Seera Niwutoonii 3ffaa fi Tapha Siyaasaa Oromoo (OPSA Tip)
Dhiyoo kana halaqaa koo tokkotu (Koronaa irraa bilisa kan tahe faranjiidha) waa’ee seera Niwutoonii 3ffaa fi Siyaasa Oromoo kan jedhu natti kaasee jennaan waliin haasofne. Akkas naan jedhe “Oromo should not play reaction force for each and every equal action force of Ethiopian government” Gorsi isaa, “Oromoon waanuma Mootummaan Xoophiyaa hojjetu hundaaf deebii walqixa tahe kennuu hin qabu” kan jedhu dha. Dhimma kana Abbaa Chapalaaleekootti kaasnaanis “Eeyyee dhugaa siin jedhe” naan jedhe. Kanaafan waanan sadarkaa gadiitti baradhe sanan keessa deebi’ee hubachuu yaale. Dhugumayyuu Oromoon tooftaa qabsoo fincilaa (resisatnce/reactionary struggle) dhiisee qabsoo fulla’aa kan bishaan kamiinuu hin dhaamne gaggeessuu qaba malee takka Mootummaa leellisaa (isaantu nu ceesisa jechaa) gaafa waanti tokko guyyaa saafaa badu immoo finciluun hariiroo abbummaa fi ilmummaa Xoophiyaa fi Oromoo mirkaneessa.
Waggoota 30 guutuu gaafa qabsoo tooftaa fincilaa hordofnu qaama lamatu lubbuu horatee lafa qabate: OPDO fi Nafxanyaa. Dhaloonni Qubee Wayyaanee fincilaa har’a gahe. OPDO’n immoo maqaa fi tooftaa jijjiirrattee nurratti battatte. Lafa qabatte; sirna dhuunfatte; tapha Siyaasaa barte; qabeenya horatte; dhaabbilee idil-addunyaa keessa ilmaan ishee keewwatte. Har’a gama kamiinuu tahu OPDO’n humna qabdi. Tooftaanis tahu humnaan Qabsoo Oromoo gatachiisuu dandeessi. Dhugaa dubbachuuf PP Oromiyaa keessatti kan injifatu OPDO dha malee qaama biraa miti. Kana itti yaaduu qabna. Tooftaa addatti OPDO treat gochuu danda’u qabaachuu gaafata.
Kan Nafxanyaa waanan isinitti himu hin qabu. Babal’inni magaalaa sirna Nafxanyaa fi Nafxanyaa guutummaa guutuutti tajaajila. Oromiyaa keessatti magaalli Oromoo fakkaatuu fi foolii Oromoo urgaa’u hin jiru. Dhaabbileen sadarkaa biyyoolessaa fi Oromiyaa jiran sirna, qorqalbii fi duudhaa Nafxanyaa kotokkotanii guddisaa jiru. Waggaa lamaa as immoo wanti hunduu isaaniif akka haroon raachaaf mijatutti mijateef. Gaaffiin Oromoo ‘Abbaa Biyyummaa’ irraa gara mirgoota sadarkaa 2ffaatti (social,cultural and economic rights: 2nd generation of rights warra jedhaman) gadi bu’eera. Namni aadaa fi Afaan Oromoo bare bara kana Mootummaa Badhaadhinaaf 100 keessaa 100 amanamaadha. Har’a barri kan isaaniiti.
Kanaaf, dhaloonni kun xiqqoo tasgabbaa’ee xiinxala qabsoo yeroo gabaabaa, kan yeroo giddu galeessaa fi kan yeroo dheeraa taasisuu qaba jedheen yaada. Keessumaa hanga wanti baayyeen calaluutti yaadaa fi qalbii; beekumsaa fi qabeenya; humnaa fi dandeettii keenya deebii mormii gochaa Mootummaa Xoophiyaa (reaction) irratti fixuu hin qabnun jedha. Mootummaan Xoophiyaa yeroo gabaabaaf akka waan barbaade godhu haa eeyyamnuuf (silas dhowwuu hin dandeenye). Lafa haa saaman; nama haa hidhan, haa ajjeesan, haa ukkaamsan; Oromiyaa haa diigan (diiguuf haa aggaaman); Oromoo haa salphisan, haa xiqqeessan. Hangasitti hooggantoonni qabsoo haqaa fi Bilisummaa akka sochii Ziyoonizimii Israa’el sanaatti waan hunda haa mijeessan. Dhaloonni Qubee Oromoo fi Oromiyaa Bilisa baasuuf isa dhumaaf of haa qopheessun jedha!
Nagaan!
Liked
Jabaadhu!