OPSA Help

Kutaa kana keessatti akkaataa itti ‘Online Course’ kan OPSA hordoftan isinii ibsina.

1. Akkaataa itti fayyadama OPSA – ‘Mobile’ dhaan (Mobile View)

Yeroo jalqabaaf gara marsariitii kanaa dhuftu yoo ta’e (duraan kan hin galmoofne), karaa lamaan galmaa’uu dandeessu.

Inni jalqabaa, gara marsariitii (website) kanaa erga dhuftanii booda MENU kan jedhu cuqaastu. Itti aansuudhaan, Registration kan jedhu cuqaastu.

Sana booda, odeeffannoo barbaachisan erga ‘Registration Form’ irratti guuttanii, ‘Register‘ kan jedhu cuqaastu (akka suuraa armaan gadii kanaatti).

Erga galmooftanii, Start Course kan jedhu cuqaasuun barnoota jalqabuu dandeessu.

Inni Lammataa, akka armaan gadiitti ibsameera.

Jalqaba gara website OPSA yeroo dhuftan akkaataa suuraa irratti mul’atu kanatti isiniif mul’ata.


Bilbila Harkaa keessan irratti MENU kan jedhu erga cuqaastanii booda, Online Courses kan jedhu filattu.
Akka suuraa irratti mul’atu kanatti jechuu dha.


Ergasiin booda, fuulli ‘Course’ qabatu isinii dhufa.
Itti aansuudhaan suuraa course sana ibsu irratti click gootu.


Qabiyyee ‘course’ sanaa erga ilaaltanii (Description, Curriculum, Announcement…) booda, ‘Course’ ‘chatti galmooftanii eegaluuf, ‘Enroll Course’ kan jedhu hanga argattanitti ol-gototaa (Scroll Up). Sana booda ‘Enroll Course’ kan jedhu cuqaastu.


Amma yeroo jalqabaatiif galmaa’uuf qophooftan jechuudha.
Hubachiisa: Duraan galmooftaniittu taanaan irra deebitanii Register gochuu hin barbaachisu. Login gootu malee.

Galmaa’uudhaf, akka suuraa irraa mul’atutti, Register kan jedhu cuqaastu. Innis hanga isin cuqaastanitti isiniif hin dhufu.

Sana booda, Login/Username, Email fi Password keessan wanta yaadattan galchaatii, gara gadii Register (furtuu magariisa) kan jettu cuqaasa.
Odeeffanno hunda sirriitti galchinaan, sirriitti galmooftan jechuu dha.


Amma egaa galmooftanii Account OPSA qabdu jechuu dha.
Inni itti aanu Login gochuudha.
Akkaataa suuraa irratti mul’atu kanaa, Login/Username fi password keessan galchaatii Login godhaa.


Amma barnoota eegaluuf qophooftan jechuudha.

Furtuu Start Course jedhu cuqaasuudhaan barannoo keessan jalqabdu.


Akkaataa olitti ibsameen Start Course erga jettanii booda, fuula isin ittiin Course sana barattan akka armaan gadii kanatti isiniif dhufa. Barnoota keessan haaluma kanaan next (kan jedhu gara gadiitti kan argamu ) cuqaasuun itti fuftu jechuu dha.

Lesson Preview

2. Akkaataa itti fayyadama OPSA – Kompiyuteraan (Desktop View)

Ammas PC dhaan karaa lama galmaa’uu dandeessu.

Jalqaba, irra keessatti kan argamu ‘menu’ ‘Registration’ jedhu cuqaastu (click).

Ergasiin booda, Registration Form armaan gadii guutaatii, furtuu Register jettu cuqaasaa.

Sana booda, Start Course kan jedhu cuqaasuun barnoota eegaluu dandeessu.

Inni lammataa, irra keessatti kan argamu menu ‘Online Courses’ jedhu cuqaastu.

Ergasiin booda, fuulli ‘Course’ qabatu haala suuraa irratti mul’atu kanaan isinii dhufa.

Sana booda, yeroo isin ‘mouse’ keessan suuraa ‘Course’ ‘chaa irra gootan, ‘Preview This Course’ kan jedhu waan dhufuuf, isa cuqaasaa.
Ykn immoo suuraa waa’ee Course ‘chaa irratti cuqaasuu dandeessu.


Ergasii booda qabiyyee ‘Course’ sanaa argattu (Suuraa gadii ilaalaa).

Qabiyyee ‘course’ sanaa erga ilaaltanii (Description, Curriculum, Announcement…) booda, ‘Course’ ‘cha eegaluuf, ‘Enroll Course’ kan jedhu cuqaastu.
Akka suuraa irratti mul’atutti jechuu dha.

Sana booda, fuula ‘Login’ fi ‘Register’ qabu argattu. Amma egaan, yoo duraan galmooftaniittu ta’e, Login gootu. Hin galmoofne taanaan garuu Register ta’uu qabdu. Akkamitti akka galmooftan, suuraa itti aanurraa ilaalaa.

Yeroo jalqabaaf gara ‘Course’ sanaa dhuftan yoo ta’e, dursa galmaa’uu qabdu. Kanaafuu ‘Register’ kan jedhu cuqaastu jechuudha.  Odeeffaannoo barbaachisu  galchuudhaan galmaa’aa.

Galmooftaniittu taanaan, ‘Login’ kan jedhu irratti ‘login/username’ fi ‘password’ keessan galchaa (Suuraa armaan olii ilaalaa), irra deebitanii galmaa’uu hin barbaachisu jechuudha.


Tarii galmaa’uu irratti yoo isin rakkise, link gadii kanaan nu quunnamuu dandessu.

Erga sirriitti ‘Login’ gootanii booda, ‘Start Course’ kan jedhu cuqaasuun ‘course’ eegaltu.


Sana booda haala armaan gadiitiin barannoo jalqabaa hordofuu eegaltu.

Barannoo jalqabaa erga xumurtanii booda, isa itti aanutti darbuuf, karaa harka mirga gajjallaatti mallattoo ‘>’ cuqaastu. Achii booda barannoo isa itti aanutti haaluma kanaan itti fufu dandeessu jechuu dha.

Baranno tokko erga xumurtanii duubatti debi’us, fuulduratti itti fufuus ni dandeessu.


Odeeffanno dabalataaf, furtuu asii gadii cuqaasuun nu quunnamaa!