Taakkuutti Dhiiftee Dhundhumatti

#OPSA Xiinxala Haala Yeroo: Taakkuutti Dhiiftee Dhundhumatti

Gidduu kana rogeeyyonni miidiyaa hawaasaa keessuma kan gama Facebook yaada furmaataa isa dhumaa (last resort) jechuun hojiirra oolmaa Keewwata 39 kan Heera 1995 yommuu dubbatan argina. Wanti kun waan ta’uu danda’udhaa? Warri yaada kana dhiyeessan miiraan moo abdii kutannaa irraati? Moo Akkaataa hojiirra oolmaa keewwata 39 sana irratti hubannaa waan hin qabneef laata?

Mee qabxiilee ijoo dhimma kanaa wajjin wal-qabatan kanneen keewwata 39 keessatti ibsaman kaasuun yaala.

  1. Keewwanni 39 (1) akkas jedha, “Sabni, Sablammiin fi Uummanni kamiyyuu mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu hanga fottoquutti kan ta’e haal-duree tokko malee qaba. As keessatti haalduree tokko malee (unconditional) kan jettutu baayyee barbaachiftuudha.

Keewwata 39 (2) fi 39 (3) irratti hangas yeroo gubuun hin barbaachisu sababni isaa OPDO’n waan kana hanga ta’e hojiitti hiikteetti (dhiibbaan ABO akkuma jirutti ta’ee jechuudha).

  1. Mirgi hiree ofiin murteeffachuu hanga fottoquu Saba, Sablammii fi Uummata kamiiyyuu hojiirra kan oolu:

(a) Caffeen Naannoo yoo gaaffii fottoquu harka caalaan (2/3ffaan) mirkaneesse dha. Gama kanaan yoo ilaalle, Caffeen Oromiyaa haala qabatamaa ammaan harka caalmaan mirkaaneessuu mitiitii ajandaa fottoquu kanaaf beekamtii kennee mariif waan dhiyeessu natti hn fakkaatu. Deebii ifaan gaaffii fottoquu “Oromoon Oromiyaa fi Xoophiyaa bulchuu irra darbee Gaanfa Afrikaa bulchaa jira kan jedhudha”

(b) Yoo Mootummaan Federaalaa akkuma gaaffii murtii fottoquu Caffee Naannoo sanaa irraa fudhatee waggoota sadii gidduutti rifirendemii (murtii uummataa kallattii) gaggeessedhaa. Kunis haala qabatamaa ammaan waan ta’u miti. Sababni isaas Oromootu Xoophiyaa bulchaa jira ykn immoo murna maqaa Oromoon fiixeetti ba’etu Xoophiyummaa leellisa; waardiyaa Xoophiyaa ta’ee eega waan ta’eef.

(c) Rifirendamii gaggeefame keessatti yoo Uummanni harka caalmaan (2/3ffaan) fottoquu filatedha. Haala amma jiruun Oromoo meeqatu burjaajii keessaa ba’ee mirga hiree murteeffannaa Oromootti amana laata? Ani gama koon hangas abdii hin qabu sababni isaa Oromoo baayyeen hirriba garbummaa rafaa jira jedhee waanan yaaduufi.

(d) Yoo Mootummaan Federaalaa aangoo isaa Caffee Naannoo kan murtoo fottoquu darbarse sanaaf dabarsee kennedha. Gama kanaanis haalli jiru ifaadha. Mootummaan Federaalaa aangoo isaa dabarsee kennuu mitiitii yeroo itti aangoo heeraa fi seeraan Caffee Naannoo fi Mootummaa Naannoof kenname sana humnaan ofitti fudhatee jiraachuu argaa jirra.

(e) Gargar qooddannaan qabeenyaa erga sirnaan raawwatee booda dha. Kanarratti yaada kennuun hin barbaachisu sababni isaa erga qabxiileen ijoo ta’an armaan olitti ka’anii hojiirra oola waan ta’eefi.

Keewwanni 39 (5)n ibsuun hangas barbaachisummaan isaa hin mul’atu.

Erga akkas ta’ee rogeeyyonni keenya maaliif waan hojiirra ooluun hin danda’amne irratti yeroo ofii gubanii hordoftoonni isaaniis ta’e Oromoon yaada isaanii dhaga’u maaliif dogoggorsuu? Akka OPSAtti gorsi jiruu fi waan Oromoon gochuu qabu:

  1. Akkaataa Heeraa fi Seeraatti mirga ofiin of bulchuu Saba Oromoo mirkaneessuudhaaf dhiibbaan adeemsa heeraa fi seeraa eeggate taasifamuu qaba. Fakkeenyaaf: (a) Hiikkoon Heeraa sadarkaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti akka gaggeeffamu gochuu (b) Aangoon heeraa fi seeraan mootummaa naannoo Oromiyaaf kenname akka giddu-seenummaa mootummaa federaalaa ala bilisaan hojiitti hiikamuuf dhiibbaa taasisuu (c) daangaa Oromiyaa gama addaan dhiibamaa jiru kabachiifachuu (d) mirga jireenyaa, namoomaa fi dimokiraasii Oromoo sarbamaa jiru kabachiisuu fi kkf.
  2. Ajandaa Oromoo sababa waggoota lamaan darban kana keessa burjaaj’ee jiru gumeessuu fi dhimma waloo fi gooroo irratti xiyyeeffachuu
  3. Gama hundumaan (akka dhuunfaa fi walootti) hojii beekumsa, tokkummaa fi Oromummaa giddu galeessa taasifate irratti xiyyeeffachuu.
  4. Yaadota furmaataa gama #Alliance fi #MEDREK dhiyaatan sana sirriitti dubbisuudhaan erga hubatanii booda hojiirra oolmaa isaa irratti hojjechuudha.
  5. Akkas hin ta’u taanaan akkuma mammaaksa “Tiksituun taakkuutti dhiiftee dhundhumatti” jedhamu sana ta’a Oromoo!

Horaa Bulaa! Deebanaa!

Fayyaa Ta’aa!

May 22, 2020, @OPSA!

Share this on:

5 thoughts on “Taakkuutti Dhiiftee Dhundhumatti”

  1. Monenus Hundarra guddaa galatoomi.
    Akkas yeroo namni keenya wal barsiisuuf carraaqqii guddaa akkasii godhu caalaa maaltu nama gammachiisa. Eebbifami.
    #SirraabarachuufQophiidha

  2. Carraa Kamiinuu Wanti hubannaa Oromoof Laatu ,keessumaa Karaalee Itti fayyadama Marsaalee Hawaasaa Irratti Sababa Gap Qabnuuf Barnoota Karaalee Miidiyaa Hawaasaa Irraatin Dhiibbaan Gaggeeffamu Akkuma Jirutti tayee Karaalee Oromoo Hunda Bira Gayuun Jechuun Sadarkaa Dhaabbataatti Wanti Kuni Guddatee Akkuma Giddu gala Barnoota Kamiituu tayu Irratti Caalmaan Osoo Hojjatameen Yaada Hanga Natti Mul’attuu Ani akeekedha.
    Federalist Moonenuus Hundarraa Jabaadhu.

Comments are closed.