Rakkoowwanii fi Kallattiiwwan Furmaataa

Xiinxalaa fi Ibsa OPSA Haala Yeroo Irratti: Rakkoowwan Oromoo, Oromiyaa fi Xoophiyaa fi Kallattiiwwan Furmaataa

Jalqaba irratti Xoophiyaan impaayera malee biyya akka hin taane hubachuun baayyee barbaachisaadha. Impaayerri amala, rakkoo fi furmaata mataa ofii akkuma qabu biyyi tokkos amala, rakkoowwanii fi kallattiiwwan furmaataa mataa ofii ni qabaata. Itti aansee, sirni bulchiinsa Xoophiyaa ammaa (erga bara 1991 as) Sirna Federaalizimii Eenyummaa giddu-galeessa taasifatedha. Kana irratti gama adda addaan wal falmuu dandeenya garuu akka Heera Federaalaa kan bara 1995, Keewwata 46 irraa hubachuu dandeenyuutti giddu-galli sirna ijaarsa federaalizimii Xoophiyaa eenyummaa ta’uusaa irra jireessi hayyootaa irratti walii-galu.

Qaamoleen tokko sirna federaalizimii sabummaa irratti hundaa’e (ethnic federalism) jedhanii yeroo ibsan faallaa kanaa immoo qaamoleen tokko tokko sirni federaalizimii Xoophiyaa Sirna Federaalizimii Sabdaneessaati jedhu (multinational federalism). Ilaalchonni lamaanuu fiixee adda addaa irratti argamu. Fiixeen jalqabaa qaama sirna bulchiinsa giddu-galeessaa barbaaduu fi tokkummaa Xoophiyaa akkaataa mootonni impaayera Xoophiyaa jalqabaniin kan barbaadanidha.

Fiixeen lammataa immoo qaamota akeeka dhokataa impaayera Xoophiyaa bifa Xoophiyaa hin diigneen jijjiiramoota irra keessoodhaan itti fufsiisuu warra qabanidha. Kana jechuun Xoophiyaa gara sadarkaa akka USA har’aa ykn Afrikaa Kibbaa ammaatti ceetu qaamolee fedhan jechuudha.

Qaamoleen fiixee lamaan akkaataa irratti malee (difference on the means) galma irratti garaagarummaa hin qaban (have the same end).

Dhuma irratti, Oromoon Saba akka tahee (the Nation) fi biyya ofii isaa kan Oromiyaa jedhamtu kan qabu ta’uu; akkasumas Xoophiyaan jiraattes dhiiftes sirna bulchiinsaa ofii Mootummaa ofii hundeeffachuu kan qabu/kan danda’u ta’uu hubachuun gaariidha. Gama tokkoon bu’uuraalee mootummaa amma Oromiyaa keessa jiran kan Oromiyaa akka ta’an beekuu fi bifuma sanaan itti fayyadamuu danda’uun/qophaa’uun baayyee barbaachisaadha. Gama biraan immoo dhaabbileen kun qabeenya Oromoo tahuu hubannee barbadeessuu ykn miidhuu irraa yoo of qusanne gaariidha.

A) Rakkoowwan Xoophiyaa: Erga bara 2018 as abdiin ture Xoophiyaan gama hundaan gara bulchiinsa federaalawa dimokiraatawaatti ceeti kan jedhu ture. Kunis qaamni bulchiinsa olaantummaa Wayyaanee keessaa akka qaama jijjiiramaa fi tarkaanfataatti of mul’isee (progressive and change agents) Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Xoophiyaa abdachiisee ture fudhatama kallattii fi al-kallattii waan argateef irra-jireessi lammiilee Xoophiyaa dhaan akka abdatamanii fi amanaman ta’e. Isaa booda tarkaanfiiwwan bu’aa dhiibbaa qabsoo Sabootaa, Sablammootaa fi Uummattoota Xoophiyaan ta’e sana fudhachuu jalqabanii turan. Fakkeenyaaf, hidhamtoota siyaasaa hiikuun waan jaalalaa fi fedha qaama jijjiiraman ta’e akka hin taane hubachuun murteessaadha. Haata’u malee akka Mootummaatti jijjiiramoota bu’uuraa (fundamental changes/reforms) fudhachuu hin dandeenye. Inumaayyuu tarkaanfiiwwan lama akka duubatti deebi’aa jiraniitti hubatamaa jira. Kanaaf, yeroo ammaa kana Xoophiyaan rakkoowwan ulfaataa gama siyaasaan, gama dinagdeen, gama heeraa fi seeraan, gama hawaasummaan keessa akka jirtuu fi gaaga’ama ulfaataatti deemaa jiraachuu ishee hundi keenya waan irratti waliif gallu natti fakkaata. Mee sababoota rakkoowwan bu’uuraa fi gaaga’ama gara fuulduraa haa ilaallu.

(a) Heera Federaalaa fi Heera Naannolee Beekuu, Kabajuu fi Kabachiisuu Dadhabuu Mootummaa: harki caalaan hooggantoota Mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran (gandaa hanga federaalaa) jalqaba irratti beekumsa bu’uuraa heera federaalaa fi heera naannolee isaanii hin qaban. Rakkooon kun qabatamaatti jiraachuu bara 2013-2016 gidduuttan ofiikoo hubadhe. Yeroon dhaabbata idil-addunyaa Forum of Federations jedhamu keessaa hojjechaa ture, dhaabbanni sun Miseensota Mana Maree Federeeshiniif; Miseensota Mana Maree Bakka Buutota Uummataaf; Miseensota Caffee Naannoleef; hooggantoota sadarkaa giddu-galeessaa federaalaa, naannolee, godinootaa fi aanoleef leenjii hubannoo heera federaalaa fi naannolee kennaa ture; anis keessatti qooda fudhadheen ture. Kanaaf, harki caalaan hooggantoota mootummaa rakkoo beekumsa heera federaalaa fi heera naannolee qabu. Lammata immoo, heera federaalaa fi heera naannolee hin kabajan. Kunis aadaa siyaasaa Mootummoota Xoophiyaa wajjin wal-qabata. Akkasumas Mootummaan ADWUI heera beekuu, kabajuu fi kabachiisuuf fedha hin qabu ture. Dhuma irratti mootummaan namootaa fi qaamota heera cabsan kana irratti tarkaanfii fudhachuu hin barbaadu.

(b) Paartii ADWUI fi Mootummaa ADWUI keessa hariiroo master-Subject ta’etu jira. ABUT akka Master tti kan ture yommuu ta’u paartiiwwan kaan immoo akka Subjects tti turan. Caasaa fi hojmaata Mootummaa keessattis hariirooma kanatu hojiirra oole.

(c) Xoophiyaan kan barbaaddu jijjiirama sirnaati malee jijjiirama gare ykn jijjiirama namaa hin turre. Kufaatii Olaantummaa Wayyaanee booda qaamni Xoophiyaa nan ceesisa jedhe sirna jijjiiruu hin dandeenye; hin barbaannes. Sirni ijaaramee jiru sirna xaxaa Wayyaaneedhaan hundaa’e waan ta’eef sirna kana keessa taa’anii hojmaata jijjiiramaa fiduun ni ulfaata ykn immoo aanawoota TPLF ariiyuudhanis sirna sana qajeelchuun hin danda’amu ture.

(d) Dhaabbilee Tajaajila Hawaasummaa Siyaasa Irraa Bilisa ta’an qabaachuu dhabuu: sirna bulchiinsa federaalawaa dimokiraatawaa keessatti dhaabbileen tajaajila hawaasummaa lammiilee hundaf kennan dhiibbaa siyaasaa qaama aangoorra jiru jalatti kufuun sirrii miti. Fakkeenyaaf, dhaabbileen akka humna waraanaa, poolisii, bureaucracy, dhaabbileen barnootaa, NGOwwan, mana murtii fi haqaa fedha qaama aangoo irra jiru tajaajiluu hin qaban ture.

Sababoota armaan olitti ibsamanii fi kanneen biroo irraa kan ka’e yeroo ammaa kana Xoophiyaa keessatti rakkoolee armaan gadiitu mul’ata.

1ffaa: Duudhaalee fi ulaagaawwan sirna bulchiinsa federaalizimii yeroo kamiyyuu caalaa gaaffii guddaa keessa galeera. Mootummaan federaalaa mootummoota kaan irratti (Mootummaa Naannoo, aanaa fi gandaa) irratti olaantummaa isaa mirkaneeffateera. Akka sirna bulchiinsa federaalizimiitti, mootummoonni ofiin of bulchaa dhimma waloo irratti immoo waliin bulchu (self-rule and shared-rule) ture. Bulchiinsi gandaa mana maree qaba kanaaf ofiin of bulcha; bulchiinsi aanaa mana maree mataa isaa qaba kanaaf ofiin of bulcha; bulchiinsi naannoo mana maree (caffee) mataa isaa qaba kanaaf ofiin of bulcha; bulchiinsi federaalaa mana maree mataa isaa qaba kanaaf hojii ofii isaa ni qabaata (hojii waloo isa bulchiinsa waloo-shared rule jedhamu sana). Har’a garuu akkas miti. Bulchiinsi fedraalaa hanga bulchiinsa godinaatti kallattiidhaan ajajee kan bulchaa jiru ta’uu hubachuun ni danda’a.

2ffaa: Paartiin haaraa hundeeffame (PP’n) bu’uura sabummaa gadhiisee bu’uura nam-tokkee (nama dhuunfaa) ta’eera. Dur, OPDO/ODP’n maqaa Saba Oromoon walitti qabama, ajandaa Oromoo irratti dubbata (garuu OPDO’n ergamtuu Wayyaanee ta’uu isheetu rakkoo bu’uuraa ture malee). Amma PP namoonni hundeessan namoota dhuunfaadha (waan akka waldaa aksiyoona wayioi jechuudha).

3ffaa: Akka dhuunfaatti namoonni quuqamaa fi sabboonummaa saba isaanii qaban PP keessaa dhiibamaa fi ariiyamaa jiru.

4ffaa: Bulchiinsi siiviilii bulchiinsa waraanaa dhaan bakka bu’aa jira.

5ffaa: Mirgi namoomaa, dimokiraasii fi siyaasaa lammiilee akka malee sarbamaa jira. Akka fakkeenyaatti, har’a Oromiyaa keessa aanota hundumaa keessatti hidhamtoonni siyaasaa giddu-galeessaan 1000-3000 ta’antu jiru.

6ffaa: Jaarmiyaaleen Morkattootaa maseesaa jiru: hooggantoonni, miseensonni, deeggartoonnii fi hojjettoonni isaanii hidhamaa jiru.

7ffaa: Filannoo wajjin walqabatee haalli jiru akkaataa heeraa fi seera giddu-galeessa taasifateen deemaa hin jiru. Tarii MM Dr Abiyyi Fulbaanaa dhufuu booda Paul Kagame Xoophiyaa jedhamuu malu ta’a.

Walumaagala, haala amma jiruun Mootummaan PP mootummaa Jijjiiramaa otoo hin taane Mootummaa Dargii 2ffaa fakkaataa jira!

(B) Rakkoowwan Oromoo fi Oromiyaa: Xoophiyaan rakkoo keessa jirti taanaan Oromoo fi Oromiyaan immoo rakkoowwan hedduu keessa jiru jechuudha. Rakkoowwan armaan olitti kan Xoophiyaa jalatti ibsaman hundi akka Oromoo fi Oromiyaatti jiraachuu isaanii hubachuun murteessaadha. Oromoo fi Oromiyaan rakkooo ofii qabu; rakkoon Xoophiyaa immoo rakkoowwan kan biroo nuuf dhala jechuudha. Mee rakkoowwan akka Oromoo fi Oromiyaatti nu mudaataa jirru haa ilaallu:

1ffaa: Akka Oromoo fi Oomiyaatti Mootummaa foolii Oromoo fi Oromiyaa qabu hin qabnu.

2ffaa: Jaarmiyaalee Siyaasaa Warraaqsaa fi Bilisummaa Oromoof hojjetan hin qabnu. Jaarmiyaaleen nuti qabnu hunduu barruu/harka PP irratti kufanii jiru.

3ffaa: Babal’inni sirna nafxanyaa magaalotaa fi naannoowwan magaalaa keessatti akka malee hidda gadi fageeffachaa jira.

4ffaa: Yeroo kamuu caalaa Oromoon gargar caccabee; qoqqoodamee dabaree hiraarfamaa jira.

5ffaa: Dallaalonnii fi aktivistoonni faayidaa ajandaa keenya yeroo dhaa yerootti kallattii jijjiiraa jiru

Walumaagala haala amma jiruun impaayerri diigamuu malti. Oromoon yoo jalqaabtee fi tokko ta’e immoo biyya Oromiyaa durii deebifatee Mootummaa Oromoo ni qabaata abdii jedhun qaba. Akkas hin ta’u taanaan Xoophiyaa keessatti wal-waraansa akaakuu adda addaatu dhufuu mala jedheen yaada! Akka kun hin taaneef kallattiiwan furmaataa bifa salphaa fi gabaabaa ta’een kaa’uun yaala.

(C) Kallattiiwan Furmaataa

(1) Oromoo fi Oromiyaa: Yeroo kamuu caalaa Oromiyaa fi Oromummaa lafee fi dhiiga qabsaa’ota haqaa fi bilsummaan argame kana tikfachuudha. Kana gochuufis, Tokkummaa Oromoo fi Oromummaa cimsuu; ajandaa Oromoo gara galma bilisummaa fi dimokiraasiitti deebisuu; humnoota bilisummaa fi dimokiraasii qabaachuuf dhimmamuu fi qabsaa’uu; daldaltootaa fi aktivistoota faayidaan oofamanitti adaba gochuu qaba. Gama biraan:

  • Heera Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromoo beekuu, kabajuu fi kabachiisuu
  • Daangaa ofii eeggachuu• Humnoota siyaasaa Oromoo gidduutti marii fi waliigaltee siyaasaa uumuu: mootummaa waloo hundeessuu
  • Aadaa, duudhaa fi seenaa Oromoo yeroo kamuu caalaa dagaagsuu
  • Dhiibbaa gama mootummaa federaalaan jiru ofirraa qolachuu danda’uu
  • Bulchiinsa Sirna Gadaa diriirsuu fi deebisanii ijaaruu
  • Dhaabbileen tajaajila hawaasummaa kennan dhiibbaa siyaasaa jalaa baasuu
  • Oromoo gidduutti gama kamiinuu diinummaan akka hin jiraanne gochuu
  • Magaalota Oromiyaa keessa jiran dirqama Oromeessuu fi to’annaa Oromoo jala galchuu
  • Babal’ina magaalaa fi saamicha lafaa to’achuu fi kkf.

2) Xoophiyaa: Mootummaan Federaalaa

  • Jalqaba Xoophiyaan impaayera akka taate ofii beekuu qaba. Darbeemmoo Mootummaan Federaalaa bulchiinsa walooti (shared-rule dha malee central government miti).
  • Yoo xiqqaate heerri federaalaa kan bara 1995 fi heerri naannolee akka kabajamu gochuu. Waggoota lamaan kana bara Wayyaanee caalaa heerrii fi seerri cabeera.
  • Ofii heeraa fi seera cabsanii qaamni biraanis heeraa fi seera cabsuu akka danda’u hubachuu
  • Qaamota adda addaaa gidduutti marii fi waliigaltee siyaasaa fiduu
  • Dhaabbilee tajaajila hawaasummaa akka federaalaatti jiran dhiibbaa fi to’anaan qaama aangoo irra jiru jalaa baasuu
  • Fulbaana 29, 2020 booda Mootummaa Yeroo hundeessuudhaan filannoo dimokiraatawaaf of qopheessuu
  • Gowwoomsaa siyaasaa dhiisuu fi furmaata humnaatti amanuu dhiisuu
  • Bifa ammaan itti deemnaan Xoophiyaan kan diigamtu ykn wal-waraansi waliinii akaakuu garaagaraa dhufuu danda’uusaa hubachuu

Walumaagala qaamni hunduu; lammiileen hunduu of-eeggannoo guddaadhaan socho’uu fi tarkaanfii fudhachuu qaba jedheen dhaamsa dabarsa!

Share this on: