{"id":504,"date":"2020-05-22T10:36:37","date_gmt":"2020-05-22T10:36:37","guid":{"rendered":"https:\/\/sanyiigadaaconsultancy.org\/opsa\/?p=504"},"modified":"2020-05-24T17:26:28","modified_gmt":"2020-05-24T17:26:28","slug":"siyaasaa-fi-koronaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/siyaasaa-fi-koronaa\/","title":{"rendered":"Siyaasaa fi Koronaa"},"content":{"rendered":"\n<div class=\"wp-block-media-text alignwide has-media-on-the-right is-stacked-on-mobile is-vertically-aligned-center\" style=\"grid-template-columns:auto 48%\"><figure class=\"wp-block-media-text__media\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"340\" height=\"226\" loading=\"lazy\" src=\"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-content\/uploads\/2020\/05\/Corona-1-e1590324845583.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-579\"\/><\/figure><div class=\"wp-block-media-text__content\">\n<p>Dhukkuboota hanga ammaatti addunyaa irratti dhufan keessaa kan akka Koronaa COVID-19 kanaa gama hundaan dhiibbaa fiduu danda&#8217;e hin jiru. <\/p>\n<\/div><\/div>\n\n\n\n<p class=\"has-text-align-left\"><br>Dhaabbilee amantaa irratti; dhaabbilee dinagdee fi haala jiruuf jireenya hawaasaa guyyuu guyyuu irratti; sochii siyaasaa fi waraanaa irratti; hariiroo namaa fi nama jidduu irratti; hariiroo namaa fi naannoo jidduu irratti; xiinsammuu nama hundumaa irratti fi dhaloota gidduutti dhiibbaa hedduu qaqqabsiisaa jira; gara fuulduraattis ni qaqqabsiisa. Mee dhiibbaa Koronaan Siyaasa Addunyaa irratti fiduu danda&#8217;un tuttuquu yaala.<\/p>\n\n\n\n<div class=\"wp-block-group\"><div class=\"wp-block-group__inner-container is-layout-flow wp-block-group-is-layout-flow\">\n<div class=\"wp-block-group\"><div class=\"wp-block-group__inner-container is-layout-flow wp-block-group-is-layout-flow\">\n<ol>\n<li><span style=\"color: #0693e3;\"><strong>Olaantummaan Siyaasaa biyyoota gama dhiyaa (Capitalist Western World) waan gaaffii guddaa keessa gale fakkaata.<\/strong><\/span> Dursitoonni biyyoota kaappitaalistii gama dhiyaa USA, UK, Jarmanii, Faransaayi fi kanneen biroo akka malee Koronaaf jilbeeffatan. Biyyi itti COVID-19&#8217;n argame, Chaayinaan otoo biyyoonni kun itti qoosanii dhukkuba kana to&#8217;attee lammiilee ishee balaa guddaa jalaa oolchuu dandeesseetti. Kanaaf, New World Order&#8217;n bara 1991 booda Amerikaa Kaabaan labsame waan gama Chaayinaatti deebi&#8217;e fakkaata. Biyyoonni gama dhiyaa dursa kan kennan dinagdeef yommuu ta&#8217;u biyyoonni gama bahaa immoo dursa namaaf kennu. Tiraampi dhumaatii lammiilee isaa sadarkaa 2ffaa irra kaa&#8217;eetu dhimma dinagdeef maallaqa guddaa ramadee bizinasii biyya isaa dadammaqsuuf carraaqaa jira.<\/li>\n<\/ol>\n<\/div><\/div>\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\" start=\"2\"><li><strong><span class=\"has-inline-color has-vivid-cyan-blue-color\">Koronaan Jaarmiyaalee Morkattootaa fi hooggantoota isaaniif carraa gaarii ni uuma jedheen yaada.<\/span> <\/strong>Kunis biyyoota mootummaan isaanii dhimma COVID-19 kana salphisanii ykn tuffatanii ilaaluudhaan xiyyeeffannoo guddaa waa&#8217;ee egeree aangoo isaaniif kennan keessatti ta&#8217;a. Akkasumas morkataa cimaa dadhabina mootummaa kana saaxiluu fi filannoo caalmaa qabu dhiyeessuu danda&#8217;utu dorgommii siyaasaa fi filannoo irratti mootummaa injifachuu danda&#8217;u. Fakkeenyaaf, USAtti filannoo November 2020 dhufu kana irratti Paartii Dimokiraatotaa bakka bu&#8217;ee dorgomuu kan danda&#8217;u, I\/A\/Pirezidaantii duraanii Joe Biden carraa bal&#8217;aa Tiraampiin injifachuu danda&#8217;u qaba jedhameetu eegama. Joe Biden dhimma COVID-19 kanaa irratti bifa nama ajaa&#8217;ibuun yaadaa fi mul&#8217;ata kan Tiraampi caalu dhiyeessaa jira, fudhatama guddaas argataa jira. Morkataa cimaan dadhabina Mootummaa bifa lammiilee fayyaduu danda&#8217;uun saaxilee yaadaa fi karoora fooyya&#8217;aa dhiyeessuu danda&#8217;u shakkii tokko malee mootummaa aangoo irra jiru ni injifata.<\/li><\/ol>\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\" start=\"3\"><li><strong><span class=\"has-inline-color has-vivid-cyan-blue-color\">Biyyoota Afrikaa keessatti, Koronaan waggoota itti aanan dabalataaf carraa aangoo irra turuu mootummootaaf ni kenna.<\/span><\/strong> Kunis sababoota armaan gadiif:<\/li><\/ol>\n<\/div><\/div>\n\n\n\n<div class=\"wp-block-group\"><div class=\"wp-block-group__inner-container is-layout-flow wp-block-group-is-layout-flow\">\n<div class=\"wp-block-group\"><div class=\"wp-block-group__inner-container is-layout-flow wp-block-group-is-layout-flow\">\n<ul>\n<li style=\"list-style-type: none;\">\n<ul>\n<li>Mootummoonni biyyoota Afrikaa hundi abbootii irree fi dheebuu aangoo guddaa qaban waan ta&#8217;eef. Afrikaa keessatti murni aangoo irra jiru tasumaa aangoo gadhiisuu hin barbaadu. Sababni isaa immoo yakkawaanii fi saamicha gurguddaa raawwataa waan turaniif aangoo gadhiisnaan itti gaafatamummaa jalaa hin ba\u2019an. Kanaafi kan isaan sababa adda addaa uumanii aangoo irra turuuf dhama\u2019aniif.<\/li>\n<li>Mootummoonni Afrikaa hedduun dararaa fi dhumaatii lammiilee isaanii dhoksanii waan gaarii qofaa fi odeeffannoo kijibaan sadarkaa addunyaatti fudhatama argachuuf warra dhama&#8217;an waan ta&#8217;eef (Waan Haayilesillaasee 1ffaan beela bara 1960 keessa ta&#8217;e itti dhokse irraa hubachuu ni dandeenya). Mammaaksi \u201cAlaa hanga Gaalaa; manaa hamma baalaa\u201d jedhu kana mootummoonni Afrikaa baayyee jaallatu, hojiirras oolchu.<\/li>\n<li>Jaarmiyaaleen morkattootaa yeroo haalli ulfaataan akkasii uumamu carraa Mootummaa jalatti kufanii mootummaa aangessantu argama. Bifa biraan, yeroo rakkinaa kana keessa miseensonni morkattootaa hedduun mootummaatti kooluu galuudhaan aangoo ykn faayidaa yeroodhaan kanneen akeeka siyaasaa isaanii gadhiisantu jira. Gama tokkoon fudhatama rakasaa (cheap popularity) argachuuf mootummaa wajjin taanee dhukkuba kana ni ittisna yaada jedhuun mootummaatti kooluu galu!<\/li>\n<li>Morkattoonni gama dinagdeen guutummaa guutuutti buusii miseensummaa fi deeggarsa deeggartoota isaanii irraa argatan irratti hundaa&#8217;u waan ta&#8217;eefi. COVID-19&#8217;n diinagdee biyyootaa gaaga&#8217;uurra darbee hanga jireenya nama dhuunfaa hundaa gaaga&#8217;uutti waan ga&#8217;uuf namoonni jaarmiyaa isaaniif deeggarsa maallaqaa fi buusii miseensummaa sadarkaa kaffaluu irra hin geenye irra gahuu danda&#8217;u. Yeroo kanammoo Mootummaatu humna diinagdee fi maallaqaa guddaa qaba. Mootummaan immoo akeeka morkattoota dadhabsiisuu ykn balleessuu waan qabuuf jaarmiyaalee morkattootaa kanaaf deeggarsa maallaqaa ni taasisa jechuun hin danda&#8217;amu.<\/li>\n<li>Lammiileen biyyoota Afrikaa yeroo balaan akkasii biyyatti dhufu aadaa Mootummaatti abdachuu waan qabaniif. Yeroo weerarri akka dhukkuba COVID-19 kun dhufu ykn weerarri waraanaa biyyatti dhufu lammiilee baayyeen mootummaatu dandeettii weerara kanarraa isaan ittisuu qaba jedhanii yaadu.<\/li>\n<li>Labsii Muddamaa yeroo weerarri COVI-19 labsamu kana humnoonni nageenyaa Mootummoota biyyoota Afrikaa akka carraatti fayyadamuun morkattoota hidhuu, ajjeesuu, dhoksuu fi dararuu waan qabaniif. Gama tokkoon mootummoonni biyyoota guddataa jiranii abbootii irreedha; gama biraan labsiin muddamaa kunimmoo guutummaa guutuutti aangoo gama hundaa isaaniif kenna waan ta\u2019eef keessa keessa miseensota, deeggarstootaa fi hooggantoota jaarmiyaalee morkattootaa ni miidhu.<\/li>\n<\/ul>\n<\/li>\n<\/ul>\n<\/div><\/div>\n<\/div><\/div>\n\n\n\n<ol class=\"wp-block-list\" start=\"4\"><li><strong><span class=\"has-inline-color has-vivid-cyan-blue-color\">Xoophiyaatti<\/span>,<\/strong><\/li><\/ol>\n\n\n<ul>\n<li style=\"list-style-type: none;\">\n<ul class=\"rich-text block-editor-rich-text__editable\" role=\"textbox\" contenteditable=\"true\" aria-multiline=\"true\" aria-label=\"Write list\u2026\">\n<li>COVID-19&#8217;n Mootummaa Badhaadhinaaf carraa guddaa uuma. Ammumaan filannoon bara 2012\/2020 guyyaa hin beekamneef achi darbeera. Yoo xiqqaate waggoota lamaaf filannoon ni dheerata. Dabalatas, labsiin muddamaa labsamuu danda&#8217;u Mootummaa Badhaadhinaaf humna guddaa kennaaf: gama maallaqaan, gama sagalee morkattootaa ukkaamsuun, gama morkattoota hidhuun ykn dhoksuun, fi gama addaan COVID-19&#8217;n Mootummaa Badhaadhinaaf carraa guddaa ni uuma. Abbootiin qabeenyaas mootummaa wajjin dhaabachuu filatu.<\/li>\n<li>Morkattoota Siyaasaa kaayyoo fi akeeka Sabaa hin qabne COVID-19&#8217;n guutummaatti ni balleessa: jaarmiyaaleen kun guutummaatti mootummaatti galu ykn damee mootummaa ta&#8217;anii hojjetu.<\/li>\n<li>Morkattoonni haala ulfaataa kana keessatti dandeettii dandamachuu fi karoora yeroo dheeraa qaban (resilient and farsighted) yoo yaadaa fi karoora fooyya&#8217;aa dhiyeessuu danda&#8217;an seenaa siyaasa Xoophiyaa keessatti gara boqonnaa itti aanuutti darbuu ni danda\u2019u jedheen yaada. Morkattoonni kun filannoo dhufutti carraa injifachuu qabaachuu danda\u2019u ykn immoo sagalee wayyaba ta\u2019e argatanii morkataa cimaa ta\u2019uu danda\u2019u.<\/li>\n<\/ul>\n<\/li>\n<\/ul>\n\n\n<div class=\"wp-block-group\"><div class=\"wp-block-group__inner-container is-layout-flow wp-block-group-is-layout-flow\">\n<ol class=\"wp-block-list\" start=\"5\"><li><span class=\"has-inline-color has-vivid-cyan-blue-color\"><strong>Oromiyaatti, COVID-19\u2019n hunkurama siyaasaa guddaa uumee darbuu danda\u2019a.<\/strong><\/span> Gama tokkoon Oromiyaan impaayera Xoophiyaaf handhuuradha. Gama biraan kaka\u2019umsi Mootummaa Oromiyaa fi tempirecherri siyaasaa Oromiyaa keessa jiru gadi bu\u2019aa dhufeera. Hunda caalaa immoo manneen hidhaa aanaalee Oromiyaa keessa jiran hundi isaanii hidhamtoota siyaasaan guutanii jiru. Kanaaf:<\/li><\/ol>\n\n\n\n<ul>\n<li style=\"list-style-type: none;\">\n<ul class=\"rich-text block-editor-rich-text__editable\" role=\"textbox\" contenteditable=\"true\" aria-multiline=\"true\" aria-label=\"Write list\u2026\">\n<li>Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhiibbaa siyaasaa hanga ammaa Oromoo irraan gahaa jiru hin dhiisu taanaan; hidhamtoota siyaasaa hunda hin hiiku taanaan COVI-19\u2019n kun Oromoota hedduu miidhuu danda\u2019a. Kun taanaan immoo Oromoo gidduutti seenaa gurraacha ta\u2019ee galmeeffamee hafa: egeree siyaasa Oromoo keessatti kaanserii guddaa uumee darba.<\/li>\n<li>Sababa COVID-19 tti qabbanaa\u2019uun gabaa fi dinagdee hiyyeessota hedduu beelaaf saaxiluudhaan namni baayyeen gaaga\u2019amuu danda\u2019a. Kanaaf, dursi akkaataa itti babal\u2019ina COVID-19 ittisuu dandeenyu irratti Mootummaan Oromiyaa hin hojjetu taanaan hiyyummaanii fi dhukkubni durumaan lammiilee keenya dararaa jiru sababa COVID-19tti lammiilee keenya hedduu miidhuu danda\u2019a.<\/li>\n<li>Bulchiinsi Komaandi Poostii fedha siyaasaaf hundaa\u2019e hatattamaan ka\u2019ee gara hojii ittisa COVID-19tti hin cee\u2019u taanaan Oromoon naannoowwan bulchiinsa Komaandi Poostii kanaa jiran waan sadiin miidhamuu malu jechuudha: (1) rasaasaan du\u2019uu (2) COVID-19\u2019n du\u2019uu (3) beelaan dhumuu.<\/li>\n<li>Hawaasa Oromoo baadiyaa bal\u2019aa keessa jiraatuuf hubannaan bal\u2019aan hin kennamu taanaan haalli jiruuf jireenya hawaasa keenya baadiyaa COVID-19\u2019f saaxilamaa dha. Fakkeenyaaf, baadiyaa keessatti maatii tokko keessaa yoo xiqqaate namni tokko gabaa dhiyoo ykn fagoo jiru ni deema. Akka carraa gabaa sana keessaa namni dhibee COVID-19\u2019f saaxilame jiraannaan nama baayyee faala; maatii hedduu saaxila jechuudha. Turtiin ani guyyoota 10\u2019f Oromiyaa Lixaa keessatti taasise kanuma mirkaneessa. Uummanni hangas hubannaa isaa hin qabu ykn immoo xiyyeeffannoo barbaadamu hin kennaniif. Yaalii Yunivarsiitiin Wallaggaa gochaa turee fi jiru argeen ture, baayyee yaalaa jiru garuu gahaa miti. Gama biraan immoo bulchiinsi Komaandi Poostiis karoora Yunivarsiitii Wallaggaan baadiyaa fi magaala keessa deemuudhaan hawaasa barsiisuuf qabaataa ture daangessaa turuusaa quban qaba.<\/li>\n<li>Jireenya harka-qalleeyyii magaalota Oromiyaa keessa jiraatan ilaalchisee sakatta\u2019iinsi barbaachisaan hin taasifamu taanaan gaaga\u2019ama guddaatu uumama. Magaalota keessa yoo xiqqaate mana dhiphaa tokko keessa nama 3-5tu jiraata. Namoonni kun hojii humnaa hojjetanii warra jiraatanidha. Gama tokkoon hojii isaanii dhabuu danda\u2019u. Gama biraan isaan keessaa ykn ollaa isaaniidhaa namni tokko dhibee COVID-19 kanaaf saaxilamnaan nama hundatu miidhamuu mala.<\/li>\n<\/ul>\n<\/li>\n<\/ul>\n<\/div><\/div>\n\n\n\n<p>Kanaaf haalli Oromiyaa keessaa daran ulfaataa waan ta\u2019eef mootummaan sadarkaa ulfaatina kanaa beekee tarkaanfii madaalawaa hin fudhatu taanaan Paartii Badhaadhina Oromiyaaf haalli siyaasaa daran rakkisaa ta\u2019a. Yeroo kana immoo jaarmiyaalee siyaasa Oromoo aantummaa Oromoo fi Oromiyaaf qabaniif carraa guddaa uuma jechuudha.<\/p>\n\n\n\n<p>Walumaagala, COVID-19\u2019n kun akkuma haala dinagdee, hawaasummaa, amantaa fi xiinsammuu jeequu fi miidhuu danda\u2019u siyaasa addunyaa fi kan Xoophiyaas ni gaaga\u2019a yaada jedhun qaba. Yoo balaa COVID-19 kana sirnaan hubatanii akka ta\u2019utti lammiilee isaanii balaa irraa oolchaniif mootummoonni hedduu galateeffamu, jaallatamu, kontiraata dabalaa uummataa wajjin mallatteessu. Yoo kan lubbuu lammiilee irratti kan qoosan ta\u2019e; yoo haala weerara COVID-19 kana keessa akeeka siyaasaaf xiyyeeffannoo kennu ta\u2019e; yoo hidhamtoota siyaasaa hin hiikan ta\u2019e; yoo bulchiinsi manneen hidhaa fi tajaajila isaanii hin fooyyessan ta\u2019e; yoo tarkaanfiiwwan saaxilamummaa beelaa lammiilee hir\u2019isan hin fudhatan ta\u2019e; yoo hojjettoota COVID-19 dhaan saaxilaman (ogeessota fayyaa, hojjettoota humna xiyyaaraa, poolisoota tiraafikaa, fi kkf) dhaaf deeggarsi addaa hin taasifamuuf ta\u2019ee fi kkf carraan Jaarmiyaaleen Morkattootaa xiqqooma sosocho\u2019an gara aangootti dhufuu isaanii bal\u2019aadha! Dhuma irratti COVID-19\u2019n kun carraa waraana yeroo dhaabuu fiduu waan danda\u2019uuf yommuu qaawwaan akkasii uumamu humnoonni wal-waraanan gara mariidhaan garaagarummaa isaanii furachuutti ni dhufu yaada jedhutu jira.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Bulu Cooma!<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Waaqayyo warra humna hin qabneef humna ta\u2019uusaa mirkaneessuuf COVID-19 kana nurraa ni ittisa!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dhukkuboota hanga ammaatti addunyaa irratti dhufan keessaa kan akka Koronaa COVID-19 kanaa gama hundaan dhiibbaa fiduu danda&#8217;e hin jiru. Dhaabbilee amantaa irratti; dhaabbilee dinagdee fi haala jiruuf jireenya hawaasaa guyyuu guyyuu irratti; sochii siyaasaa fi waraanaa irratti; hariiroo namaa fi nama jidduu irratti; hariiroo namaa fi naannoo jidduu irratti; xiinsammuu nama hundumaa irratti fi dhaloota &hellip;<\/p>\n<p class=\"read-more\"> <a class=\"\" href=\"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/siyaasaa-fi-koronaa\/\"> <span class=\"screen-reader-text\">Siyaasaa fi Koronaa<\/span> Read More &raquo;<\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":579,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"nf_dc_page":"","site-sidebar-layout":"default","site-content-layout":"default","ast-global-header-display":"","ast-banner-title-visibility":"","ast-main-header-display":"","ast-hfb-above-header-display":"","ast-hfb-below-header-display":"","ast-hfb-mobile-header-display":"","site-post-title":"","ast-breadcrumbs-content":"","ast-featured-img":"","footer-sml-layout":"","theme-transparent-header-meta":"default","adv-header-id-meta":"","stick-header-meta":"","header-above-stick-meta":"","header-main-stick-meta":"","header-below-stick-meta":"","footnotes":""},"categories":[6],"tags":[],"class_list":["post-504","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-analysis"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/504","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=504"}],"version-history":[{"count":5,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/504\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":606,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/504\/revisions\/606"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/media\/579"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=504"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=504"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/sanyiigc.co\/opsa\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=504"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}