{"id":584,"date":"2020-05-24T14:53:42","date_gmt":"2020-05-24T14:53:42","guid":{"rendered":"https:\/\/sanyiigadaaconsultancy.org\/opsa\/?p=584"},"modified":"2020-05-24T17:22:06","modified_gmt":"2020-05-24T17:22:06","slug":"covid-19-fi-labsii-yeroo-muddamaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/covid-19-fi-labsii-yeroo-muddamaa\/","title":{"rendered":"COVID-19 fi Labsii Yeroo Muddamaa"},"content":{"rendered":"\n<div class=\"wp-block-media-text alignwide has-media-on-the-right is-stacked-on-mobile\" style=\"grid-template-columns:auto 44%\"><figure class=\"wp-block-media-text__media\"><img decoding=\"async\" loading=\"lazy\" src=\"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/05\/covid19.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-590\"\/><\/figure><div class=\"wp-block-media-text__content\">\n<p><strong>Sababa COVID-19tti Barbaachisummaa Labsii Yeroo Muddamaa (State of Emergency); Sodaawwan Jiranii fi Kallattii Furmaataa<\/strong><\/p>\n<\/div><\/div>\n\n\n\n<p><\/p>\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\"><li><strong>Seensa<\/strong><\/li><\/ol>\n\n\n\n<p>Namni kamuu kan hubachuu qabu Waaqaa gaditti Sabni ykn biyyi tokko kan qabdu Mootummaa Uummata (Biyya) sanaaf waan gaarii yaaduu fi hojjetudha. Addunyaa kana keessatti Sabni (Biyyi) sababa adda addaaf haalawwan ulfaataa hojmaata idileedhaan to\u2019atamuu hin dandeenyeef hin saaxilamne hin jiru. Saboonni (biyyoonni) tokko weerara gama Saboota (biyyoota) dhiyoo fi fagoodhaaf saaxilamuu danda\u2019u. Weerarri birmadummaa Saba (Biyya) tokkoo cabsee dhufu hojmaata idileedhaan furamuu hin danda\u2019u. Saboonni )biyyoonni) kaan immoo rakkoowwan uumamaadhaaf jilbeeffatanii yeroo iitti nageenyi lammiilee, egereen dhalootaa fi jiruuf jireenyi hawaasummaa gaaffii guddaa keessa galutu jira. Fakkeenyaaf sababa rooba guddaatti ykn hanqina roobaatti; sababa dhohinsa volkaanootti; sababa hobonboleettii garbawwan (galaanota) gurguddoo irraa ka\u2019aniin yoo xiqqaate biyyoonni gurguddoon akka Amerikaa Kaabaa, Jaappaan fi biyyoonni ollaa galaanota jirani rakkoo gurguddaaf ni saaxilamu. Yeroo kana yeroo gabaabaafis ta\u2019u turtii yeroo giddu-galeessaaf mootummaan biyyoota kanaa hojmaata al-idilee ta\u2019een rakkoo lammiilee fi biyya isaanii mudate baraaruuf ni fayyadamu.<\/p>\n\n\n\n<p>Bulchiinsi dabalataa hojmaata idilee alaa (additional informal governance) kun isa \u201cState of Emergency\u201d jedhamu sana yommuu ta\u2019u Afaan keenyaan \u201cLabsii Yeroo Muddamaa\/Ariifachiisaa\u201d jedhamee beekamudha. Hiikkaan, qabiyyeenii fi akkaataan labsama, hojiirra oolmaa fi yeroon turtii State of Emergency (Labsii Yeroo Muddamaa) kanaa biyya tokko irraa biyya biraatti garaagarummaa qaba. Maddi garaagarummaa kanaas amala, fedhaa fi sadarkaa bilchina dimokiraasii mootummaa biyya sana bulchuu dha. Walumaagala sadarkaan bilchina sirni dimokiraasii fi cimina dhaabbilee adda addaa hiikkaa, qabiyyee, akkaataa labsamaa fi hojiirra oolmaa Labsii Yeroo Muddamaa biyya tokkoo irratti dhiibbaa kallattii ni qabaata. Biyya dimokiraasiin hin jirre ykn reefu eegalu keessatti bulchiinsi mootummaa tokkoo guutummaa guutuutti bulchiinsa labsii yeroo muddamaa irraa garaagarummaa hin qabaatu. Faallaa kanaa biyyoota sirni dimokraasii jabaatee fi dhaabbileen ciccimoo ta\u2019an jiran keessatti immoo labsiin yeroo muddamaa herrega lubbuu lammiilee oolchuu fi gaaga\u2019ama biroo hir\u2019isuuf ykn hanbisuuf itti dhimma ba\u2019ama. Hundaa ol, wayita Bulchiinsa Labsii Yeroo Muddamaa kana sarbamni mirga namoomaa jiraachuu waan maluuf qaamni kana to\u2019atuu fi yeroo yerootti sirreessaa deemu jiraachuu mala&#8230; <\/p>\n\n\n\n<p>[<strong>Hubachiisa: <\/strong><em>Maxxansi kun fuula 5 qaba. Itti fuftanii dubbisuuf, lakk. 2 gadii kana cuqaasaa!<\/em>]<\/p>\n\n\n\n<!--nextpage-->\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\" start=\"2\"><li><strong>Xoophiyaa fi Bulchiinsa Labsii Yeroo Muddamaa: Bara 1991 Eegalee<\/strong><\/li><\/ol>\n\n\n\n<p>Bara 1991 (kufaatii Mootummaa Abbaa Irree Dargii) booda Xoophiyaan bulchiinsa hojmaata idilee (formal governance structure) fi bulchiinsa dabalataa al-idilee (additional informal governance structure) qabaataa turte. Ani akka dhuunfaatti ergan of baree as Xoophiyaan harka caalu bulchiinsa al-idilee dhaan bulaa turte. Mee gabaabinaan isin yaadachiisuun yaala:<\/p>\n\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>Bara 1991-1994 maqaa Mootummaa Ceehumsaa jedhuun labsii yeroo muddamaa jalatti bulaa turte: ajjeechaan, ukkaamsaan, saamichi, sarbamni mirga namoomaa baroota kana gidduutti ta\u2019e hammana jedhamee tilmaamamuun ulfaataadha.<\/li><li>Bara 1998-2000tti sababa Weerara Eertiraatti waggoota sadiif labsii yeroo muddamaa jala turte. Gama tokkoon weerara Eertiraa ofirraa qolachuuf; gama biraan sochii keessoo ukkaamsuuf ajjeechaa, ukkaamsaa, saamichaa fi sarbama mirga namoomaa guddaatu raawwate.<\/li><li>Bara 2001-2003tti sababa gargar cabuu TPLF fi EPRDF\u2019n walqabatee bulchiinsa al-idilee lubbuu, qabeenyaa fi egeree lammiilee hedduu gaaga\u2019etu ture. Baroota kana keessa TPLF aangoo guutummaa (all powerful status) argatee gola nama hundaa seenuudhaan hiraarfama, ajjeechaa fi ukkaamfamuu lammiileetu mudate. Baroota kana keessa barattoonni Yunivarsiitii baayyinaan ajjeefamanii ykn ukkaamfamanii turan.<\/li><li>Bara 2005-2007 tti: filannoo bara 2005 waliin wal-qabatee akka guutummaa Xoophiyaatti hunkurama siyaasaa guddaa uumameen biyyattiin labsii yeroo muddamaan bulaa turte. Finfinnee fi Dirree Dhawaan Bulchiinsa Yeroo Adaraa (Caretaker Government) dhaan yommuu bulan kan naannolee immoo waanuma hundi keenya beeknu ture. Naannolee hundumaa keessatti TPLF bakka buutota ramadatee haala nageenyaa fi itti fayyadama baajetaa\/misoomaa to\u2019ataa ture. Miseensonni, hooggantoonnii fi deeggartoonni jaarmiyaalee Morkattootaa filannoo bara 2005 wajjin wal-qabatee baayyeen ajjeefaman, hidhaatti darbataman, saamaman, biyyaa baqatan, mirgi isaanii guutummaan sarbame.<\/li><li>Bara 2010-2011tti: filannoo wajjin walqabatee waan akka bulchiinsa al-idileetu: akka fedhe kan hidhu; kan ajjeesu; kan ukkaamsuu fi saamutu jira.<\/li><li>Du\u2019aatii Mallas Zeenaawwii booda yeroo dheeraaf sodaan, hokkorrii fi tarkaanfiiwwan dhoksaatti fudhatamaa turan; maafiyaan TPLF bifa dhoksaa fi adda ta\u2019een wal ijaaree saamichaa dinagdeetti bobba\u2019e. Wanti kunis hanga April 2014 tti rakkoo tokko malee itti fufe.<\/li><li>Xoophiyaan April 2014 irraa eegalee hanga May 2018 tti Labsii Yeroo Muddamaa bifa adda ta\u2019e jala turte. Hidhaa, ajjeechaan, ukkaamsaan, saamichi ni idilaa\u2019an (just became formal and official).<\/li><li>Fulbaana 2018 irraa hanga ammaatti naannolee adda addaa keessatti bulchiinsa dabalataa al-idileetu deemaa jira. Gambeellaatti; Somaaleetti; Amaaratti; Oromiyaa keessatti; Benishangul Gumuz keessatti fi bakkeewwan daangaa hundumaatti bulchiinsa waraanaatu jira (bulchiinsa labsii yeroo muddamaa).<\/li><\/ul>\n\n\n\n<p>Walumaagala, bara Mootummaa EPRDF\/ADWUI kana Xoophiyaan waggoota bulchiinsa idileen bulte irra waggoota bulchiinsa al-idilee (bulchiinsa yeroo muddamaa) dhaan bulaa turte yoo jenne haqa lafa jirudha. Kan nama dhibu immoo Xoophiyaa labsiin bulchiinsa yeroo muddamaa kan labsamu harki caalaan isaa fedhaa fi akeeka murna aangoo irra jiruu tiksuufi tajaajiluudhaaf malee faayidaa lammilee fi biyyaa eegsisuu fi galmaan gahuuf labsiin labsame hangas waan jiru natti hin fakkaatu. Sababa waraana shiraa obboloota gidduuti ka\u2019een (Ethio-Ertirean war) lubbuu fi qabeenya baayyee dhabne. Bu\u2019aan injifannoo sanaas deebi\u2019ee qaamuma nu weerareef kennamee lammiileen Xoophiyaa harka qullaa (negatiiviidhaan) keessaa galle.<\/p>\n\n\n\n<p>Mootummaan EPRDF\/ADWUI olaantummaa TPLF dhaan gaggeeffamaa ture si\u2019a kudhanii ol Bulchiinsa Labsii Yeroo Muddamaa labsus kufaatiirraa hin hafne; qansaa\u2019onnii fi falmattoonni haqaa, bilisummaa fi dimokiraasii kufanis, hidhamanis, hidhamanis bifa ajaa\u2019iba ta\u2019een dhaloota fincilutu bakka bu\u2019e. Dhaloota Fincilaa (Resistant Generation) kan faayidaan, hidhaan, ajjeechaan, hiraarfamnii fi doorsifni duubatti hin deebifnetu irra jireessa Saboota, Sablammootaa fi Uummatootaa keessatti uumame. Mootummaan amma jiruu fi sichis dhufu waa\u2019ee Dhaloota Fincilaa kana hubatee fi beekee gahumsaan, dimokiraasi fi seeraan bulchuu akka qabutu natti mul\u2019ata.<\/p>\n\n\n\n<p>[<strong>Hubachiisa: <\/strong><em>Maxxansi kun fuula 5 qaba. Itti fuftanii dubbisuuf, lakk. 3 gadii kana cuqaasaa!<\/em>]<\/p>\n\n\n\n<!--nextpage-->\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\" start=\"3\"><li>Xoophiyaatti Sababa COVID-19\u2019f Labsamuu Bulchiinsa Yeroo Muddamaa (COVID-19 State of Emergency and Its Rationales in Ethiopia).<\/li><\/ol>\n\n\n\n<p>Hunda dursa dhibeen Vaayirasii Koronaa (COVID-19) kun sadarkaa addunyaatti baayyee sodaatamaa kan jiruu fi gaaga\u2019ama bifa hedduu fiduu kan danda\u2019ee fi itti fufees kan fidu ta\u2019uusaa beekamaadha. Ka\u2019umsii fi weerarri Koronaa Vaayirasii ji\u2019oota sadii fi walakkaa kan lakkoofsise ta\u2019us hanga ammaatti namni miliyoona 1.6 ol vaariyasii kanaan kan qabamee fi gara kuma dhibba tokkootti kan dhiyaatan immoo du\u2019aniiru. Sababa COVI-19 kanaatti dinagdeen hunkurameera; gama siyaasaan mirgoonni lammiilee daangeffameera\/dhorkameera; jireenyi hawaasummaa fi amantaa guutummaatti jeeqameera. Erga Chaayinaatti dhibeen kun babal\u2019atee, biyyoota jalqaba itti Vaayirasiin kun seenuu fi babal\u2019achuu danda\u2019u keessaa Xoophiyaan tokkodha. Xoophiyaan (galata EPRDF) mana 2ffaa Chaayinaa taateetti. Haata\u2019u malee, hanga yeroo dhiyootti Mootummaan Xoophiyaa sochii gara Chaayinaa fi Chaayinaa irraa gara Xoophiyaatti taasifamu dhaabuu hin dandeenye (hin danda\u2019us). Hanga guyyaa har\u2019aatti Xoophiyaan guyyaa guyyaan Vaayirasii Koronaa impoortii gochaa jirti. Kanaa wajjin wal-qabatee lakkoofsi namoota hanga ammaatti qoratamanii fi vaayirasii kanaan du\u2019anii xiqqaa dha. Wanti kun maaliif akka ta\u2019e booda kan qoratamuu fi hubatamu ta\u2019us akka kootti sababa adda addaatti COVID-19\u2019n kun Xoophiyaa keessa waan babal\u2019ate natti fakkaata. Kanaaf, babal\u2019ina dhibee kanaa daran ittisuuf Mootummaan tarkaanfiiwwan jajjaboo fudhachuu qaba. Tarkaanfiiwwan jajjaboo kana keessaa Labsiin Yeroo Muddamaa isa hangafaa fi barbaachisaa akka ta\u2019eettan ilaala.<\/p>\n\n\n\n<p>Keessumaa Mootummaan MM Dr Abiyyi, aantummaa Saboota, Sablammootaa fi Uummatoota Xoophiyaaf qaba taanaan; hunda caalaa Xoophiyaa jaallatuu fi leellisu sanaaf quuqama qaba taanaan labsiin yeroo muddamaa labsamuun akka malee dubatti kan harkifatee fi tarkaanfiiwwan quubsaa ta\u2019an kan hin fudhatamiin jiran ta\u2019uu afaan guutee dubbachuun barbaada. Irra deebi\u2019uuf, tatamsa\u2019ina dhibee COVID-19 ittisuuf labsiin yeroo muddamaa labsamuun torban 3ffaa ji\u2019a January 2020 keessa ture. Egaa, maaliif akka tarkaaanfiiwwan jajjaboo fudhachuu fi labsii yeroo muddamaa labsuuf boodatti hafe Mootummaa MM Dr Abiyyitu beeka; wantoonni isa danqan ykn akka inni tarkaanfii ittisa COVID-19 irratti hin xiyyeeffanne godhan jiraachuu malu ta\u2019a. \u201cHin murteessiinaa isinitti murteeffama\u201d jedha Macaafni Qulqulluun (Quraana keessa akka jirus nan amana). Kan darbe mataa bishaaniiti akkuma jedhan guyyaa har\u2019aa kana Bakka Buutonni Mootummaa EPRDF\/ADWUI (100% jarri kun Saboota, Sablammootaa fi Uummatoota Xoophiyaa bakka hin bu\u2019an) murtii Manni Maree Ministeerotaa dabarse sana mirkaneessuuf (tasumaa hanbisuu ykn waa irraa hir\u2019isuu silaa hin danda\u2019an) walga\u2019ii hatattamaa taasifatanii, Labsii Yeroo Muddamaa kana mirkaneessaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Gabaabaatti, Xoophiyaatti to\u2019annaa fi ittisa COVID-19\u2019f jedhamee labsiin muddamaa labsamuun isaa barbaachisaadha.. sababoonni muraasa ta\u2019an:<\/p>\n\n\n\n<p><strong>1ffaa: <\/strong>COVID-19 dura haalli siyaasaa, hawaasummaa fi dinadgee Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Xoophiyaa sadarkaa hamaa fi sodaachisaa keessa waan jiruufi. Hunda caalaa immoo itti fufiinsi impaayera Xoophiyaa akka biyyaatti gaaffii guddaa keessa jira. COVID-19\u2019n immoo bifa adda ta\u2019een jireenya hawaasummaa, amantaa, diinadgee fi siyaasaa gaaga\u2019aa jira waan ta\u2019eef Xoophiyaaf waan akka \u201cCophxoo irratti Fanxooti\u201d Kanaaf, mootummaan otoo danda\u2019amee dursee proactive ta\u2019ee COVID-19 ittisuu irratti hojjechuu qaba ture; erga Xoophiyaa seenee immoo to\u2019achuuf labsii yeroo muddamaa labsuun barbaachisaadha.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>2ffaa:<\/strong> COVID-19 dhukkuba namaa fi biyyoota hundaa wal-qixxummaadhaan carabu waan ta\u2019eef xiyyeeffannoo addaa dhibee barbaaduu fi kennamuufiin qabudha. Xoophiyaa dhiisaatii biyyoota jajjaboo fi badhaadhoo ta\u2019an garuu kanneen COVID-19 kana tuffatanii fi salphisanii ilaalan ni jilbeeffachiise; dhukkubni akka COVID-19 kabajames waan jirus natti hin fakkaatu. Akkuma Waaqayyo, \u201cWarra na salphisan nan salphisa; warra na kabajan nan kabaja\u201d jedhu sanaa ta\u2019e dubbiin Koronaa kun.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>3ffaa:<\/strong> Xoophiyaan humna namaa fi bajeta dabalataa to\u2019annaa COVID-19 fi yaalii lammiilee dhibee kanaan qabaniif taasifamu hin qabdu. Humnas ta\u2019e baajeta ol-kaa\u2019attes (reserve human and capital reserve) hin qabdu. Dhibeen COVID-19 kun yoo Xoophiyaa keessa babal\u2019atee fi lammiilee baayyee miidhe humna namaa fi baajeta hojiiwwan idilee gaggeessuuf oolaa jiru gara kan COVID-19tti fiduun immoo daran waan hundaa hammeessee Xoophiyaa boolla gadi-fagoo keessatti dhidhimsa.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>4ffaa:<\/strong> Xoophiyaan ogeessota fayyaa gahaa kan hin qabnee fi warruma qabdu kanaafillee kabaja, miindaa fi faayidaawwan isaaniif malu kan qabneef ta\u2019uun immoo COVID19 wajjin wal-qabatee daran sodaa guddaa keessa nu galcha. Ogeessotiin fayyaa lammii isaanii jaallatanii jireenya isaanii rakkoo hamaaf saaxiluu danda\u2019an akka jiran nan hubadha garuu baayyinii isaanii baayyee muraasadha; darbees xiyyeeffanoon, beekamtii fi kabajni ogeessota fayyaa kanaaf gama Mootummaan kennamu immoo kan haamilee isaan buusu akka ta\u2019en hubadha.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>5ffaa: <\/strong>Sababa adda addaatti irra-jireessi jireenya Sabootaa, Sablammootaa fi Uummattoota Xoophiyaa beelaan saaxilamaa kan jiran waan ta\u2019eefi. Bakkeewwan tokko tokkotti weerarri homaa awwaannisaa; bakkeewwan birootti weerarri humna waraanaa fi dhabamuun nageenyaa oomishaa fi oomistummaa irratti dhiibbaa guddaa uumaniiru. Haalli COVID-19 immoo sababoota kaan caalaa saffisa beelaa fi saaxilamummaa beelaa ni ariifachiisa. Kanaaf, sababa beelaatti lammiileen gaaga\u2019am yeroo kamuu caalaa guddaa ta\u2019uu waan danda\u2019uuf labsii muddamaa kanaan xiqqoo ta\u2019achuun ni danda\u2019ama jedheen yaada.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>6ffaa:<\/strong> Haalli jirrenya hawaasummaa fi amantaa Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Xoophiyaa sababa daddarbuu COVID-19\u2019f gar malee saaxilamaa waan ta\u2019eefi. Aadaan, duudhaa fi waliin jireenyi keenya to\u2019achuuf ulfaataadha. Ji\u2019oota sadan darban gama TV, Raadiyoo fi bilbilaan haala COVID-19 hubachiisuun yaalamus jijjiiramni jiru garuu baayyee muraasa ta\u2019uusaa hundi keenyayyuu ni hubanna. Baadiyaa keessatti gabaan guyyaa guyyaan ykn immoo yoo xiqqaate torban tokkotti gabaa sadiitu dhaabbata. Kana hundaa to\u2019achuu fi hubaachiisuun bulchiinsa dabalataa al-kallattii ta\u2019e barbaada (bulchiiinsa labsii yeroo muddamaa jechuudha).<\/p>\n\n\n\n<p><strong>7ffaa: <\/strong>Dhimma Filannoo wajjin walqabatee haalli Xoophiyaa keessa jiru ulfaataa ta\u2019uu waan danda\u2019uufi. Xoophiyaa keessatti filannoon haqaa fi bilisa ta\u2019ee gaggeeffamee qaamni filatamee Mootummaa ta\u2019es; qaamni injifatamee Mootummaa irraa bu\u2019us hin turre. Kanaaf, filannoon bara 2020 kun egeree siyaasa impaayera Xoophiyaa kan murteessu akka ta\u2019e gama Mootummaanis gama morkattootaanis dubbatamaa ture; uummannis kanuma beeka. Filannoo bara 2020 kana wajjin wal-qabatee rakkinoonni armaan gadii uumamuu malu:<\/p>\n\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\"><li>TPLF karoora A fi B qabaataa ture hundaa hojiitti hiikaa waan jiru fakkaata. Karoorri A Xoophiyaa olaantummaa isaa jalatti bulchuu (waggoota 30\u2019f bulcheera); karoorri B immoo biyya Tigray bulchuudha (erga waggaa lamaa as kana shaakalaa jiraachuu isaanii argaa jirra). Filannoon bara 2020 hin gaggeeffamu taanaan Tigray De facto State ta\u2019uuf carraa bal\u2019aa qabdi.<\/li><li>Filannoon bara 2020 yeroo isaatti hin gaggeeffamu taanaan Morkattoonni yeroo kamuu caalaa Mootummaa himachuuf sababa gahaa argatu.<\/li><li>Yeroo turtii Paarlaamaa Bakka Buutota Mootummaa ADWUI\/EPRDF dhumuuf jedhu dheeressuun baayyee ulfaataadha wan ta\u2019eef. Jalqaba irratti EPRDF\/ADWUI diigamee PP ta\u2019eera waan ta\u2019eef miseensa paarlaamaa ta\u2019anii itti fufuuf gama kamiinuu fudhatama hin qaban. Itti aansee, TPLF bakka buutota isaa gara biyya isaatti waamee hireesaa ofiin murteeffachuutti deema. Sadaffaa, inumaayyuu paarlaam EPRDF\/ADWUI akkuma MM Dr Abiyyi gara aangootti dhufaniin bittinnaa\u2019uu qaba ture.<\/li><li>PP\u2019n morkattoota, namoota beekkamoo ta\u2019anii fi qaamolee hawaasaa biroo wajjin walii galee qaawwaa gama yeroo fixuu Paarlaamaa EPRDF\/ADWUI cufuun ulfaataa waan ta\u2019eef.<\/li><li>Sadarkaa addunyaatti fudhatamni Mootummaa MM Dr Abiyyi shakkii keessa galuu waan danda\u2019uuf<\/li><li>Donors\u2019n filannoo bara 2020 kun xiqqoo mufachuu waan danda\u2019aniif: silas doonaroonni akeeka ittiin filannoo Xoophiyaa deeggaran qabu; akeeka diinandgee, siyaasaa fi nageenyaa jechuudha. Kanaaf, murtii mootummaa nageenya biyyaa gaaffii keessa galchutti hin gammadan.<\/li><li>Filannoon bara 2020 bifa haqaa fi bilisa ta\u2019een yeroo isaatti hin gaggeeffamu taanaan Deeggarsaa fi Tumsa Qabsoo Karaa Hidhannoo\/Qawwee xiqqoo qabbanaa\u2019ee ture deebisee ni haaressa. Sababni isaa:<\/li><\/ul>\n\n\n\n<p>(a) Humnoonni filannootti amananii biyyatti galanii fi mana hidhaa keessaa gadhiifaman (kaan hidhannoo qawwee hiikkatee; kaan hidhannoo qabattoo hiikkatee; kaan hidhannoo mooseejjii hiikkatee) hafuu ykn milkaa\u2019ina dhabuu filannoo bara 2020 kanaatti dallananii bifa ifaa fi dhokataa ta\u2019een qaamolee karaa hidhannoo qabsaa\u2019an deeggaruu fi tumsuu danda\u2019u. Kana jechuun miseensonnii fi hooggantoonni jaarmiyaalee morkattootaa karaa filannoo mootummaa aangoo irraa buusuuf carraan waan hin jirreef tooftaa biraa barbaaduu fi filachuutti deemu. Fakkeenyaaf: fonqolcha mootummaa; qabsoo hidhannoo fi abidda hokkora\/jeequmsa qabsiisuu fi bobeessuu<\/p>\n\n\n\n<p>(b) Humnoonni hanga ammaa itti cichanii qabsoo hidhannootti amananii jiran (kaan bosona keessa; kaan magaala keessa; kaan caasaa mootummaa keessa) haamilee guddaa argatu; miseensota, deeggartootaa fi Uummata bal\u2019aa kakaasuuf sababa gahaa argatu, haala mijataas uummachuu malu<\/p>\n\n\n\n<p>(c) Seer-malummaa fi sochii gita maafiyaa cimsa\/jajjabeessa. Durumaanuu, Mootummaan EPRDF\/ADWUI mootummaa gita mafiyaan hundaa\u2019ee fi olaantummaan hoogganamudha. Haata\u2019u malee du\u2019aatii Mallas booda ifaan ifatti seer-malummaan daran dabalaa dhufe; maafiyummaan daran gara dhaabbatummaatti ol guddate. Sababa kanaaf, saamichi, ajjeechaan qindaa\u2019aa fi ukkaamsaan guutummaa biyyattii keessatti daran babal\u2019ate. Sadarkaan amma seer-malummaa fi maafiyummaan irra gahe gaafa ilaallu gaaffii gurguddaa lama akka gaafannu nu taasisa. 1ffaa: Mootummaan jira moo hin jiru? 2ffaa: Gareen kun ofumaa Mootummaa dhaa laata? (Mootummaa kallattii ykn al-kallattii)<\/p>\n\n\n\n<p>(d) Impaayerummaan Xoophiyaa ni mirkanaa\u2019a: sababa achi dabuu filannoo bara 2020 tti ykn sababa milkaa\u2019ina dhabuu isaatti hokkorri ka\u2019u akka Saboonni, Sablammoonnii fi Uummattoonni Xoophiyaa gara mana mana isaaniitti deebi\u2019anii gaaga\u2019ama kana Saba isaaniirraa xhanbisuu danda\u2019aniitti deebi\u2019u. Haaluma kanaan, fakkeenyaaf, Oromoon akka Oromootti walitti deebi\u2019ee dhimma waloo isaa biyya isaa Oromiaa keessatti aadaa fi duudhaasaa giddu-galeessa taasifatee of oolchuuf dirqama jechuudha. Akkuma amma Tigireen biyya Tigiraay keessatti dhimma isaanii xumurachaa jiran kana jechuudha. Tarkaanfileen akkasii impaayerummaa Xoophiyaa ni mirkaneessu, diigama impaayera kanaas ni saffisiisu. Carraan impaayerri tokko qabu silas: diigamuu, dimokiraatawuu fi impaayerummaan itti fufuudha. Xoophiyaan impaayera taatee itti fufuuf dhama\u2019aa jirti; ilmaan dhama\u2019aafii jiranis argattee jirti. Garuu, humnoota impaayerummaa Xoophiyaa dimokiraatessan ykn diigantu daran jabaatee jira jechuun ni danda\u2019ama.<\/p>\n\n\n\n<p>Dhimma filannoo kanaa wajjin walqabatee, yeroon filannoo 2020 akka achi hin siiqnee fi sababa COVID-19tti filannoon akka hin milkoofne waan taasisu hanbisuuf labsiin yeroo muddamaa kun jalqaba ji\u2019a Amajjii keessa labsamuu qaba ture. Ammas labsiin kun bifa filannoo bara 2020 hin miineen otoo hojiirra oolee attam gaariidhaa? Walumaagala, sababoota armaan olitti tarreeffamanii jiranii fi kanneen ani hin tuqiin darbeef jecha labsiin yeroo muddamaa labsamuun barbaachisaa akka ta\u2019e agarsiisuu yaaleera. Mootummaan bifa aantummaa Sabootaa, Sablammootaa fi Uummattoota Xoophiyaaf qabuun yoo labsii kana hojiitti hiike dhibee COVID-19 to\u2019achuu ni danda\u2019a abdii jedhun qaba. Kana biraan immoo Saboonni, Sablammoonnii fi Uummattoonni Xoophiyaa irri caalaan qajeelummaa waan qabaniif Waaqayyo isaan gargaara amantaa jedhun qaba.<\/p>\n\n\n\n<p>[<strong>Hubachiisa: <\/strong><em>Maxxansi kun fuula 5 qaba. Itti fuftanii dubbisuuf, lakk. 4 gadii kana cuqaasaa!<\/em>]<\/p>\n\n\n\n<!--nextpage-->\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\" start=\"4\"><li>Sodaawwan Labsii Yeroo Muddamaa Wajjin Waqabatanii Jiran<\/li><\/ol>\n\n\n\n<p>Erga bara 1991 Saboonni, Sablammoonnii fi Uummattoonni Xoophiyaa muuxannoo bal\u2019aa fi jiila bulchiinsa labsii yeroo muddamaa qabu. Muuxannoon darbee fi jiru akkasumas jiillli kanaa waliin walqabatee jiru akka Labsii Yeroo Muddamaa COVID-19 kana ija shakkiin ilaalluu fi sodaatnu nu gochuu malu. Mee sodaawwan jiran akka armaan gadiittan kaasuu yaala.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>1ffaa:<\/strong> Turtiin yeroo muddamaa kun ji\u2019a shan ta\u2019uunsaa gaaffii guddaa fi sodaa kaasu qaba. Gama tokkoon, mootummaan yeroo itti labsii kana labsuu qabu dhiisee ji\u2019oota sadii booda labse. Gama biraan immoo turtiin mootummaa kanaa hanga Waxabajjii bara 2020 kanaatti ta\u2019ee otoo jiruu mootummaan kun hanga August 2020tti labsii kana labsuun gaaffii guddaa kaasa. Dhugaa dubbachuufis turtiin labsii yeroo muddamaa kun ji\u2019a sadii ol tahuu hin qabu ture. Yoo ji\u2019a sadiitti to\u2019achuun hin danda\u2019amu ta\u2019ellee bifa heeraa fi seera hin cabsineen qaamolee biroo wajjin ta\u2019uun furmaata barbaaduutu salphata ture. Yookaan immoo ji\u2019a Amajjii bara 2020 keessa labsii yeroo muddamaa kana labsee ji\u2019a 5-6\u2019f COVID-19 kana to\u2019achuun ni danda\u2019ama ture. Erga Amajjii bara 2020 kaasee hanga August 2020tti (ji\u2019a 8\u2019f) bulchiinsi jiru Bulchiinsa Mootummaa Koronaati jechuudhaam. Karaa biraa, waan Mootummaan kun beekaa turtii yeroo labsii kanaa dheeressee akeeka siyaasaa isaa galmaan ga\u2019uufi sodaan jedhu jira.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>2ffaa:<\/strong> Qabiiyyee fi akkaataan hojiirra oolchaa Bulchiinsa Labsii Yeroo Muddamaa akkuma dubbii Sillaasee ta\u2019e. Waa\u2019ee Sillaasee kan beekan muraasa; Macaafni Qulqulluunis akka namni baayyee beekuuf nama hin jajjabeessu. Qabiyyee fi akkaataa hojiirra oolmaa Labsii Yeroo Muddamaa kana Mootummaa PP qofaatu beeka; PP keessaayyuu warra mataa ta\u2019an jechuudha. Kun immoo rakkoo iftoominaa fi itti gaafatamummaa uuma.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>3ffaa:<\/strong> Mootummaan kun gama heeraanis ta\u2019u gama seeraan hanga Waxabajjii 2020 qofaatti beekaamtii qaba (durumaanuu fudhatama-legitimacy hin qabu). Kanaaf, Waxabajjii hanga Hagayyaa eenyutu Labsii Yeroo Muddamaa kana hoogganaa? Mootummaa PP tu qofaa isaa hooggana moo qaamonni biroon keessatti qooda ni fudhatu? Gama qabiyyeedhaan, labsii yeroo muddamaa kana keessatti maaltu eeyyamame; maaltu dhorkame; maaltu dhorkamuu danda\u2019a (grey area) kan jedhu wanti beekame hin jiru.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>4ffaa:<\/strong> Labsii Yeroo Muddamaa COVID-19 kana qaamoleen adda addaa akka fedha isaaniif ta\u2019uutti itti fayyadamuu danda\u2019u. Kunis akeeka siyaasaa isaan maqaa biyyaa fi Uummataan deemsisan galmaan ga\u2019uuf taasifama. Akka kootti Mootummaan harka 60; Morkattoonni harka 30; Namoonnii fi gareen murnaan socho\u2019u harka 10 labsii yeroo muddamaa kana akka fedha siyaasaa fi faayidaa isaanii kabachiisuu danda\u2019uun itti fayyadamuu danda\u2019u.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>(a) Mootummaan:<\/strong> labsii kana keessa gugatee namoota ilaalcha siyaasaa biraa qabanii fi gufuu natti ta\u2019u jedhee yaadu hidhuu, ukkaamsuu, ajjeesuu, saamuu fi mirgoota siyaasaa daangessuu danda\u2019a.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>(b) Morkattoonni:<\/strong> dadhabina mootummaa fi gaaga\u2019ama dhufu bifa fedha isaanii qofa tajaajiluu fi fudhatama siyaasaa isaaniif argamsiisuu danda\u2019uun itti fayyadamuu danda\u2019u. Kaan mootummaatti galu. Kunimmoo kaampii mootummaa cimsee One Party Democrcay ykn Dominant party Democracy fida. Xoophiyaaf morkattoonni ciccimoon jiraachuun faayidaa guddaa qabaata. Yeroo rakkinaa fi muddamaa kana morkattoonni fedha dhuunfaa isaanii galmaan gahuuf mootummaatti galuun isaanii guddina dimokiraasiif gufuu guddaa ta\u2019a. Gama biraan immoo morkattoonni fiixeetti ba\u2019anii miiraan mootummaa irratti mormii kaasuu fi hokkoraa uumuu danda\u2019u. Kunimmoo lammiilee gaaga\u2019ama biraaf saaxila; impaayeraa Xoophiyaa duuftee jirtu kana lafaan ga\u2019a jechuudha.<\/p>\n\n\n\n<p>(c) \u201cGirrigirrii keessa buddeenni tokko bade\u201d akkuma jedhan yeroo rakkoo; yeroo lammiileen dhuman namni ykn murni fayyadamu ni jira. Keessumaa gama dinandgee fi sochii maafiyummaadhaan namoonnii fi qaamonni labsii muddamaa kanatti dhimma b\u2019an ni jiraatu!<\/p>\n\n\n\n<p>(d) Diigamuu sirna heerawaa Federaalawa Dimokiraatawa Rippaabilikaa Xoophiyaa fiduu mala: Erga Eebla bara 2018 as fedhii faallaa lamatu jira. Gama tokkoon akka heeraa fi seeraatti deemuun hin danda\u2019amne. Gama biraan immoo sirna heeraa fi seeraa FDRE kana diiguun\/guutummaatti dhiisuun hin danda\u2019amne jechuudha. Mootummaan yeroo barbaadu heeraa fi seeratti fayyadama; yeroo barbaadu immoo heeraa fi seera cabsee waan barbaade hojjeta. Kana gidduutti murni heera fooyyessina jedhu baayyee socho\u2019aa fi dhaggeefatamaa jira. Gama kanaanis hudhaan jira. Xoophiyaan sirna federaalizimiin bulti waan ta\u2019eef, amala sirna bulchiinsa sirna federaalizimii keessaa tokko heera salphaatti fooyyessuun hin danda\u2019amu. Kanaaf: (i) Mootummaan EPRDF\/ADWUI guutummaatti jiguu mala (ii) PP\u2019n Humna Waraanaan Xoophiyaa bulchuu mala (akkuma Gibxii jechuudha) (iii) Mootummaan ADWUI\/EPRDF fi PP\u2019n wal-fudhatanii dhidhimuu danda\u2019u. Yeroo sana qaamni hin beekamne Xoophiyaa hulchuuf carroomuu danda\u2019a. Gaafa sana ssirna heerawaa amma jiru guutummaatti diiguun salphata; darbee Xoophiyaan gargar caccabuu dandeessi. Tigiraay karaarra jirti: karaan dugda hindaaqqoo haa ta\u2019uuf malee.<\/p>\n\n\n\n<p>(e) Waraanni wal-waliinii ka\u2019uu mala. Kunis akka Xoophiyaatti jiraachuun dirqama ta\u2019ee argamnaan humnoonni gama adda addaan wal morkataa jiran kun wal-lolanii wal-injifachuutti darbu. Akka jiboota dallaa tokko keessa bulanii jechuudha. Wal-waraanni kun bifa sadiin ta\u2019uu mala. 1ffaa: wal-waraansa humnoota siyaasaa gidduutti taasifamu; 2ffaa: wal-waraansa eenyummaa\/sabummaa\/amantaafi 3ffaa: walwaraansa naannolee gidduu: kunis sababa adda addaaf ta\u2019uu mala: daangaaf; Xoophiyaa bulchuuf, fi kkf.<\/p>\n\n\n\n<p>(f) Walumaagala qaamoleen dimokiraasii hin feene (mootummaa dabalatee) fedha dhuunfaa isaanii eegsifachuuf ykn itti fufsiisuuf hokkorri akka ka\u2019u taasisuudhaan gatiwwan jajjaboo biyya baasisu; herrega walirraa buusuu malu ta\u2019a.<\/p>\n\n\n\n<p>Walumaagala, COVID-19\u2019f jedhamee labsiin yeroo muddamaa labsamuun gaarii ta\u2019us sodaawwan gurguddaa kan fiduu danda\u2019u ta\u2019uusaa hubachuun gaariidha. Sodaawwan kunimmoo gaafa qabatamaa ta\u2019an gaaga\u2019ama guddaa uumuu danda\u2019u. Kanaaf, sodaawwan kana hanqisuuf qaamoleen hunduu waliin ta\u2019anii hojjechuu qabuun dhaamsa kooti.<\/p>\n\n\n\n<p>[<strong>Hubachiisa: <\/strong><em>Maxxansi kun fuula 5 qaba. Itti fuftanii dubbisuuf, lakk. 5 gadii kana cuqaasaa!<\/em>]<\/p>\n\n\n\n<!--nextpage-->\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\" start=\"5\"><li>Kallattii Furmaataa<\/li><\/ol>\n\n\n\n<p>Hayyoonni siyaasaa gaafa dubbatan akkas jedhu \u201cIf there is willingness there is commitment and there is solution\u201d Rakkoowwan walxaxoo fi sodaawwan COVID-19 wajjin walqabatnii jiranii fi durumaan of danda\u2019anii turan kana salphisuuf qabxiileen armaan gadii ni gargaaru jedheen abdadha.<\/p>\n\n\n\n<p>1ffaa: Bulchiinsi Labsii Yeroo Muddamaa COVID-19 kun heera federaalaa bara 1995 keewwata 12ffaan hooggaanamuu qaba. Kunis iftoominni jiraachuu; itti gaafatamummaan jiraachuu qaba.<\/p>\n\n\n\n<p>2ffaa: Mirgoonni Heera Federaalaa 1995 keewwattoota 14-18tti; 28 fi 29; 36 fi 39 keessatti ibsaman matumaa itti bu\u2019amuu hin qaban. Sababni isaa labsiin muddama kanaa weeraraa fi tatamsa\u2019ina dhibee Koronaa ittisuuf malee labsii muddamaa dhimma nageenyaa ykn siyaasaan wal qabate waan hin taaneef.<\/p>\n\n\n\n<p>3ffaa: Wayita Labsii Yeroo Muddamaa COVID-19 kanaa mootummaan nama tokko ilaalcha siyaasaaf hidhuu, ukkaamsuu, ajjeesuu, arii\u2019achuu fi dararuu hin qabu. Otoon mootummaa ta\u2019ee akkasan godha. Darbeemmoo, otoon Mootummaa kana ta\u2019ee, hidhamtoota siyaasaa erga Fulbaana bara 2018 kaasanii jiran hundan hiika. Gama tokkoon tooftaa tatamsa\u2019ina COVID-19 hir\u2019isuuti; gama biraan mootummaaf beekamtii fi maqaa gaarii kennuu danda\u2019a (nama gaafa rakkina ofii qarshii 10 namaaf kennu eenyu iyyuu hin irraanfatu).<\/p>\n\n\n\n<p>4ffaa: Ammumaan tarkaanfiiwwan tatamsa\u2019ina dhibee COVID-19 ittisan ykn to\u2019atan fudhachuudha: guutummaa guutuutti tajaajilli xiyyaaraa dhaabachuu qaba; namni magaalaa-baadiyaatti deemuun dhaabbachuu qaba; hubannoo gahaa gola nama hundaa seenanii uumuu fi hojiirra oolmaasaa hordofuu; fi kkf<\/p>\n\n\n\n<p>5ffaa: Bulchiinsa Labsii Yeroo Muddamaa COVID-19 kana bakka lamatti hiruudhaan kan ji\u2019oota sadan gara jalqabaa Mootummaan EPRDF\/ADWUI\/PP akka hoogganu taasisuu; kan ji\u2019oota lamaan gara dhumaa immoo bakka buutota jaarmiyaalee morkattootaa fi baka buutota kutaalee hawaasaa of keessaa qabu hundeessuun baayyee barbaachisaadha. Asumaanis waan akka Interim Government hundeessuuf haala mijataa uumaa deemuun dirqama ta\u2019a. Mootummaan Yeroo kun dhibee COVID-19 to\u2019achuurra darbee dhimmoota filannoo fi ceehumsa biyya kanaa irratti walii wajjin hojjechuudhaan dhiphina amma keessa jirruu fi nutti deemaa jiru keessaa nu baasuu qabun jedha. Haaluma kanaan filannoon December 2020 keessa akka t\u2019uu qabutti irratti hojjetaa umuriin Interim Government kanaa ji\u2019a jaa\u2019aaf akka ta\u2019u murteessuudha. Yoo kun ta\u2019e heerrii fi seerri FDRE hin diigamu; impaayerri Xoophiyaas hin diigamtu. Hoogganaan Interim Government kanaa Dr Abiyyi Ahimad tahuu akka qabus gamanumaanan yaada koo ibsuu barbaada.<\/p>\n\n\n\n<p>6ffaa: Humnoota karaa hidhannoo\/qawwee qabsaa\u2019aa jiran wajjin bifa itti gaafatamummaa fi of-eeggannoo qabuun nagaa buusuun dirqama ta\u2019a. Dhugaa dubbanna taanaan Mootummaan humnoota kana injifachuu hin dandeenye; tasumaa injifachuus hin danda\u2019u. Sababni isaa mootummaan kun mootummaa fudhatama (legitimacy) qabu waan hin taaaneef lammiileen qaamota humnoota karaa hidhannoo qabsaa\u2019an duuba hiriiranii jiran lakkoofsaan xiqqoo miti. Mariin, araarrii fi wal-hubachuun Mootummaa Xoophiyaa fi Humnoota karaa Hidhannoo qabsaa\u2019an jidduutti taasifamu ulaagaa idil-addunyaa kan guutee fi wal-amantummaa kan fidu ta\u2019uu qaba. Kunis bakka qaamni sadaffaan jirutti; ulaagaa fi standard marii riphee-lolaa fi mootummaa guutuun; bifa qaama walii-galtee kana diige itti gaafatamu ta\u2019uu danda\u2019uun ta\u2019uu qaba. Kun hin ta\u2019u taanaan, humnootni karaa hidhannoo qabsaa\u2019aa jiran haala mijataa yeroo (momentum) fi dandeettii amansiifachuu (bargaining power ) qabaataa dhufu. Sababa kanaatti carraan jabaatanii mootummaa Xoophiyaa injifachuu isaanii guddaa akka ta\u2019etti natti argama.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-text-align-center\">Ani kanan akeeka; Waaqni narra beeka! Waaqayyo warra gama hundaan humna hin qabneef humna haa ta\u2019u; warra humna isaaniin nama dhiiban namarraa haa dhiibu; Waaqayyo COVID-19 kana nurra haa dabarsun jedha! <\/p>\n\n\n\n<p><strong>Obboleessa Keessan, Moonenus H.<\/strong> <br><strong>Eebla 10, 2020<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Sababa COVID-19tti Barbaachisummaa Labsii Yeroo Muddamaa (State of Emergency); Sodaawwan Jiranii fi Kallattii Furmaataa Seensa Namni kamuu kan hubachuu qabu Waaqaa gaditti Sabni ykn biyyi tokko kan qabdu Mootummaa Uummata (Biyya) sanaaf waan gaarii yaaduu fi hojjetudha. Addunyaa kana keessatti Sabni (Biyyi) sababa adda addaaf haalawwan ulfaataa hojmaata idileedhaan to\u2019atamuu hin dandeenyeef hin saaxilamne hin &hellip;<\/p>\n<p class=\"read-more\"> <a class=\"\" href=\"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/covid-19-fi-labsii-yeroo-muddamaa\/\"> <span class=\"screen-reader-text\">COVID-19 fi Labsii Yeroo Muddamaa<\/span> Read More &raquo;<\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":590,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"nf_dc_page":"","site-sidebar-layout":"default","site-content-layout":"default","ast-global-header-display":"","ast-banner-title-visibility":"","ast-main-header-display":"","ast-hfb-above-header-display":"","ast-hfb-below-header-display":"","ast-hfb-mobile-header-display":"","site-post-title":"","ast-breadcrumbs-content":"","ast-featured-img":"","footer-sml-layout":"","theme-transparent-header-meta":"default","adv-header-id-meta":"","stick-header-meta":"","header-above-stick-meta":"","header-main-stick-meta":"","header-below-stick-meta":"","footnotes":""},"categories":[6],"tags":[],"class_list":["post-584","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-analysis"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/584","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=584"}],"version-history":[{"count":5,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/584\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":604,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/584\/revisions\/604"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/media\/590"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=584"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=584"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=584"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}