Aggaammii QBO Gufachiisuu
Gara ijoo dubbii barreeffama kanaatti gaafan deebi’u gaaffii QBO gufataa jiramoo daran ititaa jira jedhuuf deebiin ititaa jira kan jedhudha. Sababni isaas jala-bultii kufaatii Mootummaa Wayyaanee jalaa fi hanga yeroo dhiyoo kanaatti wanti baayyeen burjaaja’aa fi bulbulamaa ture. Bara 2016-2020tti burjaajii guddaatu QBOtti dhufe. Siyaasa qabatamaa haala qabatamaa Sabaa fi biyyaa giddu-galeessa taasifatu keessaa baanee siyaasa miiraa akeeka fedhaa fi dantaa murnaa (dhuunfaa) galmaan ga’uuf gurra keenya ergisaa; laphee keenya immoo shakkiidhaan guutaa turre. Dhugaa dubbachuuf gaafa “Oromoon Bilisoomeera” jedhamaa turre sana irra jireessi keenya bu’aa bilisummaa dhandhamuudhaaf qophii taasisaa turre. Oromiyaan kan Oromoo taati; Oromoo ta’uunii fi ilaalcha siyaasaa adda ta’e qabaachuun yakka ta’uu hin danda’u; feeti dhuunfaa fi ilaalchi siyaasaa keenyaa garaagara ta’e tokkummaa Oromummaa keenyaa hin diigu; hidhamuun, ajjeefamuun, ariiyatamuun, qe’ee ofiirraa buqqa’uun, qabeenyaan saamamuun, fi gama kamiinuu Oromoon salphachuun ni hafa jennee akka ulaagaa dhumaatti (bottom line) kaa’annee ture. Kan nama ajaa’ibu garuu MM Dr Abiyyi akkuma gara aangootti dhufeen olollii fi hojiin qabatamaatti daran garbummaa fi dararama Oromoo agarsiisu fudhatamuu jalqaban. Mee wantoota ijoo ta’anan kaasuu yaala.
- Gama miidiyaalee hawaasaan (Facebook fi TV adda addaan) olola qaama tokko dhaadessuu fi qaama biraa xiqqeessuutu jalqabame. TeamLammaa akka qabsaa’ota dhugaa fi hooggantoota qabsootti leellisaa qaamota kaan kanneen akka KFO fi namoota dhuunfaa as objects of the struggle (bu’aa qabsoo Teamlammaatti) agarsiisuu yaalan. Qeerroo fi Qarree ilaalcha Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromoo hin sharafamne qabaniin immoo warra aangoo barbaadu jechuudhaan olola maqaa balleessii irratti banan. Hidhamtoota siyaasaa qabsoon Uummataa dirqamsiisee hiiksiseen akka waan ofii isaanii jaalalaa fi fedhaan hiikaniitti odeeffatan.
- Miseensota WBO gameessotaa fi buleeyyii kanneen sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessatti gumaacha adda duree qabanii fi mormii bara 2014-2017tti taasifamaa ture keessatti qooda qindeessuu, karoora baasuu fi tarkaanfii fudhachuu keessatti gahee olaanaa taphataniin “Warra Barii Bilisummaa Jala Bosona Gale” jedhanii olola irratti banan. Gama biraan immoo “Kashalabbeewwan yakka adda addaa hojjetanii seera jalaa baqatan; kanneen saamuudhaan jireenya dhuunfaa isaanii gaggeeffachuu barbaadanii fi warra bilisummaatti jiraachuu hin dandeenyedha” jechuudhaan gama idilee fi al-idilee ta’een maqa-balleessii irratti oofaa turan.
- Miseensota Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO jalatti hojjetaa turanii fi Liigii Dargaggoota KFO hojii fincila diddaa garbummaa fi mormii uummataa qindeessuu fi keessatti qooda fudhataa turan gadi-xiqqeessuudhaan akka kajeeltota aangoo OPDO/ODP/ADWUI tti ilaaluu fi haal-diineffachuu guddaatu ture. Hojii kana keessatti kanneen qooda fudhatan namoota dhuunfaa maqaa Qeerroo fi Qarreedhaan daldalanii karaa qaxxaamuraa aangootti dhufan; warra dheebuu qabeenya saamichaan horachuu fi jireenya qananii jiraachuu bardaadan ture.
- Gama miidiyaalee adda addaadhaan erga Garee Qabsoo Hidhannoo irratti olola bananii fi deemsisaa turanii booda hojiiwwan gurguddoo armaan gadiitu fudhatame:
(a) Namoota nagaa fi jaallatamoo ta’an irratti tarkaanfii fudhachuudhaan akka qaamni hidhatee jiru yakka ajjeechaa raaawwateetti miidiyaaf ibsuu
(b) Saamicha adda addaa qindeessuudhaan akka waan qaamni hidhatee jiru saamicha raawwateetti gabaasuu
(c) Walitti bu’iinsa sabummaa fi amantaa giddu-galeessa godhate kakaasuudhaan kanaafis qaama hidhatee jirutti kabuu
(d) Dhuma irratti qaamni hidhatee jiru kun akka hidhannoo hiikkatee mootummaatti harka kennatuuf dhiibbaa gama hundaan irratti uumuu ture. - Jaarmiyaa Siyaasaa ABO hanga danda’an balleessuu ykn immoo mandhee isaanii keessatti ijaaruu; KFO immoo akka barbaadanitti olii fi gadi oofuuf tattaaffii guddaa gochaa turan!
- Namoota dhuunfaa ejjennoo akeeka QBO irraa hin mixiqne qabaataa turan bifa adda addaan irratti hojjetaa turan. Tooftaa ulee fi kaarotii (stick and carrot) jedhutti fayyadamuun kaan kaan qabbaneessuu, kaaniin immoo ofitti dabaluu; kan dide irratti haal-dureewwan yakkaa barbaaduudhaan hidhuu, ukkaamsuu fi ajjeesuu itti fufan!
[Fuula 4ffaan itti fufee jira]
Lakk. 4 gadii kana cuqaasuun, fuula itti aanutti darbaa dubbisaa
Ulfaadhu MONENUS
yaada gaariidha rakkoo isaa ergaa barree booda furmaata isa itti barbaduun ni salphaata jedheen yaada jabadhuu itti fufi
An Warra 4ffaan Deggera Dhuga.
Hayyee galaatti kee bilisummaa haa ta’u
hayyee nuf jabaadhu hayyuu keenya
jijiramatu miliqe male qabson hin miliqne dear tofta jijirati male hin miliqxu hamma nuti jiruti wadaa abotin keenya nutti hin nyaanuu .
Galatoomi F. Monanus, ‘Qabsoon Bilisumma Oromoo Ititaa jira’ jechuu keef. Anis ittan walii gala. Garuu shakkiin an qabu, Qabsoon Oromoo Ititaa jiru kun mootumma ‘Kush Jabaa walakkeessa kanatti ijaaruf yaadame irratti dhibba Akkamii qabaachu dandaha’ kan jedhu. Amma kan bulchuu Oromodha jennee yoo Kaane, kan bulchuus Oromoo kan mormuus Oromoo ; Siyaassi Oromoo kun jabaacha jiraachu isaa akka inni itite namatti argiisiisa jedheen Yaada.
Fayyaa ta’i Moone, xiinxala sirrii dha. Itti fufi yaada bilchaataa akkanaa uummata keenyaan gahin jedha.
Qalamni kee haa mirgisu, bilisummaan uummata oromoof!!!!
Ogummaa kerraatti ogummaa siif haa dabaalu.gentle man
haalli akka kana namoota baayyee shakkii keessaa baasuf waan idileeffamuu qabuudha.