Qabsoon Bilisummaa Oromoo Gufataa Moo Ititaa Jiraa?

Bayyaannachuu QBO fi Daran Itituu Isaa

Egaa QBO ni gufate moo ni ititeen gaaffii hunda keenyaa yommuu ta’u akka kootti ilaalchaa fi ejjennoo qabsoon bilisummaa Oromoo ni itite kan jedhun qaba. Gama adda addaan akka Qabsoon Bilisummaa Oromoo burjaaja’eetti ykn gatateetti dubbatamaa turus yeroo kamiyyuu caalaa ititaa, qindaawaa fi jabaataa kan jiru akka ta’e sababoota armaan gadiidhaan ibsuun yaala.

  1. Amma Oromoo dabalatee Saboonni, Sablammoonnii fi Uummattoonni Xoophiyaa biroon yoo xiqqaate akka hin bilisoomne hubatameera. Waggaa tokko dura namoonni shira siyaasaa oofaa turanii fi dantaan dhuunfaa (murnaa) isaanii guuttatan hundi “Oromoon amma gama siyaasaan bilisomeera; gara qabsoo diinagdeetti deebi’uu qaba” jechaa turan. Itti dabalatees, akka mootummaan MM Dr Abiyyi Mootummaa Ceehumsaa ta’eetti fudhatanii dirqama kan nu ceesisus mootummaa Dr Abiyyidha jechaa turan. Qabata kanaatti nama baayyeetu burjaaja’e; toora QBO irraa kanneen gowwoomfamanii fi itti fakkaatee maqanis hedduu ture. Amma garuu, irri jireessa Oromoo haala qabatamaa ammaa fi gara itti fuuldurri keenya deemu ilaalee waan gaabbe fakkaata! Kanaafis, falmachuun filannoo dhumaa akka ta’ee fi tooftaan falmachuu (means of struggle) isa kam akka ta’uu qabu irratti ofittii fi walii isaatti dudubbachaa kan jiru ta’uutu mul’ata.
  1. Mootummaa Prosperity Party fi waahillan isaa keessatti ‘Walganuu sadarkaa dhuunfaa irraa kaasee hanga murnaatu jira’: namoonni waggoota shanan darban qabsoo fi siyaasa Oromoo keessatti dhageettii fi gahee guddaa qaban walii-walii isaanii ganaa jiru. Eenyu eenyuun akka ganee fi maaliif akka ta’e wallaallus wanti irra keessaan mul’atu garuu akka wal-gananii jiranidha. “Hattuun gaafa hattu walii-galti; gaafa waan hatan sana hiratan garuu wal-lolti” akkuma jedhamu akka hin taanen sodaadha. Kana jechuun namootaa fi qaamota wal-ganan kana keessaa qaamni ajandaa QBO of harkaa qabu akka hin jirree fi hunduu akeeka impaayera Xoophiyaa galmaan ga’uuf akkamtaa irratti (means) wal-lolu malee garaagarummaa bu’uuraa akka hin qabnetu natti mul’ata. Haata’u malee, walganuun isaanii waan QBO’f buusu qaba.  
  1. Humni QBO kan Sabboonummaa Oromoo, Tokkummaa Oromoo, Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromootti amanu dhabamsiifamuu irraa hafee daran jabaataa fi abdii ta’aa jiraachuu isaati. Qaamonni kanaan dura irratti ololaa turanii fi shira siyaasaa irratti dalagaa turanis waan gaabbanii gama adda addaan dhiifama gaafatan fakaatu! Kunis bu’aa kallattii qabaachuu dhiisus bu’aa al-kallattii ni qabaata. Irra jireessa Oromoo garaa hire ykn of-qusate sana dammaqsuudhaan namuu gama danda’een gumaacha isarraa eegamu akka taasisuuf haala mijataa ni uuma!
  1. Qabsoon karaa nagaa olaantummaa qaama qawwee, maallaqa, miidiyaa, fi aangoo qabu seerawaa taasisuuf yaadamaa ture hundi karaatti hafuu isaati. Kunis sababa mootummaan fedhaa fi qophii filannoo bara 2020 gaggeessuu hin qabneef; sababa weerara COVID-19 ttii fi sababa walii-galtee dhoksaa murnoota/namoota daldala siyaasaa mootummaa wajjin taasisaniifidha. As keessaa kan nama hundaa amansiisu dhimma COVID-19 tahus sababoonni lamaan as keessatti ibsaman garuu hangas haguuggii fi beekamtii hin arganne ture. Gama tokkoon hanga waggaa 10tti gareen hooggansa jijjiiramaa Xoophiyaa fi Oromiyaa akka bulchuu qabu irratti waliif-galamee ture; gama adda addaan beeksifameeras! Gama biraan immoo Mootummaan fedha filannoo gaggeessuu fi qophii isaas akka hin qabne namoonnii fi qaamonni keessa beekan hangam akka haqa ta’e ni beeku. Kanaafuu, qabsoon karaa nagaa (karaa filannoo) ammaaf abdii hin qabu. Kana jechuun immoo Mootummaa Prosperity Party hanga filannoon gaggeeffamuutti akka barbaadetti ni bulcha; tarkaanfiis ni fudhata jechuudha. Kunimmoo miseensonni, deeggartootnii fi hooggantootni qabsoo karaa nagaa akka tooftaa qabsoo biraa fudhataan/hordofan ni taasisa. Fakeenyaaf: fincila Uummataa fi hiriira nagaa qindeessuudhaan akka Uummanni Mootummaa Prosperity Party irratti ka’u taasisuudha.
  1. Qaamotaa fi namoota qabsoo karaa nagaatti amananii hojjetanii fi jireenya ifaa ta’e jiraatan hidhuu, ajjeesuu fi sobaan yakkamaa taasisuun immoo daran qaabxii 4ffaa armaan olii irra jireessa Oromoof mirkaneesse. Kana jechuun Oromoon harka maratee sirna ammaa kana amanee akka jireenya dhuunfaa isaa jiraachuutti QBO hin daganne/hin dhiifneef kaka’umsa ni uuma.
  1. Saamichi lafaa daran itti fufuu; bulchiinsa magaalaa Finfinnee daran babal’isuudhaan gara naannoo of dandeesseetti guddisuuf tattaafataa jiraachuun; magaalota keessatti bifa adda ta’een ijaarsii fi qabsoon Oromoo laafaa dhufuun hangam akka haalli amma keessa jirru kun ulfaataa ta’e agarsiisa. Kunis Oromoon qabsoo hadhaawaaf akka of qopheessuu fi QBO waggoota dheeraa lakkoofsisetti xumura akka godhuuf Oromoo hunda ni kakaasa jechuudha.
  1. Hundeeffamnii fi caaseffamni Prosperity Party bu’uurumaan kan heera federaalaa fi heera naannolee diigee fi akkaataa itti sirna giddu-galeessaa (unitarism) deebisanii cimsuun danda’amu irratti kan xiyyeeffate akka ta’e deemsa siyaasaa fi dambiiwwaan paartichaa dubbisanii hubachuun ni danda’ama. Kana jechuun siyaasni fakkeessaa fi gowwoomsaa hafee ifaan ifatti akka bara Dargiitti deebi’aa jiraachuu keenya agarsiisa. Kunis daran QBO ni cimsa jechuudha!

Guduunfaa

Walumaagala, bulchiinsi sirna giddu-galeessummaa abbaa irree ta’e (dictatorial unitary system) Qabsoo Bilisummaadhaaf waan akka boba’aa abiddatti dabaluuti. Kana jechuun cunqursaanii fi  dhiibbaan Oromoo fi Oromiyaa irratti daran itti fufuun akkasumasi burjaajiin qabsoon karaa nagaa qulqullaa’aa dhufuun isaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo akka ititu ni taasia; ititaas jira jechuudha. Amma, yeroo kamuu caalaa diinnii fi firri Oromoo adda bahee beekameera! Diina innakkaa (strategic enemy) fi diina tooftaa (tactical enemy) keenya waan adda baafnee hubanne natti fakkaata! Namoonni ykn murni fedha yeroo gabaabaafis tahu oofamee, gowwoomfamee ykn maal naan jedhuudhaan diina yeroo QBO ta’anis gara toora QBOtti deebi’aa jiraachuu isaanii argaa jirra!

Hubachiisa: Yaadnii fi ejjennoon barreessaa barreeffama kanaa Qabsoo Karaa Nagaa yommuu ta’u xiinxalli barreeffama kana keessatti gaggeeffame immoo yaadota adda addaa giddu-galeessa taasifachuudhaan haqa lafarra jiru ibsuuf kan yaalame ta’uu isin beeksifna!  

Horaa Bulaa! Deebanaa! Fayyaa Tahaa!   

Share this on:

11 thoughts on “Qabsoon Bilisummaa Oromoo Gufataa Moo Ititaa Jiraa?”

  1. yaada gaariidha rakkoo isaa ergaa barree booda furmaata isa itti barbaduun ni salphaata jedheen yaada jabadhuu itti fufi

  2. firomsa abdala

    jijiramatu miliqe male qabson hin miliqne dear tofta jijirati male hin miliqxu hamma nuti jiruti wadaa abotin keenya nutti hin nyaanuu .

  3. Margaa Tolchaa

    Galatoomi F. Monanus, ‘Qabsoon Bilisumma Oromoo Ititaa jira’ jechuu keef. Anis ittan walii gala. Garuu shakkiin an qabu, Qabsoon Oromoo Ititaa jiru kun mootumma ‘Kush Jabaa walakkeessa kanatti ijaaruf yaadame irratti dhibba Akkamii qabaachu dandaha’ kan jedhu. Amma kan bulchuu Oromodha jennee yoo Kaane, kan bulchuus Oromoo kan mormuus Oromoo ; Siyaassi Oromoo kun jabaacha jiraachu isaa akka inni itite namatti argiisiisa jedheen Yaada.

  4. Fayyaa ta’i Moone, xiinxala sirrii dha. Itti fufi yaada bilchaataa akkanaa uummata keenyaan gahin jedha.

    1. haalli akka kana namoota baayyee shakkii keessaa baasuf waan idileeffamuu qabuudha.

Comments are closed.