{"id":589,"date":"2020-05-24T15:26:02","date_gmt":"2020-05-24T15:26:02","guid":{"rendered":"https:\/\/sanyiigadaaconsultancy.org\/opsa\/?p=589"},"modified":"2020-05-24T17:18:43","modified_gmt":"2020-05-24T17:18:43","slug":"mootummaa-ceumsaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/mootummaa-ceumsaa\/","title":{"rendered":"Mootummaa Ce&#8217;umsaa Hundeessuu fi Fedhiiwwan Fallaa"},"content":{"rendered":"\n<p><strong>Mootummaa Ceehumsaa Hundeessuu Ilaalchisee Fedhiiwwan Faallaa: Oromoo fi Warra Soddaa Bara 2018-2020 Gidduu<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Asumaan Jaal <a href=\"https:\/\/www.facebook.com\/gelana.kissi?__cft__[0]=AZUXSp79o66cfxN4PlMsYnfoJoLnXKXRbcAXydQUoQ7SHrMW0O4g0fEatRy7oqA6fuyvMAfcYOefbIfkLA6Tkaq7zSWibqlmz--RUnLn_SB8NwjeMWH9sw7jjm4n8wgJx-E&amp;__tn__=-]K-R\"><strong>Galaanaa Kiisii<\/strong><\/a> akkan dhimma kana irratti ibsa bal\u2019aa kennuuf na affeeruu keef maqaa <a href=\"https:\/\/www.facebook.com\/hashtag\/onpa?__cft__[0]=AZUXSp79o66cfxN4PlMsYnfoJoLnXKXRbcAXydQUoQ7SHrMW0O4g0fEatRy7oqA6fuyvMAfcYOefbIfkLA6Tkaq7zSWibqlmz--RUnLn_SB8NwjeMWH9sw7jjm4n8wgJx-E&amp;__tn__=*NK-R\">#<\/a><a rel=\"noreferrer noopener\" href=\"https:\/\/www.facebook.com\/hashtag\/onpa?__cft__[0]=AZUXSp79o66cfxN4PlMsYnfoJoLnXKXRbcAXydQUoQ7SHrMW0O4g0fEatRy7oqA6fuyvMAfcYOefbIfkLA6Tkaq7zSWibqlmz--RUnLn_SB8NwjeMWH9sw7jjm4n8wgJx-E&amp;__tn__=*NK-R\" target=\"_blank\">OPSA<\/a> dhaan baayyeen si galateeffadha. Dhugaadha hojii bal\u2019aan of harkaa qaba ture garuu dhimmichi waqtaawaa akka ta\u2019e daqiiqaa muraasaaf Facebook kanarraa hubachuu yaaleera. Akkuma Galaanaan jedhe \u201cWaggaa tokko dura jara keenya warra Soddaatu hundeeffamuu Mootummaa Ceehumsaa akka malee barbaada ture. Irra Jireessi Oromoo immoo hanga Filannootti kan nu Ceesisu Mootummaa Dr Abiyyi jedhaa ture. Har\u2019a garuu dubbiin faallaa taate\u201d Kuni Maaliifii laata?<\/p>\n\n\n\n<p><strong><em>A.<\/em><\/strong> Warri Soddaa Maaliif Hundeeffama Mootummaa Ceehumsaa Dura Barbaadan? Yaadrimeen \u2018Mootummaa Ceehumsaa ykn Mootummaa Adaraa\u2019 Oromoof caalaa warra soddaa kanaaf irra gale jedheen yaada. Warri soddaa gaafa Mootummaa Ceehumsaa barbaadna jechaa turan wantoota armaan gadii hedaniiti.<\/p>\n\n\n\n<p>1ffaa: Lafeen dugdaa Mootummaa Dr Abiyyi Qeerroo\/Qarree Oromoo fi humnoota sabboonummaa sabaa (ethno-nationalist forces) jedhanii waan shakkaniif; waan sodaataniifi.<\/p>\n\n\n\n<p>2ffaa: Yoo Mootummaan Ceehumsaa hundaa\u2019e sektera hedduu keessatti wal-ijaaranii maqaa dhaabbilee adda addaan sagalee wayyaba argatanii hawwii Xoophiyaa tokko taate mirkaneessuu sana galmaan ga\u2019atu.<\/p>\n\n\n\n<p>3ffaa: Oromoo dabalatee saboonni kaan seekteraa fi dhaabbilee miti-mootummaa adda addaa baayyinaan hin qabu; keessattis of hin ijaarre. Kanaaf, Oromoo fi saboonni kun gama jaarmiyaalee siyaasaa qofaan bakka bu\u2019u jechuudha. Jaarmiyaaleen Siyaasaa Oromoo kunniin immoo Uummatoota biroo biratti akka shakkamanii fi jibbaman waan taasifamaa tureef siyaasa Xoophiyaa ceesisuu keessatti hin amanamu jechuudha.<\/p>\n\n\n\n<p>4ffaa: Mootummaan Ceehumsaa kun yoo hundeeffame \u2018Heerri Federaalaa kan bara 1995 fi heeronni Naannolee ni diigamu ykn ni fooyya\u2019u\u2019 jechuudha.<\/p>\n\n\n\n<p>5ffaa: Hireen bara 1991\/2 sun deebi\u2019ee akka humnoota Oromoo irratti raawwatu barbaadaniitu. Bara 1991\/2 TPLF tu humnoota Oromoo gowwoomsee fi humna yerootti fayyadamee rakkoo hamaa keessa buuse. Kan bara 2018\/9 immoo warra soddaatu shira akkasiif haala mijeeffataa ture. Dhugaa dubbachuuf otooma Mootummaan Ceehumsaa hin hundeeffamiin iyyuu humnoota Oromoo gatachiisuu isa barbaadan sanaa harka 50% milkaa\u2019aniiru, ammas milkaa\u2019aa jiru. Silaa, Oromoon nama akka Jaal Abdii Raggaasaa boolla Waraabessaa keessatti caljedhee hin ilaalu ture; kumaatamootaanis Oromoon hin hidhamu ture; Oromoon akka bara Primitive society sana gandaa fi amantaan wal hin nyaatu ture. <\/p>\n\n\n\n<p>[<strong><em>Hubachiisa:<\/em><\/strong> Maxxansi kun fuula 3 qaba. Itti fuftanii dubbisuuf, lakk 2 gadii kanaa cuqaasaa!]<\/p>\n\n\n\n<!--nextpage-->\n\n\n\n<p><strong><em>B.<\/em><\/strong> Oromoon Maaliif Waggoota Lamaan Darban Kana Hundeeffama Mootummaa Ceehumsaa Mormee? Irra jireessi Oromoo maaliif Hundeeffama Mootummaa Ceehumsaa maaliif mormee? Sababoota armaan gadiif natti fakkaata:<\/p>\n\n\n\n<p>1ffaa: Oromoon garraamumaa fi gowwummaa waan qabuuf ODP fi TeamLammaa; hunda caalaa Obbo Lammaa Magarsaa, Dr Abiyyi Ahimadii fi Obbo Jawaar Mohaammad na ceesisu jedhee amane. Siyaasa keessatti nama hin amanan (nama amanuun; jaarmiyaa siyaasaa amanuun amala un-political society ti). Dhimma kana Online Political Academy bal\u2019inaan ni ilaalla\/ni baranna. Ani Oromoon qaamotni kun na ceesisu jedhee amanuun sirrii miti jechaa hin jiru garuu of-eeggataa akka qaamonni kun isaaf hojjetaniif gama adda addaan dhiibbaa irratti gochuu qaba ture jedheen komadha. Namni\/qaamni tokko hanga barcuma aangootti dhufuutti jaallatamuu\/amanamuu danda\u2019a; erga aangoo qabatee garuu jaallatamuu fi amanamuun hin maluuf. Kan jaallatamuu fi amanamuu qabu madda aangoo nama\/qaama sanaati (Uummata).<\/p>\n\n\n\n<p>2ffaa: Oromoon ODP fi namoonni tokko tokko walumaagala Mootummaa fi gorsitoonni\/deeggartoonni tasumaa dhiibaa koo jalaa ni ba\u2019u jedhee hin yaadne. Oromoon of-tuulummaa (ofitti amanamummaa) \u201cWayyaanee hanga funyaaniitti hidhatte iyyuu dhagaadhaan ariine\u201d jedhu horatee jara aangootti dhufan kana tuffate\/salphisee ilaale. Har\u2019a bifa Wayyaanee kuffiifneen Mootummaa Dr Abiyyi nan kuffiisa jedhanii yaaduun ammas gowwaa ykn garraamii ta\u2019uudha (yoo kuffiisuuf yaada qabdu tahe jechuu kooti).<\/p>\n\n\n\n<p>3ffaa: Oromoon heera FDRE kan bara 1995 sana dhugeeffatee ofitti fudhatee; eegduu heera kanaa ta\u2019uu waan barbaadeefi (Oromo thinks the 1995 FDRE Constitution as bottom-line and wants to protect it). Kunillee waanuma jajjabeeffamu ta\u2019us garuu sirna Wayyaaneen ijaarteef beekamtii (legitimacy) kennee kan fooyya\u2019u barbaaduu dhabuun isaa immoo na aarsa. Akka kootti heerri 1995 kun diigamnaan ykn akka Oromoof hin taanetti fooyya\u2019e jennaan Oromoon biyya Oromiyaa qabaachuu isaa fi Mootummaa mataasaa ijaaruuf yeroo gabaabaa kan itti fudhatu akka ta\u2019e dagachuun isaa baayyee na aarsa.<\/p>\n\n\n\n<p>4ffaa: Irra jireessi Oromoo Karoora A malee yoo karoorri A\u2019n kufe jedhee karoorawwan B, C, D jedhee waan qopheeffatee of harkaa qabu hin turre. Qaamota Plan B qaban irratti illee duuluudhaan (WBO) akka WBO\u2019n dadhabuu fi bittinnaa\u2019u gochuu keessatti gahee Oromoon taphate seenaaf dhiifna.<\/p>\n\n\n\n<p>5ffaa: Siyaasni Oromoo waggoota lamaan darban kanaa Daldaltoota Siyaasaan waan dhuunfatameefi. Daldaltoonni (brokers) kun haala gabaa ilaalanii fedha isaanii Oromoo bal\u2019aa irratti fe\u2019aa turan. Kanaaf, daldaltoonni kun waggoota lamaan darban kana keessa waan Mootummaa Dr Abiyyi mufachiisu hojjechuu hin barbaadne ture.<\/p>\n\n\n\n<p><strong><em>C.<\/em><\/strong> Fulbaana 29, 2020 booda warri Soddaa Maaliif Akka Mootummaan Dr Abiyyi Itti Fufu Barbaaduu?<\/p>\n\n\n\n<p>1ffaa: Dubbiin akka sodaatanii fi shakkan sana hin taane; haala gaariirra jiru (relatively). Xoophiyaan babbareeddee cee\u2019aa jirtiif.<\/p>\n\n\n\n<p>2ffaa: Heera 1995 diiguun ykn fooyyessuun otoo hin barbaachisiin feeti isaanii galmaan gahaa jira. Dhugaa dubbachuuf, akka kootti, Mootummaa Wayyaanee caalaa Mootummaa Dr Abiyyii fi Mootummaa Obbo Lammaa Magarsaatu Heera Federaalaa kana bra 1995 fi Heera Naannoo Oromiyaa cabse, diige. Fakkeenyota gara kudhanii olii isiniif fudhachuu nan danda\u2019a, ammaaf kanuman jedha.<\/p>\n\n\n\n<p>3ffaa: Humnoonni Oromoo lafa jalaan waliigalaa; wal-hubachaa; shira siyaasaa beekaa fi hojiirra oolchaa dhufuu hubatan.<\/p>\n\n\n\n<p>4ffaa: Humni Oromoo Plan B, C qabu akka malee mataa-dhukkubbii itti ta\u2019eera. Booruufis sodaachisaa akka tahe hubatan. Kanaaf, humna kana waraanee balleessuu kan qabuu fi kan danda\u2019u Mootummaa Dr Abiyyidha jedhanii amanu (Oromoo dhaan humna Oromoo cabsita waan taheefi).<\/p>\n\n\n\n<p>5ffaa: Mootummaan Dr Abiyyii fi Mootummaan Obbo Lammaa Magarsaa Oromoo biraa fudhatama akka dhabe waan hubataniif qaama qaama isaan jibbame kanatti dhimma bahuu barbaadu.<\/p>\n\n\n\n<p>[<strong><em>Hubachiisa:<\/em><\/strong> Maxxansi kun fuula 3 qaba. Itti fuftanii dubbisuuf, lakk 3 gadii kanaa cuqaasaa!]<\/p>\n\n\n\n<!--nextpage-->\n\n\n\n<p><strong><em>D.<\/em><\/strong> Fulbaana 29, 2020 booda Oromoon Maaliif Mootummaa Yeroo\/Ceehumsaa Barbaadee?<\/p>\n\n\n\n<p>1ffaa: Oromoo fi Oromiyaan yeroo kamiyyuu caalaa diigamaa, dadhabaa jiraachuu reefu hubatee arge waan ta\u2019eef. Nafxanyaan waggaa lama kana keessatti nama keenya, lafaa fi hiree keenya borobbortee fixaa jirti. Kan Wayyaaneen nu hin goone Nafxanyaan waggaa lama kana keessatti waan baayyee nu goote. Abbay Tsaayeen Likkii nu galchuu dadhabe; Daani\u2019eel Kibirat likkii nu galcheem. Koronaa dura Daani\u2019eeltu likkii nu galche.<\/p>\n\n\n\n<p>2ffaa: Wanti Oromoon Mootummaa Dr Abiyyii\/Lammaa irraa eegee (expectation) fi wanti irraa argate (satisfaction) akka samii fi dachee walirraa waan fagaataniif. Kan caalu eeggachuun calaliitti nama baasa jetti akkayyaankoo!<\/p>\n\n\n\n<p>3ffaa: Sirna Heerawaa FDRE kan bara 1995 balaa irraa oolchuuf. Oromoon eegduu heera bara 1995 fi impaayera Xoophiyaa tahuu waan barbaadeefi (Maaliif akka Waardiyaa ta\u2019uu jaallanne garuu naaf hin galle).<\/p>\n\n\n\n<p>4ffaa: Filannoo dhufu irrattii fi Mootummaa Ceehumsaa ijaaramu kana keessatti nan injifadha jedhee waan yaaduuf (kunis garraamii\/gowwaa ta\u2019uudha). Yoo Mootummaan Ceehumsaa kun hundaa\u2019e, Oromoon ammas hin injifatu, sagalee xiqqoo argatee mana bareedaa sana keessa taa\u2019ee iyyuu fi boo\u2019uudha. Caasaama kanaan duraatu Mootummaa Ceehumsaa kana dhuunfata; daldaltootnis sagalee wayyabaa argatu. Na taajjabaa! Waa\u2019een filannoo dursee nyaatame, PP\u2019n injifateera! Kana amananii fudhachuudhaan isa waggaa 5 booda jiruuf of qopheessuudha warri filannootti amanan.<\/p>\n\n\n\n<p>5ffaa: Mammaaksa faranjii \u201cSomething is better than Nothing\u201d isa jedhamu sana hojiirra oolchuuf! Namoonnii fi qaamonni sababa PPtti aangoo irraa ariiyaman; OPDO dullattiin faayidaan irraa hir\u2019ate; ODP\u2019n gama miidiyaadhaan gootummaasaa mirkaneeffate hundi sababa Mootummaa Ceehumsaa\/Yeroo jedhamu kanaan ji\u2019a 6-hanga waggaa tokkootti aangoo ykn faayidaa argatu. Warra Oromoon hin fille garuu ofumaan of filantu akka Mootummaan Ceehumsaa hundaa\u2019u barbaada (the opportunists).<\/p>\n\n\n\n<p><strong><em>E. <\/em><\/strong>Akka kootti, wanti Oromoof malu kan armaan gadiiti.<\/p>\n\n\n\n<p>1ffaa: Hanga Fulbaana 29, 2020tti Mootummaan ADWUI\/PP kun akka waan barbaade hojjetu eeyyamuufiidha. Fulbaana 29, 2020 booda, Mootummaanis, Paartiin Mootummaa ta\u2019e hunduu furshii dha. Waan furshii ta\u2019e wajjin taa\u2019anii mariiyachuun mataan isaa qaama sanaaf beekamtii kennuudha.<\/p>\n\n\n\n<p>2ffaa: Hanga Fulbaana 29, 2020 tti Oromoon sagalee isaa gadi-qabatee (a) Oromiyaa bulfachuuf qophaa&#8217;uu (b) dhimma Xoophiyaa irratti immoo bakka buutota Uummattoota 81 olii wajjin taa\u2019ee mariiyachuudha.<\/p>\n\n\n\n<p>3ffaa: Oromoon obboloota keenya waggaa 30 guutuu nu bulchan kanaaf dhiifama\/araara godhee akka isaan nagaadhaan Oromiyaa\/Xoophiyaa keessa jiraataniif eeyyamee; aangoo isaanii fedhaan akka gadhiisaniif dhiibbaa Obbolummaa irratti taasisuudha. Obboloota koo dhugaadha isin ga\u2019a; hangas wal nu haa ga\u2019u meee! Na ga\u2019a jechuu beekaa! Baga nu bulchitan; baga nu saamtanis. Maali isin mitiitii ormiyyuu nu bulcha mitii; nu saama mitii? Bar isin qaamuma keenyadhaam!<\/p>\n\n\n\n<p>4ffaa: Humnoonni Oromoo namoota dhuunfaa fi garee Oromoo hin taane garuu Oromiyaa keessa jiraataniif wabii ta\u2019uu akka danda\u2019u gama hundumaan mirkaaneessuudha.<\/p>\n\n\n\n<p>5ffaa: Humnoonnii fi hayyoonni Oromoo hundi fedha dhuunfaa fi murnaa dhiisanii ji\u2019oota ja\u2019an dhufan kana keessatti ofii isaanii gidduutti araaraa fi wal-hubannaa uumuu; Oromoo gidduuttis Tokkummaa Oromummaa deebisanii ijaaruu akka danda\u2019anitti dammaqanii hojjechuu qabu. Abbaan karaa danda\u2019uun qophii barbaachisaa haa taasisu! Ammoo waggoota 30 darban kana sirna bulchiinsa federaalizimii shaakalaa turre. Akka Jan Erk jedhuutti \u201cSirni Federaalizimii humnaa fi dandeettii Mootummoota Naannolee ni ijaara; ni jabeessa waan ta\u2019eef naannoleen biyya of danda\u2019an ta\u2019anii argamuuf hojii-manee isaanii akka dursanii xumurataniif isaan gargaara\u201d jedha. Kana jechuun, Mootummaa Naannoo Oromiyaa waan jedhamu qabna; dhaabbilee (institutions) maqaa Oromiyaan Oromiyaa keessa socho\u2019an dhibbootaan lakkaa\u2019aman qabna. Kanaaf hangas waan dhiphannu hin qabnu jechuu kooti.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Fayyaa Tahaa! Horaa Bulaa! Deebanaa! <br>Ebla 29, 2020<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Mootummaa Ceehumsaa Hundeessuu Ilaalchisee Fedhiiwwan Faallaa: Oromoo fi Warra Soddaa Bara 2018-2020 Gidduu Asumaan Jaal Galaanaa Kiisii akkan dhimma kana irratti ibsa bal\u2019aa kennuuf na affeeruu keef maqaa #OPSA dhaan baayyeen si galateeffadha. Dhugaadha hojii bal\u2019aan of harkaa qaba ture garuu dhimmichi waqtaawaa akka ta\u2019e daqiiqaa muraasaaf Facebook kanarraa hubachuu yaaleera. Akkuma Galaanaan jedhe \u201cWaggaa &hellip;<\/p>\n<p class=\"read-more\"> <a class=\"\" href=\"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/mootummaa-ceumsaa\/\"> <span class=\"screen-reader-text\">Mootummaa Ce&#8217;umsaa Hundeessuu fi Fedhiiwwan Fallaa<\/span> Read More &raquo;<\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"nf_dc_page":"","site-sidebar-layout":"default","site-content-layout":"default","ast-global-header-display":"","ast-banner-title-visibility":"","ast-main-header-display":"","ast-hfb-above-header-display":"","ast-hfb-below-header-display":"","ast-hfb-mobile-header-display":"","site-post-title":"","ast-breadcrumbs-content":"","ast-featured-img":"","footer-sml-layout":"","theme-transparent-header-meta":"default","adv-header-id-meta":"","stick-header-meta":"","header-above-stick-meta":"","header-main-stick-meta":"","header-below-stick-meta":"","footnotes":""},"categories":[6],"tags":[],"class_list":["post-589","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-analysis"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/589","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=589"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/589\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":602,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/589\/revisions\/602"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=589"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=589"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=589"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}