahaa jiru hubachuun nama hin rakkisu. Kanaaf, ilmaan sirnaa namoota sirna impaayera Xoophiyaa keessatti dhalatanii guddatanii aangoof ga\u2019anii impaayera Xoophiyaas ta\u2019e Oromiyaa bulchaa jiran jechuudha. Ilmaan Sirnaa namoota aangoo irra jiran qofaa otoo hin taane namoota gama adda addaan: gama miidiyaan, gama dhaabbatummaadhaan (through different institutions), gama dinagdee fi investimentiidhaan, gama dhaabbilee amantiidhaan (through different religious institutions), fi gama babl\u2019ina magaalaan qaamonnii fi namoonni hojjetan hunda dabalata. Walumaagala, namoonnii fi qaamonni aangoo qaban <strong><em>Ilmaan Sirnaa Kallattii<\/em><\/strong> yommuu ta\u2019an kanneen gama biraan hojjetan hundi <strong><em>Ilmaan Sirnaa Al-kallattii<\/em><\/strong> jedhamu. Ilmaan Sirnaa kunis duuchaatti Ilmaan Sirna Impaayera Xoophiyaa jedhamu.<\/p>\n\n\n\n<h3 class=\"wp-block-heading\"><strong>3. Ilmaan Sirna Impaayera Xoophiyaa<\/strong><\/h3>\n\n\n\n<div class=\"wp-block-media-text alignwide is-stacked-on-mobile\" style=\"grid-template-columns:27% auto\"><figure class=\"wp-block-media-text__media\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"640\" height=\"425\" loading=\"lazy\" src=\"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/06\/cap-1.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-963\" srcset=\"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/06\/cap-1.jpg 640w, https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/06\/cap-1-300x199.jpg 300w\" sizes=\"auto, (max-width: 640px) 100vw, 640px\" \/><\/figure><div class=\"wp-block-media-text__content\">\n<p>Jalqaba irratti Xoophiyaan akka impaayera taate isin yaadachiisuun barbaada. Impaayera jechuun akkaataa bulchiinsaa biyyoota, mootummootaa, fi Saboota adda addaa humnaan gita-bittaa ykn agoobara bulchiinsaa tokko jalatti bulchu jechuudha.<\/p>\n<\/div><\/div>\n\n\n\n<p>Seenaa siyaasa Xoophiyaa gaafa ilaallu hanga bara 1934tti (hanga gaafa mootiin Jimmaa Abbaa Jifaar II fedhaan bulchiinsa Haayile Sillaasee I fudhatuutti) mootummoota adda addaa kan daangaa bulchiinsaa fi Saba mataa mataa isaanii qabantu daangaa bulchiinsaa amma \u201cItiyoophiyaa\u201d jedhamtu keessaa fi ala jiru turan. Aggaammiin impaayera Xoophiyaa ijaaruu jaarraa 15ffaa keessa jalqabus xumura kan itti godhe garuu Minilik II akka ta\u2019e ni beekama. Kanaaf, Xoophiyaan bulchiinsa impaayeraati malee bulchiinsa biyya akka hin taane gamanumaan hubachuun barbaachisaadha. Haaluma Kanaan ilmaan sirna impaayera Xoophiyaa kanneen bara 1855 irraa kaasanii dhalatan irraa eegala. &nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>Ilmaan sirna impaayera Xoophiyaa akeeka tokko qabu. Innis Xoophiyaa impaayerummaa keessaa baasuun gara biyya ammayyaa taateetti ceesisuu dha. Kunis 1ffaa: aadaa, duudhaa, afaanii fi amantiiwwan Sabootaa, Sablammootaa, fi Uummattootaa 81 ol ta\u2019anii jiran kana suuta suutaan aadaa, duudhaa, afaanii, fi amantaa abbeentummaa Xoophiyummaa qabuun bakka buusuudha. Haaluma kanaan &nbsp;aadaa, afaan, duudhaa fi amantaa murna nafxanyaa jedhamu humnaa fi gowwoomsaan Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota irratti fe\u2019uu ture: afaan Amaariffaa; amantaa Kiristaana Ortodoksii; duudhaa, qorqalbii fi aadaa nafxanyummaa. 2ffaa: sirna bulchiinsa abbaa irree giddu-galeessummaa (unitarist dictatorial governance system) diriirsuudhaan haalli jiruu fi jireenya Uummata impaayera Xoophiyaa akka murna fiixee aangoo irra jiruun akka murtaa\u2019u gochuudha. 3ffaa: babal\u2019ina magaalotaa, mana amantaa Ortodoksii fi sabqunnamtiiwwaniitti fayyadamuun saamicha qabeenyaa, hojii araaraa fi nagaa buusuu akkasumas siyaasa gowwoomsaa qorqalbii Uummattootaa irratti hojjechuu dha.<\/p>\n\n\n\n<h3 class=\"wp-block-heading\"><strong>4. ADWUI\u2019n Ilma Sirna Impaayera Xoophiyaatii?<\/strong><\/h3>\n\n\n\n<div class=\"wp-block-media-text alignwide is-stacked-on-mobile\" style=\"grid-template-columns:15% auto\"><figure class=\"wp-block-media-text__media\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"229\" height=\"220\" loading=\"lazy\" src=\"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/06\/epdrf.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-964\"\/><\/figure><div class=\"wp-block-media-text__content\">\n<p>Impaayera Xoophiyaa kana keessatti <em>ilmi sirnaa tokko ilma ilma isaan bakka buufataa<\/em> hanga bara 1991tti itti fufus bara 1991 booda <em>abdii ilmi sabaa dhalatee fi guddatee sirna bulchiinsa impaayera Xoophiyaa akkaataa fedha Uummattootaatti deebisee ni ijaara<\/em> jedhamee abdatamee ture.<\/p>\n<\/div><\/div>\n\n\n\n<p>Haata\u2019u malee bifa, qabiyyee fi akkamtaa adda ta\u2019een ilmi ilma sirnaa deebi\u2019ee dagaaguu fi daran gadameessa ilmaan sabaa baatu maseensuu fi miciree ilma sabaa dhalchuu danda\u2019u gogsuu irratti xiyyeeffate. Ilmi ilma sirnaa kunis maqaa <strong>Adda Dimokiraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI)<\/strong> jedhu qabatee sirna jireenya nama hundumaa keessa seenuuf baayyee abbaledha. Kanaaf, gaaffii har\u2019a ilmaan sirnaa eenyu faati kan jedhu deebisuuf gabaabaatti deebiin isaa <em>\u2018Ilmaan sirna ADWUI keessatti dhalatanii-guddatan; keessa jiraatanii fi hojjetan; sababa adda addaatti kanneen siyaasaa fi adeemsa ADWUI fudhatanii itti dabalamuudhaan gumaacha beekumsaa, maallaqaa, fi muuxannoo isaanii taasisanidha<\/em>.<\/p>\n\n\n\n<p>Sirni ADWUI gama tokkoon fedha fiixeewwan faallaa lama walitti araarsuudhaaf akeekkate yommuu ta\u2019u gama biraan immoo sirna fiixee kan biraa harka lafa jalaan ijaaruu fi tajaajiluudhaaf uumamedha. Kana jechuun siyaasa impaayera Xoophiyaa keessatti wal-falmii gurguddoo lamatu ture, ammas jira. Feeti fiixee jalqabaa impaayera Xoophiyaa itti fufsiisuudhaan Xoophiyaa biyya saba tokkoo, afaan tokkoo, amantaa tokkoo, fi qorqalbii tokkoo (nation-state) taasisuuf kan gama hundaan irratti hojjetaa turee fi ammas hojjetaa jiru (nation-building thesis) yommuu ta\u2019u&nbsp; kan lammataa immoo impaayera Xoophiyaa diiguudhaan biyyoota adda addaa bilisummaa Saboota isaaniif dhaabbatan hundeessuudhaaf qabsoo obsa fixachiisaa taasisudha (Colonial thesis). Haata\u2019u malee, ADWUI\u2019n bara 1990 irraa kaasee&nbsp; ilaalchaa fi yaada sadaffaa ilaalchota fiixee lamaan armaan olii kana walitti araarsu qabatee dhufe.<\/p>\n\n\n\n<p>Yaadnii fi ilaalchi ADWUI kunis Xoophiyaa keessa rakkoo murni\/gareen aangoo irra ture qaqqabsiisan malee sabni saba biraa koloneeffate hin jiru; aadaa fi afaan akkasumas eenyummaa saboota, sablammootaa fi uummatoota Xoophiiyaa biroo balleessanii eenyummaa, aadaa fi afaan saba biraa irratti fe\u2019uunis hin danda\u2019amu kan jedhu qabatee gowwoomsaa siyaasa ammayyaa qabatee as ba\u2019e. ADWUI akka bifa biraan sirna impaayera Xoophiyaa tajaajiluuf uumame kan itti dammaqan muraasa ta\u2019us booda keessa himatni olaantummaa murna tokkoo ijaaruufi jedhu bal\u2019inaan irratti ka\u2019aa ture. Kanas ta\u2019u sana ilmaan ilma sirna impaayera Xoophiyaa kan biroo calaa bifa adda ta\u2019een kan fedha impaayera Xoophiyaa tajaajile ADWUI dha. Ilaalchii fi yaadni ADWUI kun (national-oppression thesis) kan jedhamu yommuu ta\u2019u gidduu-galli yaada rimee kanaa Donald N. Levine <strong><em>\u201cAmhara Thesis; Oromo Anti-thesis and Tigray Synthesis\u201d<\/em><\/strong> jedhame sana galmaan ga\u2019uu ture. Kana jechuun hiikkoo <strong><em>\u201cAmaarri impaayera Xoophiyaa ni ijaara; Oromoon impaayera Xoophiyaa ni diiga; Tigireen walitti araarsiti\u201d<\/em><\/strong> jedhu qaba.&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<h3 class=\"wp-block-heading\"><strong>5. ADWUI Keessatti Akaakuuwwan Ilmaan Sirnaa &nbsp;<\/strong><\/h3>\n\n\n\n<p>Sirna ADWUI keessa ilmaan sirnaa akaakuu sadiitu jiru. Isaanis:<\/p>\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\"><li><em>Harcaatota Sirna Minilik II<\/em>: bara 1888 irraa kaasee bifa adda addaan hojmaataa fi sirna bulchiinsa impaayera keessatti kan itti fufee jiru yommuu ta\u2019u sirni kun daran lafa qabataa, jabaachaa, fi egeree impaayera Xoophiyaa irratti dhiibbaa guddaa uumuu kan danda\u2019u ta\u2019ee jira. &nbsp;<\/li><\/ol>\n\n\n\n<div class=\"wp-block-image\"><figure class=\"aligncenter size-large is-resized\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" loading=\"lazy\" src=\"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/06\/175.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-967\" width=\"227\" height=\"197\" srcset=\"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/06\/175.jpg 449w, https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/06\/175-300x259.jpg 300w\" sizes=\"auto, (max-width: 227px) 100vw, 227px\" \/><figcaption>Emperor Menelik II<\/figcaption><\/figure><\/div>\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\" start=\"2\"><li><em>Harcaatota Sirna Wayyaanee<\/em>: bara 1991 kaasee kan hanga har\u2019aatti ijaaramee jiru sirna Wayyaanee ta\u2019us bubbeen warraaqsa uummataa bakkoota adda addaatti impaayera Xoophiyaa keessatti bubbisaa fiixee jiran irraa harcaaseera. Harcaatonni kun deebi\u2019anii ka\u2019uu fi jabaachuuf daran tattaafataa kan jiran ta\u2019uu hubachuun ni danda\u2019ama.<\/li><\/ol>\n\n\n\n<div class=\"wp-block-image\"><figure class=\"aligncenter size-large is-resized\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" loading=\"lazy\" src=\"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/06\/tplf.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-968\" width=\"224\" height=\"193\"\/><figcaption>TPLF Logo<\/figcaption><\/figure><\/div>\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\" start=\"3\"><li><em>Ergamtoota garee lamaanii<\/em> (garee Minilik II fi Wayyaanee tajaajiluuf kanneen asii fi achi ergaman; kanneen akeekaa fi galma ofiis ta\u2019e kan saba keessaa dhufanii hin qabne jechuudha). Gareen kun haalaa fi bakka barbaachisutti ilmaan sirna Minilik II\u2019fis ta\u2019e ilmaan sirna Wayyaanees ni ergamu, ni tajaajilu. Yeroo fi haala adda addaa keessatti garee of danda\u2019ee jiraatu fakkaatanii of agarsiisuu yaalanis hundee irra dhaabbatan kan hin qabnee fi dantaa Sabummaaf (nation\u2019s causes) kan hin hojjenne ta\u2019uu mirkaneessuun ni danda\u2019ama.<\/li><\/ol>\n\n\n\n<div class=\"wp-block-columns is-layout-flex wp-container-core-columns-is-layout-28f84493 wp-block-columns-is-layout-flex\">\n<div class=\"wp-block-column is-layout-flow wp-block-column-is-layout-flow\">\n<div class=\"wp-block-image\"><figure class=\"aligncenter size-large is-resized\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" loading=\"lazy\" src=\"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/06\/op-1.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-971\" width=\"142\" height=\"143\" srcset=\"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/06\/op-1.jpg 224w, https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/06\/op-1-150x150.jpg 150w, https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/06\/op-1-75x75.jpg 75w\" sizes=\"auto, (max-width: 142px) 100vw, 142px\" \/><figcaption>OPDO Logo<\/figcaption><\/figure><\/div>\n<\/div>\n\n\n\n<div class=\"wp-block-column is-layout-flow wp-block-column-is-layout-flow\">\n<div class=\"wp-block-image\"><figure class=\"aligncenter size-large is-resized\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" loading=\"lazy\" src=\"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/06\/se.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-972\" width=\"134\" height=\"134\" srcset=\"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/06\/se.jpg 788w, https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/06\/se-300x300.jpg 300w, https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/06\/se-150x150.jpg 150w, https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/06\/se-768x768.jpg 768w, https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/06\/se-75x75.jpg 75w\" sizes=\"auto, (max-width: 134px) 100vw, 134px\" \/><figcaption>SEPDM Logo<\/figcaption><\/figure><\/div>\n<\/div>\n<\/div>\n\n\n\n<h3 class=\"has-text-align-center wp-block-heading\"><strong>Kutaa 2<sup>ffaa<\/sup>n itti fufa!<\/strong><\/h3>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Kutaa 1ffaa 1. Seensa Wantoota irra jireessa Oromoo burjaajessaa jiranii fi adda baasuun daran rakkisaa jiran keessaa tokko aanga\u2019oota kufaatii Mootummaa Wayyaanee booda sadarakaa sadarkaadhaan jiran kanaan \u2018Ilmaan Sirnaa moo Ilmaan Sabaa\u2019 jennu kan jedhudha. Moggaasa maqaa isaanii caalaa hojii qabatamaan isaan hojjetan hoo maqaa kennamuufii kanarraa adda tahamoo wal-fakkaata kan jedhudha. Haalli qabatamaa amma &hellip;<\/p>\n<p class=\"read-more\"> <a class=\"\" href=\"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/ilmaan-sirnaa-moo-ilmaan-sabaa\/\"> <span class=\"screen-reader-text\">ILMAAN SIRNAA MOO ILMAAN SABAA?<\/span> Read More &raquo;<\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":962,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"nf_dc_page":"","site-sidebar-layout":"default","site-content-layout":"default","ast-global-header-display":"","ast-banner-title-visibility":"","ast-main-header-display":"","ast-hfb-above-header-display":"","ast-hfb-below-header-display":"","ast-hfb-mobile-header-display":"","site-post-title":"","ast-breadcrumbs-content":"","ast-featured-img":"","footer-sml-layout":"","theme-transparent-header-meta":"default","adv-header-id-meta":"","stick-header-meta":"","header-above-stick-meta":"","header-main-stick-meta":"","header-below-stick-meta":"","footnotes":""},"categories":[6],"tags":[],"class_list":["post-961","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-analysis"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/961","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=961"}],"version-history":[{"count":4,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/961\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":973,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/961\/revisions\/973"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/media\/962"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=961"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=961"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=961"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}