{"id":721,"date":"2020-05-27T20:35:30","date_gmt":"2020-05-27T20:35:30","guid":{"rendered":"https:\/\/sanyiigadaaconsultancy.org\/opsa\/?p=721"},"modified":"2020-05-27T20:35:41","modified_gmt":"2020-05-27T20:35:41","slug":"xiinxala-haala-yeroo","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/xiinxala-haala-yeroo\/","title":{"rendered":"Xiinxala Haala Yeroo"},"content":{"rendered":"\n<h4 class=\"wp-block-heading\"><strong><a href=\"https:\/\/www.facebook.com\/hashtag\/opsa?__cft__[0]=AZUXE_An1rQOm8aMoIyPF42e31mkp7QShCi_Bz3ULkLw2yEJUMz6znq17kuG-Uljx5yetQ_s-hhX8gUxnA-xHnWYJBpMQnCxYMXTSdalVL162wpvNItwVlLa1aWK8bs-TRs&amp;__tn__=*NK-R\">#OPSA<\/a> Xiinxala Haala Yeroo: Furmaata Akeeka Qabsoo Oromoo (The Way Forward to Oromo Causes)<\/strong><\/h4>\n\n\n\n<p>Hanga gaafa Pirezidaantiin Oromiyaa duraanii Obbo Muktaar Kadir aangoo irraa kaafamuutti akeeknii fi karaan Qabsoo Oromoo Qeerroo fi Qarreen hoogganamu sirrii fi ifaa ture: innis Bilisummaa Oromoo fi Oromiyaa mirkaneessuudhaan impaayera Xoophiyaa dimokiraatessuu (optional) kan jedhu ture. Ukkaamsaanii fi cunqursaan Oromiyaa keessatti waggoota 25\u2019f taasifamaa ture Oromoo gidduu garaagarummaa jiru\/ture dhiphisee hundumtii akka diina waloo irratti xiyyeeffatuuf dhiibbaa dirqamaa hundumarratti (necessary pressure) uume. Barataa fi barsiisaan; qotee-bulaa fi daldalaan; hojjetaan mootummaa fi qabsaa\u2019onni daran harka wal-keessa galfatan. Kan karoorsuu fi murtoo dabarsu eenyuun isaa otoo hin beekamiin qaama afaan qabsoo ta\u2019een (mouthpiece of the struggle) dhaamsi darbaa ture. Harki caalaan afaan qabsoo keenya bara sanaa Diyaaspooraa fi dhaabbilee Diyaasporaa turan. Akkasumas deeggarsi maallaqaa fi gorsi ogummaa diyaaspooraa gahee mataasaa qaba ture.<\/p>\n\n\n\n<p>Injiinarri Siyaasa OPDO, Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa (ani akka dhuunfaatti nama kana nan safeeffadha, nan kabajas) yeroo sana haalli Oromiyaa fi Oromoo keessatti ta\u2019aa jiru egeree ijaarsa siyaasa isaaf (OPDO\/ADWUI\u2019f) hudhaa akka ta\u2019e waan hubateef OPDO keessatti jijjiiramni akka barbaachisuuf dhiibbaa kallattii guddaa taasisaa ture. Ni yaadattu yoo ta\u2019e bara Obbo Alamaayyoo Atoomsaan gara Pirezidaantummaatti dhufe sana sochiin keessoo OPDO kan Obbo Alamaayyoodhaan durfamu hundee ijaarsa siyaasa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa (OPDO) hurgufuu gaafa jalqabu tooftaa rakkoo keessoof furmaata keessoo jedhu (internal solution for internal problem) fayyadamuun abidda keessoo OPDO nyaatee balleessuuf ka\u2019e dhaamsan.<\/p>\n\n\n\n<p>Obbo Alamaayyoon namoota malaanmaltummaadhaan tortoran qulqulleessuu fi saamicha lafaa hanbisuuf akka ture dhaga\u2019aa turre. Bu\u2019uurri ijaarsa siyaasaa OPDO immoo malaanmaltummaa fi saamicha lafaa akka ta\u2019e ana caalaa isintu beeka. Laftii fi qabeenyi Oromoo akka ajaa\u2019ibaatti saamamuu kan jalqabe bara 2005 keessa (filannoo duraa fi booda) tahus kan bifa qindaawaa ta\u2019een saamame bara 2011-2016 gidduuttidha: bara 2005-2008 tti Nafxanyaatu lafa Oromoo saame; bara 2009 irraa kaasee hanga bara 2016tti Wayyaaneetu bifa qindaa\u2019aa ta\u2019een saame; dallaalonni garuu yeroo hundaayyuu warra OPDO dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Obbo Alamaayyoo Atoomsaa erga boqotee booda namni gara aangoo Pirezidaantummaatti dhufe nama Qabsoo Oromoof gumaacha guddaa gumaatedha, innis Obbo Muktaar Kadiridha. Bara bulchiinsa isaa keessatti takkaa waan Oromoo gammachiisu dubbatee fi hojjetee ka hin beekne namni kun hanga danda\u2019ame ajandaawwaa dhaabni OPDO isaaf kennu dalaguu fi jalqabsiisuu danda\u2019eera garuu kan isaa kan ta\u2019e tokko dogoggoree illee hin dubbannes, hin hojjennes. Ajjeefamuu fi dararamuu Oromoo Wayyaaneedhaan ta\u2019aa tureef nama galata guddaa galcheefii achumaanis galataan aangoo irraa gaggeeffamedha.<\/p>\n\n\n\n<p>Haaluma kanaan, Obbo Abbaa Duulaa Gammaadaa ilmaan isaa keessaa kanneen tooftaa haalli yeroo barbaadu hojiitti hiikuu danda\u2019an jedhamanii yaadaman muraasa walitti qabee gara hooggansa bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti fide. Isaan keessaa Obbo Lammaa Magarsaa tokko ture. Obbo Lammaa Magarsaa haasaa bara mormii Maaster Pilaanii Finfinnee sana Buraayyuutti taasiseen aangoo Pirezidaantummaaf ga\u2019e. Isaa booda, Dura Taa\u2019aa OPDO ta\u2019uudhaan ji\u2019oota lamaaf (August and September, 2016) gama Ethiotelecom dhaan SMS\u2019tiin siyaasa sossobbaa jalqabe. Akka carraa ani yeroo sana biyya Switzerland magaalaa Fribourg\u2019n ture. Otuman achi jiruuti kan Atileet Fayyisaa Leellisaa qabsoo Qeerroo fi Qarree waltajjii addunyaatti nuuf beeksise (nama kanaafis kabajan qaba).<\/p>\n\n\n\n<p>Haalli yeroo dhuma bara 2016 tooftaa lama barbaada. 1ffaa: nama (namoota) haasaa mimmi\u2019aawoo haasa\u2019anii yaadaa fi qalbii dargaggootaa ofitti hawwachuu danda\u2019u yommuu ta\u2019u inni 2ffaa immoo hojii akka Oromoon irra deebi\u2019ee OPDO abdatu gochuuti. Gama kanaan Obbo Lammaanis, Obbo Addisuunis, Dr Abiyyis hin komatamne. Kanaaf haasaa fi tooftaan isaanii hayyoota keenya dabalatee irra jireessa Oromoo ajaa\u2019ibsiise! Fakkeenyaaf, yeroo darbe qophii OSA irratti Dr Asebe Regassa akkas jedhee ture \u201cNaazireet keessaa wanti gaariin ni ba\u2019aa akkuma jedhame sana hanga OPDO keessaa namni akka Taakkalaa Uumaa ni jiraa jedhee of gaafadhuutti gaheera\u201d Yaadni Dr Asebe kun irra jireessa Oromoo biratti \u201cNamni akka Obbo Lammaa Magarsaa fi Dr Abiyyi Ahimad dhuguma OPDO keessa ni jiraa?\u201d jedhee akka abdii xiqqoo dhaaba OPDO irratti abdatu taasise.<\/p>\n\n\n\n<p>Erga Obbo Lammaa Magarsaa Pirezidaantii ta\u2019ee booda <a href=\"https:\/\/www.facebook.com\/hashtag\/teamlammaa?__cft__[0]=AZUXE_An1rQOm8aMoIyPF42e31mkp7QShCi_Bz3ULkLw2yEJUMz6znq17kuG-Uljx5yetQ_s-hhX8gUxnA-xHnWYJBpMQnCxYMXTSdalVL162wpvNItwVlLa1aWK8bs-TRs&amp;__tn__=*NK-R\">#TeamLammaa<\/a> kan jedhu sadarkaa Oromiyaa fi biyyaalessaatti uumameetu bifa salphaa ta\u2019een Wayyaanee ariinee aangoo qabanna\/harkaa fudhanna kan jedhuutti debi\u2019ame. Namoota muraasa walitti qabamanii dibbee TeamLammaa rukkutaa turan keessaa anis hamma kootti qooda keessaa qaba (boodarra murni dheebuu aangoo qabu anaa fi namoota kaan ganee darbus). Walumaagala, akeekni Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa baayyee keenyaaf hin galle ture. Obbo Abbaa Duulaan qaamni hundi hooggansa OPDO\/TeamLammaa jala akka galu arguu fi amanuu danda\u2019uudha. Isaa booda namootaa fi jaarmiyaalee siyaasaa akkasumas murnoota salphaatti liqimfamuu danda\u2019an alanfatanii liqimsuudha.<\/p>\n\n\n\n<p>Jaarsi akkuma akeeke sanas murnootaa fi namoota dhuunfaa otoo alanfachuun isa hin rakkisiin liqimse (Diyaaspooraa fi ODF\/ADO); namootaa fi jaarmiyoota ciccimoo immoo gatachiisuu\/dadhabsiisuu kan jedhu ture. Akka barbaadametti KFO fi ABO gatachiisuu dadhabanis tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhateera. 1ffaa: harcaatonni OPDO akka KFO fi ABO keessa galan ta\u2019eera 2ffaa: afaanfaajjii (burjaajii) guddaan akka akeekaa fi galma qabsoo Oromootti dhufu taasiseera 3ffaa: tooftaa gargar baasii bulchi (divide and rule) bara Pirezidaantummaa Alamaayyoo Atoomsaa sana hojiitti hiikuu yaaleera. Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa ilmaan hojiiwwan kana hundaa isaaf hojjetu argateera.Abbaan akka Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa milkaa\u2019aa fi gammadaan jiraa laata? Hiriyyoonni Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa, Obbo Barakat Simi\u2019oon mana hidhaa jira; Abbaay Tsaayee immoo Maqaleetti daangeffamee taa\u2019e.<\/p>\n\n\n\n<p>Tarkaanfiiwwan Qabsoo Oromoo dadhabsiisuuf fudhataman keessaa inni baayyee irratti hojjechuu nu gaafatu jedhee yaadu afaanfaajjii akeeka qabsoo Oromoo irratti uumamedha. Ni yaadattu yoo ta\u2019e harki caalaan Diyaaspooraa fi Aktivistoonni biyya keessaa fi alaa \u201cOromoon Bilisoomeera\u201d kan jedhu saalfii fi sodaa tokko malee gama adda addaan lallaban. \u201cOromoon bilisummaa Siyaasaa argateera; ammaan booda qabsoo diinagdeetti ceehuu qabna\u201d maal maal jedhame. Muraasni keenya akka budaa baaqelaa qophaatti hafnee arrabsamne, doorsifamnes. Hunda caalaa immoo giddu-gala qabsoo Oromoo qaama ta\u2019e WBO irratti duulli taasifame hojii Yesuus Kiristoosiin fannisuuf hojjetame wajjin wal-fakkaata. Qaamonnii fi namoonni Yesuus Kiristoosiin fannisuuf waliif galan ofuma isaaniiyyuu warra waliif hin galledha: fedhaa fi akeeka faallaa qabu ture garuu diinni waloo isaanii Yesuus waan ta\u2019eef isa fannisuu irratti waliif galan.<\/p>\n\n\n\n<p>WBO\u2019n haa hiikkatu yaadni jedhu akkuma jirutti ta\u2019ee akka WBO\u2019n yakkamaa fi shiftaa ta\u2019eetti raggaasisan. Kanarra darbee tooftaa riphee lolaa dhabamsiisuu keessaa isa murteessaa kan ta\u2019e tokko hojiitti hiikan: qurxummii dhabamsiisuuf haroo balleessuu\/yaasuu qabda isa jedhamu sana. Innis Uummata naannoo WBO\u2019n socho\u2019u akka diinaatti fudhachuudhaan waan seenaa Xoophiyaa fi Oromiyaa keessatti hin taane irratti dalagan; hanga ammaas dalagamaa jira. Dararaa fi dhumaatii Uummata naannoo WBO\u2019n keessa socho\u2019uuf qaamni itti gaafatamu Mootummaa qofaa akka hin taane asumaan beekamuu qaba. Hanga barbaadamu fiixaan ba\u2019uu baatus duulli qindaa\u2019aan gama mootummaa fi qaamota biroon gaggeeffamaa ture yeroo muraasaaf burjaajii uumee ture. Akkuma Yesuus Kiristoos du\u2019aa ka\u2019e sana WBOnis ta\u2019u akeekni qabsoo Oromoo Bilisummaa Oromoo fi Oromiyaa milkeessuuf taasifamu yeroo ammaa kana bayyaannataa, lataa, lalisaa fi gabbataa waan jiru fakkaata. Yoo xiqqaate qalbiin nama baayyee gaabbeera; kaan kaan isaanii immoo qabsoo karaa hidhannoo taasifamutti amanaa jiraachuu isaanii argaan jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaafuu, kallattiin furmaataa Qabsoo Oromoo gara akeekaa fi galma qabsoo Oromoo fi Oromiyaatti deebi\u2019uudha. Sababoota bu\u2019uuraa (major factors\/causes) fi sababoota yeroo (immediate factors\/causes) adda baasanii yoomessaa fi akkaataa itti qabsoo qindaawaa taasisan irratti xiyyeeffachuu gaafata. Mirgoota sadarkaa 2ffaa (Social, Economic and Cultural Rights) fi 3ffaa (Development and environmental rights) irratti xiyeeffachuu fi isaaniif iyyuu\/qabsaa\u2019uu dhiisanii mirgoota sadarkaa 1ffaa (Civil and Political Rights) irratti xiyeeffatanii furmaata itti gochuutu faladha. Akkas hin ta\u2019u taanaan yeroo 4ffaaf OPDO\u2019n afaanii fi tooftaa jijjiirrattee akeeka qabsoo Oromoo gatachiisuuf akka haala mijeeffachaa jirtu dagachuu hin qabnu.<\/p>\n\n\n\n<p>Sabboontota OPDO fi Diyaaspooraatu ammas goota ta\u2019ee Uummata garraamii kana gowwoomsuuf wixxifataa jira jedheen yaada. Namoota dhuunfa bara OPDO saamanii qabeenya horatantu saamicha gulantaa olaanaa dhabanii qabsoo haqaa fi bilisummaa reefu bayyaannataa jiru kanatti makamuuf cinaa naanna\u2019aa jiru! Namoota akkasii fi qaamota diina innakkaa fi diina tooftaa (both strategic and tactical enemies) ta\u2019an kana akkamitti ilaaluun akka danda\u2019amuu fi tooftaa isaan wajjin taphachuuf nu fayyadu ammumaan tolfachuun barbaachisaadha. Akka bara 2015-2017 sanaatti OPDO\/ODP, gantoota, ayyaanlaallattoota fi dallaalota Oromoo amannee abbummaa fi hooggansa qabsoo itti kennuun akka nurra hin jiraannen dhaloota kanaaf dhaamuun barbaada. Qabsoo keessatti hunduu gahee qaba (diinni illee) garuu qaamni\/namni karaarraa qabsootti makamee fi namni\/qaamni ganamuma karaa qabsoorra jiru tasumaa ija tokkoon ilaalamuu hin qaban. Waan TeamLammaan nu hojjete irraanfachuu hin qabnu jechuu barbaadeeni!<\/p>\n\n\n\n<p>Yoo gara Akeeka Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Oromiyaatti deebi\u2019uuf fedha qabaanne; Waaqni\/Rabbi humnaa fi dandeettii nu deebisu nuuf ni kenna jedheen amana! Dhaloonni Qubee, QBOtti xumura gochuu qaba jedheen abdadha! Ani gamuma qalama kanaan waan narraa eegamu ba&#8217;achuun yaala, kanaaf iifama!<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Horaa Bulaa! Deebanaa! <\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><strong>Fayyaa Ta\u2019aa!<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>#OPSA Xiinxala Haala Yeroo: Furmaata Akeeka Qabsoo Oromoo (The Way Forward to Oromo Causes) Hanga gaafa Pirezidaantiin Oromiyaa duraanii Obbo Muktaar Kadir aangoo irraa kaafamuutti akeeknii fi karaan Qabsoo Oromoo Qeerroo fi Qarreen hoogganamu sirrii fi ifaa ture: innis Bilisummaa Oromoo fi Oromiyaa mirkaneessuudhaan impaayera Xoophiyaa dimokiraatessuu (optional) kan jedhu ture. Ukkaamsaanii fi cunqursaan Oromiyaa &hellip;<\/p>\n<p class=\"read-more\"> <a class=\"\" href=\"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/xiinxala-haala-yeroo\/\"> <span class=\"screen-reader-text\">Xiinxala Haala Yeroo<\/span> Read More &raquo;<\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"nf_dc_page":"","site-sidebar-layout":"default","site-content-layout":"default","ast-global-header-display":"","ast-banner-title-visibility":"","ast-main-header-display":"","ast-hfb-above-header-display":"","ast-hfb-below-header-display":"","ast-hfb-mobile-header-display":"","site-post-title":"","ast-breadcrumbs-content":"","ast-featured-img":"","footer-sml-layout":"","theme-transparent-header-meta":"default","adv-header-id-meta":"","stick-header-meta":"","header-above-stick-meta":"","header-main-stick-meta":"","header-below-stick-meta":"","footnotes":""},"categories":[6],"tags":[],"class_list":["post-721","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-analysis"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/721","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=721"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/721\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":722,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/721\/revisions\/722"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=721"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=721"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=721"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}