{"id":935,"date":"2020-06-05T13:51:41","date_gmt":"2020-06-05T13:51:41","guid":{"rendered":"https:\/\/sanyiigadaaconsultancy.org\/opsa\/?p=935"},"modified":"2020-06-05T14:03:54","modified_gmt":"2020-06-05T14:03:54","slug":"qabsoon-bilisummaa-oromoo-gufataa-moo-ititaa-jiraa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/qabsoon-bilisummaa-oromoo-gufataa-moo-ititaa-jiraa\/","title":{"rendered":"Qabsoon Bilisummaa Oromoo Gufataa Moo Ititaa Jiraa?"},"content":{"rendered":"\n<h2 class=\"wp-block-heading\"><strong>Seensa<\/strong><\/h2>\n\n\n\n<p>Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO) akeeka, galmaa fi akkaataa mataasaa danda\u2019e kan qabuu fi Sabni Oromoos yeroodhaa yerootti hubataa, adda baafataa fi galmaan ga\u2019uuf qabsoo taasisaa kan turee fi ammas kaan itti jirudha. Kufaatii Mootummaa Wayaanee booda haalli QBO nama baayyeetti gaaffii ta\u2019aa jiraachuun isaa ni beekama. Kanarraa kan ka\u2019es gariin ni gufate gariin immoo daran ititaa jira jechaa turan. QBO gufataa jira jechuun qaamnii fi namni akkasumas Oromoon akka Sabaatti akeeka QBO wallaalee ykn ganee gara impaayera Xoophiyaa ijaaruu fi itti fufsiisuuttii deebi\u2019eera jechuudha. Gama biraan QBO ititaa jira jechuun immoo qaamnii fi namni akkasumas Sabni Oromoo akeeka QBO beekee dhiibbaa kamuu dandamatee akkasumas aarsaa barbaadamu kaffalee gama danda\u2019uun falmataa jira; falmachuufis qophiidha jechuudha. Giddu-galli QBO akka Sabaatti Oromoof Bilisummaa; biyyi Oromoo Oromiyaan immoo Walaba akka taatudha. Kunis falmii fi qabsoo obsa fixachiisaa gama hundaan impaayera Xoophiyaa fi humnoota impaayeraa wajjin taasisuu gaafata.<\/p>\n\n\n\n<h2 class=\"wp-block-heading\"><strong>Madda Burjaajii QBO<\/strong><\/h2>\n\n\n\n<p>Burjaajiin QBO akkuma Obbo Lammaa Magarsaa gara aangootti dhufeen jalqabe. Bara sana baayyeen namaa qalbeeffatuu baatus muraasni garuu akka tooftaa QBO butuuf taasifameetti kanneen ija shakkiin ilaalaa turan jiru. Haasaa inni haasa\u2019aa turee fi tarkaanfiiwwan tokko tokko Obbo Lammaan fudhatan waan QBOburjaajii keessa buuse sadii qaqqabsiiseera.<\/p>\n\n\n\n<p>1ffaa: Qabsoo nagaa biyya keessaa kan karaa KFO gageeffamaa ture OPDO\u2019n liqimsuu yaaltee ture. Hanga KFO akka jaarmiyaatti hidhuunii fi hiikuun danda\u2019amuutti dhaadachaa turan jechuudha. Gaafa hooggantoota KFO hunda hidhanis ta\u2019e hiikan kanaa booda KFO\u2019n waan qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf humnas ta\u2019e haamilee hin qabne gochuuf kufanii ka\u2019uu yaalaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>2ffaa: Qabsoo ABOn gama hundaan (holistic struggle) waggoota dheeraadhaaf taasisaa ture immoo harkaa butuu yaalte. Hanga hooggantoonnii fi miseensonni ABO sooroma siyaasaa ba\u2019anii guutummaa guutuutti bulchiinsa OPDO\/ODP jala galaniitti aggaamamaa ture. Hunda caalaa hooggantoota ABO biyyatti galchuunii fi miseensota ABO hidhaman hiikuun akka QBO ABOdhaan gaggeeffamu xumura argateetti fakkeessanii gama hundaan lallabaa turan!<\/p>\n\n\n\n<p>3ffaa: Qabsoon gama hidhannoo WBOdhaan taasifamu tasumaa akka hin barbaachifne; gama karaa nagaa fi siyaasa miidiyaa qofaan Oromoon qaama kamiyyuu injifachuu akka danda\u2019utti ilaalcha dogoggoraa qalbii irra jiireessa Oromoo keessa buusuun yaalame. Qawweedhaan loluun ykn qabsaa\u2019uun akka waan faashiniin irra darbeetti; humna qawweedhaan bulchuun immoo akka faashinii baraatti akka dhaloonni haaraan hubatu gochuu keessatti gaheen qaamotaa fi namoota baayyee guddaa ture. Burjaajii kanarraa kan ka\u2019e namuu karaa karaa fi bifa gurmaa\u2019eenis yaada, ilaalchaa fi ejjennoo isaa calaqqisiisaa ture, jiras. Mee wal-falmiiwwan jiran kanneen cuunfinee kutaa itti aanu kana keessatti haa ilaallu!<\/p>\n\n\n\n<p><em>Hubachiisa: Barruun kun Fuula 4 qaba!<\/em><br><em>[Fuula 2ffaan itti fufee jira]<\/em><br><em>Lakk. <strong>2<\/strong> gadii kana cuqaasuun,<\/em> <em>fuula itti aanutti darbaa dubbisaa<\/em> <\/p>\n\n\n\n<!--nextpage-->\n\n\n\n<h2 class=\"wp-block-heading\"><strong>Walfalmii Gareewwan Adda Addaa<\/strong><\/h2>\n\n\n\n<p>Erga Mootummaa Wayyaanee injifannee as (injifatamuun Wayyaanee walfalmisiisaa ta\u2019uu danda\u2019a) ilaalchi, karaa fi tooftaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo sadarkaa maaliirra jira gaaffiin jedhu qalbii qabsaa\u2019otaa fi irra jireessa Oromoo keessa ni jira. Deebiin gaaffii kanneenii qaamotaa fi namoota garaagaraa biratti garaagarummaa uumaa tureera, ammas ittuma fufeera. Mee gareewwan kana bakka afuritti qoodnee haa ilaallu.<\/p>\n\n\n\n<p><strong><em>Garee Bilisummaa:<\/em><\/strong> gareen\/qaamni kun qabsoon bilisummaa Oromoo milkaa\u2019ina guddaan goolabameera kan jedhu jira. Akka ragaatti kan dhiyeeffatan immoo:<\/p>\n\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Namni Oromoo ta\u2019e teessuma Olaanaa sirna ADWUI irra taa\u2019eera (Kiiloo 4 galuun danda\u2019ameera). Innis MM Dr Abiyyi Ahimad, \u201cIlma Abbaa Gadaati\u201d jedhu.<\/li><li>Sirni ADWUI olaantummaa TPLF irratti ijaarame diigamee sirna Oromoo giddu-galeessa taasifateen ijaarameera. Kunis gama riifoormiidhaan hojiitti hiikameera jedhu. Akka ijootti kan kaasan immoo ADWUI diiguudhaan Prosperity Party uumuudha jedhu.<\/li><li>Humnoonni karaa qawwee\/hidhannoo qabsaa\u2019an karaa nagaa qabsaa\u2019uuf gara Finfinneetti deebi\u2019aniiru. Kunis kan agarsiisu tooftaan qabsoo isaanii sirrii akka hin turree fi tooftaan qabsoo OPDO\/ODP durumaanuu sirrii akka ture agarsiisa jedhu.<\/li><li>Oromoon ariiyatama siyaasaaf biyya hambaatti baqatee jiraataa ture gara biyyaatti deebi\u2019eera; hooggansa keessattis gahee qabaataa jira jedhu. \u00a0<\/li><li>Hidhamtoonni siyaasaa mootummaa TPLF\/ADWUI hiikamaniiru. Namoonni bilisummaa Oromoo fi Saboota biroof qabsaa\u2019aa turan hundi hiikamaniiru fi<\/li><li>Seeronni mirgaa fi kabaja namoomaa sarban riifoormiidhaan jijjiiramaniiru kanneen jedhaman sababoota ijoo bilisoomuu Oromoo agarsiisanidha jechuudhaan Uummata Xoophiyaa fi hawaasa addunyaa amansiisuuf yaalii guddaa taasisaa jiru.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<p><strong><em>Garee Qabsoo Karaa Nagaa: <\/em><\/strong>Gareen kun immoo ilaalcha Qabsoon Bilisummaa Oromoo boqonnaa xumuraa irra ga\u2019ee jira; kufaatii Wayyaanee booda qaamni hooggansa irra jiru dhimmoota qabsoo bilisummaa Oromootti xumura taasisan mijeessuudha; mirgi hiree ofiin murteeffachuu Oromoo filannoo haqa, bilisaa fi dimokiraatawa ta\u2019een mirkanaa\u2019a kan jedhanidha. Akka sababaatti kan dhiyeessuuf yaalan immoo:<\/p>\n\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Bara 2014 kaasee sochiin Oromoon taasisaa ture tasumaa duubatti deebi\u2019uu hin danda\u2019u<\/li><li>Tokkummaa fi Sabboonummaan Oromoo sadarkaa gaarii irra jira<\/li><li>Mootummaa Wayyaanee qaamni karaa nagaa injifate sirna Xoophiyaa fedhaa fi dantaa Oromoo miidhuu danda\u2019u kamuu gama filannoodhaan ofirraa deebisuu danda\u2019a<\/li><li>Hooggantoonni kufaatii Mootummaa Wayyaanee booda jiran hooggantoota qaama qabsoo Qeerroo fi Qarreeti jedhanii fudhatu waan ta\u2019eef jijjiiramni kun tasumaa fedhaa fi dantaa Oromoo tajaajiluu irraa duubatti hin deebi\u2019u fi<\/li><li>Yoo qaamni amma hooggansa irra jiru kun kan fedhaa fi dantaa Oromoo ganu ta\u2019emmoo yeroo muraasa keessatti aangoo irraa ariinee qaama barbaannu aangessuu dandeenya kanneen jedhanidha.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<p><strong><em>Garee Qabsoo Hidhannoo:<\/em><\/strong> Qaamni kun dhimma Qabsoo Bilisuummaa Oromoo irratti yaada, ilaalchaa fi tooftaa ABOn ganamaa qabu galmaan ga\u2019uuf bifa adda ta\u2019e qabatee itti fufaa jiru ta\u2019ee qaama haala walxaxaa fi shira siyaasaa sirnoota darbaa dhufaa Xoophiyaadhaan ijaaramaa dhufan kana gonkumaa karaa qabsoo nagaa injifachuun hin danda\u2019amu jedhudha. Gareen kun garee kamiyyuu caalaa diina baayyee kan qabuu fi haala ulfaataa keessatti kufuudhaaf kan ture ture. Bara 2019 keessa mootummaan Xoophiyaa bulchaa jiruu fi qaamoleen bilisummaan Oromoo galmaan gaheera jedhanii amanan qaama hidhatee QBO ganamaa sana itti fufsiisuudhaan Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf ofitti murteessee qabsaa&#8217;u irratti pirpogaandaa, ololaa fi tarkaanfii barbaachisu hunda fudhataa turan; a,,as ittuma jiru. Kanneen keessaa isaan ijoo ta&#8217;an isin yaadachiisuuf:<\/p>\n\n\n\n<p>(a) Faashiniin qawweedhaan loluu hafeera<\/p>\n\n\n\n<p>(b) kanaa booda Bilisummaa Oromoo tiksu malee alaabaa jala dhokatanii Oromiyaa dirree jeequmsaa gochuu hin qaban<\/p>\n\n\n\n<p>(c) qaamni kun bara 2018 booda kan bosonatti galedha (warra barii Bilisummaa bosona galan)<\/p>\n\n\n\n<p>(d) qaamni kun hattuu fi shiftaa dha<\/p>\n\n\n\n<p>\u00a0(e) qaamni kun guyyaa sadii gidduutti hiikkatee qabsoo karaa nagaatti dabalamuu qabaa fi akkas hin ta&#8217;u taanaan Raayyaan Ittisa Biyyaa tarkaanfii fudhatee torban lama gidduutti dhabamsiisa kanneen jedhan turan.<\/p>\n\n\n\n<p>Cimina Uummataa fi cichoomina isaaniitiin gareen qabsoo hidhannootti amanu kun baduu fi manca&#8217;uu irraa hafee daran jabaataa, lafa qabataa fi abdii Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa sadarkaa taherra ga&#8217;eera namoonni jedhan heddummataa dhufaniiru. Haata\u2019u malee haala walxaxaa siyaasa Xoophiyaa fi daldalaan guutamuu Siyaasa Oromoo kana keessa tooftaa kamiin keessa darbee akeeka QBO galmaan ga&#8217;a laata kan jedhu gaaffii diinnis, firris gaafatudha. \u00a0<\/p>\n\n\n\n<p><strong><em>Garee Himbaabsawaa (Silent Majority):<\/em><\/strong> Gareen kun ifatti bahee ilaalchaa fi ejjennoo ofii kan hin ibsine garuu gaafa haalli murteessaan dhufu dambalii injifannoo gara ofiitti kuffiisuu kan danda\u2019u dha. Taphattoota Siyaasa Oromoo fi haala waliigala Siyaasa Xoophiyaa kanneen itti siqeenyaan hordofanii fi beekan (dadhabinaa fi cimina isaanii); siyaasa qabatamaa haala qabatamaa irratti hundaa&#8217;e warra barbaadanii (eempirical\/working politics) fi kabaja mirgoota namoomaa, siyaasaa, fi dimokiraasii namaa fi garee hundaaf ilaalcha jedhutti guutummaa guutuutti warra amanan (unconditional respect of human, political, social, economic, and democrtaic rights) jechuudha. Gareen Silent Majority kun gareewwan armaan olii irraa of qusannaa (reservation) tokko tokko qaba. Fakkeenyaaf <strong><em>Garee Bilisummaaf<\/em><\/strong> gaaffii ijoo QBO milkaa&#8217;inaan goolabameera taanaan haalli amma Oromoo fi Oromiyaan keessa jiran bu&#8217;aa Bilisummaa ti iechuudhaa? Bilisummaa jechuun haala amma keessa jirru kana taanaan garbummaan Oromoo isa kam ta&#8217;uu danda&#8217;aree? kan jedhu ni gaafatu. Dhuma irrattis, Oromoon amma bilisoomeera taanaan bara bulchiinsa Wayyaanees bilisummaa jala turemoo bilisummaan bara Wayyaanee fi bilisummaan bara Prosperity Party garaagarummaa qabuu? gaaffii jedhu kaasu.<\/p>\n\n\n\n<p>\u00a0<strong><em>Garee Qaabsoo Karaa Nagaaf<\/em><\/strong> immoo gaaffii QBO akkamitti gama filannoodhaan xumuramuu danda\u2019aa kan jedhu irratti ibsa bal\u2019aa fi amansiisaa kan barbaadu yommuu ta\u2019u ilaalcha <strong><em>Uummata bilisa ta\u2019etu filannoo bilisa ta\u2019e gaggeeffachuu danda\u2019a<\/em><\/strong> jedhu qabatanii falmii yaadaa dhiyeessu. Sirnaa fi mootummaa garboomfataa jalaa bilisa ba\u2019uuf akkamitti filannoo mootummaa fi sirna garboomfataadhaan hoogganamu keessatti QBOtti xumura taasisuun danda\u2019amaan yaada ijoo gareen Silent Majority kun dhiyeessudha. Dhuma irratti <strong><em>Garee Qabsoo Hidhannoodhaaf<\/em><\/strong> gaaffii akkas jedhu dhiyeessu. QBO yoo kan gama hidhannoodhaan qofa galmaa\u2019aan ga\u2019u ta\u2019e tooftaa fi dandeettii akkamiitiin qabsoo hidhannoo waggoota 40 oliif gaggeessaa turame irraa adda ta\u2019een QBOtti xumura gochuun danda\u2019amaa? kan jedhudha. Gama biraan qabsoon hidhannoo riphee lolaa giddu-galeessa taasifatu attamitti guutummaa Oromiyaa keessatti bifa qindaa\u2019aa fi milkaa\u2019aa ta\u2019een gaggeeffamuu fi adeemsifamuu danda\u2019aa kan jedhus gaaffiima walqabatee ka\u2019u yommuu ta\u2019u kana jechuun ripheen lolaa Uummata Baadiyaa fi bosona riphee loltummaaf mijatu barbaada yaada jedhus ni kaasu. Haalli qabatamaa Oromiyaa ammaa immoo yeroo itti babal\u2019inni magaalaa dabalaa deemaa jirutti; bosonni manca\u2019aa deemaa jira fi wal-qunnamtiin magaalaa fi baadiyaa daran cimaa jira. Kana keessatti qabsoon gama hidhannoo danqaawwan hedduu ni qabaata sodaa jedhu qabuyaada jedhu. Itti dabalees ijaarsa riphee loltummaa magaalaa fi keessoo mootummaa irratti hojiin hojjetamaa jira moo hin jiruun gaaffii QBO tooftaa riphee loltummaa ammayyaa kan magaalaa giddu-galeessa godhatu ni qabaa jedhu dabalataan ni kaasu. Bifa biraan ibsuuf QBO riphee lolaa magaalaa ni qaba moo hin qabu kan jedhu ni gaafatu jechuudha. Akkas hin ta\u2019u taanaan qabsoon gama hidhannoodhaan gaggeeffamu ammas umurii dheeraa lakkoofsisuu kan danda\u2019uu fi hangasitti immoo Oromiyaan qoqqoodamaa; Oromoon caccabaa QBO immoo seenaa ta\u2019aa deema sodaa jedhu qabu.<\/p>\n\n\n\n<p><em>[Fuula 3ffaan itti fufee jira]<\/em><br><em>Lakk. <strong>3<\/strong> gadii kana cuqaasuun,<\/em> <em>fuula itti aanutti darbaa dubbisaa<\/em><\/p>\n\n\n\n<!--nextpage-->\n\n\n\n<h2 class=\"wp-block-heading\"><strong>Aggaammii QBO Gufachiisuu<\/strong><\/h2>\n\n\n\n<p>Gara ijoo dubbii barreeffama kanaatti gaafan deebi\u2019u gaaffii QBO gufataa jiramoo daran ititaa jira jedhuuf deebiin ititaa jira kan jedhudha. Sababni isaas jala-bultii kufaatii Mootummaa Wayyaanee jalaa fi hanga yeroo dhiyoo kanaatti wanti baayyeen burjaaja\u2019aa fi bulbulamaa ture. Bara 2016-2020tti burjaajii guddaatu QBOtti dhufe. Siyaasa qabatamaa haala qabatamaa Sabaa fi biyyaa giddu-galeessa taasifatu keessaa baanee siyaasa miiraa akeeka fedhaa fi dantaa murnaa (dhuunfaa) galmaan ga\u2019uuf gurra keenya ergisaa; laphee keenya immoo shakkiidhaan guutaa turre. Dhugaa dubbachuuf gaafa \u201cOromoon Bilisoomeera\u201d jedhamaa turre sana irra jireessi keenya bu\u2019aa bilisummaa dhandhamuudhaaf qophii taasisaa turre. Oromiyaan kan Oromoo taati; Oromoo ta\u2019uunii fi ilaalcha siyaasaa adda ta\u2019e qabaachuun yakka ta\u2019uu hin danda\u2019u; feeti dhuunfaa fi ilaalchi siyaasaa keenyaa garaagara ta\u2019e tokkummaa Oromummaa keenyaa hin diigu; hidhamuun, ajjeefamuun, ariiyatamuun, qe\u2019ee ofiirraa buqqa\u2019uun, qabeenyaan saamamuun, fi gama kamiinuu Oromoon salphachuun ni hafa jennee akka ulaagaa dhumaatti (bottom line) kaa\u2019annee ture. Kan nama ajaa\u2019ibu garuu MM Dr Abiyyi akkuma gara aangootti dhufeen olollii fi hojiin qabatamaatti daran garbummaa fi dararama Oromoo agarsiisu fudhatamuu jalqaban. Mee wantoota ijoo ta\u2019anan kaasuu yaala.<\/p>\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\" type=\"1\"><li>Gama miidiyaalee hawaasaan (Facebook fi TV adda addaan) olola qaama tokko dhaadessuu fi qaama biraa xiqqeessuutu jalqabame. <strong><em>TeamLammaa<\/em><\/strong> akka qabsaa\u2019ota dhugaa fi hooggantoota qabsootti leellisaa qaamota kaan kanneen akka KFO fi namoota dhuunfaa as objects of the struggle (bu\u2019aa qabsoo Teamlammaatti) agarsiisuu yaalan. Qeerroo fi Qarree ilaalcha Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromoo hin sharafamne qabaniin immoo warra aangoo barbaadu jechuudhaan olola maqaa balleessii irratti banan. Hidhamtoota siyaasaa qabsoon Uummataa dirqamsiisee hiiksiseen akka waan ofii isaanii jaalalaa fi fedhaan hiikaniitti odeeffatan.<\/li><li>Miseensota WBO gameessotaa fi buleeyyii kanneen sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessatti gumaacha adda duree qabanii fi mormii bara 2014-2017tti taasifamaa ture keessatti qooda qindeessuu, karoora baasuu fi tarkaanfii fudhachuu keessatti gahee olaanaa taphataniin \u201cWarra Barii Bilisummaa Jala Bosona Gale\u201d jedhanii olola irratti banan. Gama biraan immoo \u201cKashalabbeewwan yakka adda addaa hojjetanii seera jalaa baqatan; kanneen saamuudhaan jireenya dhuunfaa isaanii gaggeeffachuu barbaadanii fi warra bilisummaatti jiraachuu hin dandeenyedha\u201d jechuudhaan gama idilee fi al-idilee ta\u2019een maqa-balleessii irratti oofaa turan.<\/li><li>Miseensota Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO jalatti hojjetaa turanii fi Liigii Dargaggoota KFO hojii fincila diddaa garbummaa fi mormii uummataa qindeessuu fi keessatti qooda fudhataa turan gadi-xiqqeessuudhaan akka kajeeltota aangoo OPDO\/ODP\/ADWUI tti ilaaluu fi haal-diineffachuu guddaatu ture. Hojii kana keessatti kanneen qooda fudhatan namoota dhuunfaa maqaa Qeerroo fi Qarreedhaan daldalanii karaa qaxxaamuraa aangootti dhufan; warra dheebuu qabeenya saamichaan horachuu fi jireenya qananii jiraachuu bardaadan ture.<\/li><li>Gama miidiyaalee adda addaadhaan erga <strong><em>Garee Qabsoo Hidhannoo <\/em><\/strong>irratti olola bananii fi deemsisaa turanii booda hojiiwwan gurguddoo armaan gadiitu fudhatame:<br>(a) Namoota nagaa fi jaallatamoo ta\u2019an irratti tarkaanfii fudhachuudhaan akka qaamni hidhatee jiru yakka ajjeechaa raaawwateetti miidiyaaf ibsuu<br>(b) Saamicha adda addaa qindeessuudhaan akka waan qaamni hidhatee jiru saamicha raawwateetti gabaasuu<br>(c) Walitti bu\u2019iinsa sabummaa fi amantaa giddu-galeessa godhate kakaasuudhaan kanaafis qaama hidhatee jirutti kabuu<br>(d) Dhuma irratti qaamni hidhatee jiru kun akka hidhannoo hiikkatee mootummaatti harka kennatuuf dhiibbaa gama hundaan irratti uumuu ture.<\/li><li>Jaarmiyaa Siyaasaa ABO hanga danda\u2019an balleessuu ykn immoo mandhee isaanii keessatti ijaaruu; KFO immoo akka barbaadanitti olii fi gadi oofuuf tattaaffii guddaa gochaa turan!<\/li><li>Namoota dhuunfaa ejjennoo akeeka QBO irraa hin mixiqne qabaataa turan bifa adda addaan irratti hojjetaa turan. Tooftaa ulee fi kaarotii (stick and carrot) jedhutti fayyadamuun kaan kaan qabbaneessuu, kaaniin immoo ofitti dabaluu; kan dide irratti haal-dureewwan yakkaa barbaaduudhaan hidhuu, ukkaamsuu fi ajjeesuu itti fufan!<\/li><\/ol>\n\n\n\n<p><em>[Fuula 4ffaan itti fufee jira]<\/em><br><em>Lakk. <strong>4<\/strong> gadii kana cuqaasuun,<\/em> <em>fuula itti aanutti darbaa dubbisaa<\/em><\/p>\n\n\n\n<!--nextpage-->\n\n\n\n<h2 class=\"wp-block-heading\"><strong>Bayyaannachuu QBO fi Daran Itituu Isaa<\/strong><\/h2>\n\n\n\n<p>Egaa QBO ni gufate moo ni ititeen gaaffii hunda keenyaa yommuu ta\u2019u akka kootti ilaalchaa fi ejjennoo qabsoon bilisummaa Oromoo ni itite kan jedhun qaba. Gama adda addaan akka Qabsoon Bilisummaa Oromoo burjaaja\u2019eetti ykn gatateetti dubbatamaa turus yeroo kamiyyuu caalaa ititaa, qindaawaa fi jabaataa kan jiru akka ta\u2019e sababoota armaan gadiidhaan ibsuun yaala.<\/p>\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\"><li>Amma Oromoo dabalatee Saboonni, Sablammoonnii fi Uummattoonni Xoophiyaa biroon yoo xiqqaate akka hin bilisoomne hubatameera. Waggaa tokko dura namoonni shira siyaasaa oofaa turanii fi dantaan dhuunfaa (murnaa) isaanii guuttatan hundi \u201cOromoon amma gama siyaasaan bilisomeera; gara qabsoo diinagdeetti deebi\u2019uu qaba\u201d jechaa turan. Itti dabalatees, akka mootummaan MM Dr Abiyyi Mootummaa Ceehumsaa ta\u2019eetti fudhatanii dirqama kan nu ceesisus mootummaa Dr Abiyyidha jechaa turan. Qabata kanaatti nama baayyeetu burjaaja\u2019e; toora QBO irraa kanneen gowwoomfamanii fi itti fakkaatee maqanis hedduu ture. Amma garuu, irri jireessa Oromoo haala qabatamaa ammaa fi gara itti fuuldurri keenya deemu ilaalee waan gaabbe fakkaata! Kanaafis, falmachuun filannoo dhumaa akka ta\u2019ee fi tooftaan falmachuu (means of struggle) isa kam akka ta\u2019uu qabu irratti ofittii fi walii isaatti dudubbachaa kan jiru ta\u2019uutu mul\u2019ata.<\/li><\/ol>\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\" start=\"2\"><li>Mootummaa Prosperity Party fi waahillan isaa keessatti \u2018Walganuu sadarkaa dhuunfaa irraa kaasee hanga murnaatu jira\u2019: namoonni waggoota shanan darban qabsoo fi siyaasa Oromoo keessatti dhageettii fi gahee guddaa qaban walii-walii isaanii ganaa jiru. Eenyu eenyuun akka ganee fi maaliif akka ta\u2019e wallaallus wanti irra keessaan mul\u2019atu garuu akka wal-gananii jiranidha. \u201cHattuun gaafa hattu walii-galti; gaafa waan hatan sana hiratan garuu wal-lolti\u201d akkuma jedhamu akka hin taanen sodaadha. Kana jechuun namootaa fi qaamota wal-ganan kana keessaa qaamni ajandaa QBO of harkaa qabu akka hin jirree fi hunduu akeeka impaayera Xoophiyaa galmaan ga\u2019uuf akkamtaa irratti (means) wal-lolu malee garaagarummaa bu\u2019uuraa akka hin qabnetu natti mul\u2019ata. Haata\u2019u malee, walganuun isaanii waan QBO\u2019f buusu qaba. \u00a0<\/li><\/ol>\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\" start=\"3\"><li>Humni QBO kan Sabboonummaa Oromoo, Tokkummaa Oromoo, Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromootti amanu dhabamsiifamuu irraa hafee daran jabaataa fi abdii ta\u2019aa jiraachuu isaati. Qaamonni kanaan dura irratti ololaa turanii fi shira siyaasaa irratti dalagaa turanis waan gaabbanii gama adda addaan dhiifama gaafatan fakaatu! Kunis bu\u2019aa kallattii qabaachuu dhiisus bu\u2019aa al-kallattii ni qabaata. Irra jireessa Oromoo garaa hire ykn of-qusate sana dammaqsuudhaan namuu gama danda\u2019een gumaacha isarraa eegamu akka taasisuuf haala mijataa ni uuma!<\/li><\/ol>\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\" start=\"4\"><li>Qabsoon karaa nagaa olaantummaa qaama qawwee, maallaqa, miidiyaa, fi aangoo qabu seerawaa taasisuuf yaadamaa ture hundi karaatti hafuu isaati. Kunis sababa mootummaan fedhaa fi qophii filannoo bara 2020 gaggeessuu hin qabneef; sababa weerara COVID-19 ttii fi sababa walii-galtee dhoksaa murnoota\/namoota daldala siyaasaa mootummaa wajjin taasisaniifidha. As keessaa kan nama hundaa amansiisu dhimma COVID-19 tahus sababoonni lamaan as keessatti ibsaman garuu hangas haguuggii fi beekamtii hin arganne ture. Gama tokkoon hanga waggaa 10tti gareen hooggansa jijjiiramaa Xoophiyaa fi Oromiyaa akka bulchuu qabu irratti waliif-galamee ture; gama adda addaan beeksifameeras! Gama biraan immoo Mootummaan fedha filannoo gaggeessuu fi qophii isaas akka hin qabne namoonnii fi qaamonni keessa beekan hangam akka haqa ta\u2019e ni beeku. Kanaafuu, qabsoon karaa nagaa (karaa filannoo) ammaaf abdii hin qabu. Kana jechuun immoo Mootummaa Prosperity Party hanga filannoon gaggeeffamuutti akka barbaadetti ni bulcha; tarkaanfiis ni fudhata jechuudha. Kunimmoo miseensonni, deeggartootnii fi hooggantootni qabsoo karaa nagaa akka tooftaa qabsoo biraa fudhataan\/hordofan ni taasisa. Fakeenyaaf: fincila Uummataa fi hiriira nagaa qindeessuudhaan akka Uummanni Mootummaa Prosperity Party irratti ka\u2019u taasisuudha.<\/li><\/ol>\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\" start=\"5\"><li>Qaamotaa fi namoota qabsoo karaa nagaatti amananii hojjetanii fi jireenya ifaa ta\u2019e jiraatan hidhuu, ajjeesuu fi sobaan yakkamaa taasisuun immoo daran qaabxii 4ffaa armaan olii irra jireessa Oromoof mirkaneesse. Kana jechuun Oromoon harka maratee sirna ammaa kana amanee akka jireenya dhuunfaa isaa jiraachuutti QBO hin daganne\/hin dhiifneef kaka\u2019umsa ni uuma.<\/li><\/ol>\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\" start=\"6\"><li>Saamichi lafaa daran itti fufuu; bulchiinsa magaalaa Finfinnee daran babal\u2019isuudhaan gara naannoo of dandeesseetti guddisuuf tattaafataa jiraachuun; magaalota keessatti bifa adda ta\u2019een ijaarsii fi qabsoon Oromoo laafaa dhufuun hangam akka haalli amma keessa jirru kun ulfaataa ta\u2019e agarsiisa. Kunis Oromoon qabsoo hadhaawaaf akka of qopheessuu fi QBO waggoota dheeraa lakkoofsisetti xumura akka godhuuf Oromoo hunda ni kakaasa jechuudha.<\/li><\/ol>\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\" start=\"7\"><li>Hundeeffamnii fi caaseffamni Prosperity Party bu\u2019uurumaan kan heera federaalaa fi heera naannolee diigee fi akkaataa itti sirna giddu-galeessaa (unitarism) deebisanii cimsuun danda\u2019amu irratti kan xiyyeeffate akka ta\u2019e deemsa siyaasaa fi dambiiwwaan paartichaa dubbisanii hubachuun ni danda\u2019ama. Kana jechuun siyaasni fakkeessaa fi gowwoomsaa hafee ifaan ifatti akka bara Dargiitti deebi\u2019aa jiraachuu keenya agarsiisa. Kunis daran QBO ni cimsa jechuudha!<\/li><\/ol>\n\n\n\n<h2 class=\"wp-block-heading\"><strong>Guduunfaa<\/strong><\/h2>\n\n\n\n<p>Walumaagala, bulchiinsi sirna giddu-galeessummaa abbaa irree ta\u2019e (dictatorial unitary system) Qabsoo Bilisummaadhaaf waan akka boba\u2019aa abiddatti dabaluuti. Kana jechuun cunqursaanii fi \u00a0dhiibbaan Oromoo fi Oromiyaa irratti daran itti fufuun akkasumasi burjaajiin qabsoon karaa nagaa qulqullaa\u2019aa dhufuun isaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo akka ititu ni taasia; ititaas jira jechuudha. Amma, yeroo kamuu caalaa diinnii fi firri Oromoo adda bahee beekameera! Diina innakkaa (strategic enemy) fi diina tooftaa (tactical enemy) keenya waan adda baafnee hubanne natti fakkaata! Namoonni ykn murni fedha yeroo gabaabaafis tahu oofamee, gowwoomfamee ykn maal naan jedhuudhaan diina yeroo QBO ta\u2019anis gara toora QBOtti deebi\u2019aa jiraachuu isaanii argaa jirra!<\/p>\n\n\n\n<p><strong><em><u>Hubachiisa<\/u><\/em><\/strong>: Yaadnii fi ejjennoon barreessaa barreeffama kanaa Qabsoo Karaa Nagaa yommuu ta\u2019u xiinxalli barreeffama kana keessatti gaggeeffame immoo yaadota adda addaa giddu-galeessa taasifachuudhaan haqa lafarra jiru ibsuuf kan yaalame ta\u2019uu isin beeksifna! &nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>Horaa Bulaa! Deebanaa! Fayyaa Tahaa! &nbsp;&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Seensa Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO) akeeka, galmaa fi akkaataa mataasaa danda\u2019e kan qabuu fi Sabni Oromoos yeroodhaa yerootti hubataa, adda baafataa fi galmaan ga\u2019uuf qabsoo taasisaa kan turee fi ammas kaan itti jirudha. Kufaatii Mootummaa Wayaanee booda haalli QBO nama baayyeetti gaaffii ta\u2019aa jiraachuun isaa ni beekama. Kanarraa kan ka\u2019es gariin ni gufate gariin immoo &hellip;<\/p>\n<p class=\"read-more\"> <a class=\"\" href=\"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/qabsoon-bilisummaa-oromoo-gufataa-moo-ititaa-jiraa\/\"> <span class=\"screen-reader-text\">Qabsoon Bilisummaa Oromoo Gufataa Moo Ititaa Jiraa?<\/span> Read More &raquo;<\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"nf_dc_page":"","site-sidebar-layout":"default","site-content-layout":"default","ast-global-header-display":"","ast-banner-title-visibility":"","ast-main-header-display":"","ast-hfb-above-header-display":"","ast-hfb-below-header-display":"","ast-hfb-mobile-header-display":"","site-post-title":"","ast-breadcrumbs-content":"","ast-featured-img":"","footer-sml-layout":"","theme-transparent-header-meta":"default","adv-header-id-meta":"","stick-header-meta":"","header-above-stick-meta":"","header-main-stick-meta":"","header-below-stick-meta":"","footnotes":""},"categories":[6],"tags":[],"class_list":["post-935","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-analysis"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/935","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=935"}],"version-history":[{"count":4,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/935\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":939,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/935\/revisions\/939"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=935"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=935"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=935"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}