Qabsoon Bilisummaa Oromoo Gufataa Moo Ititaa Jiraa?

Walfalmii Gareewwan Adda Addaa

Erga Mootummaa Wayyaanee injifannee as (injifatamuun Wayyaanee walfalmisiisaa ta’uu danda’a) ilaalchi, karaa fi tooftaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo sadarkaa maaliirra jira gaaffiin jedhu qalbii qabsaa’otaa fi irra jireessa Oromoo keessa ni jira. Deebiin gaaffii kanneenii qaamotaa fi namoota garaagaraa biratti garaagarummaa uumaa tureera, ammas ittuma fufeera. Mee gareewwan kana bakka afuritti qoodnee haa ilaallu.

Garee Bilisummaa: gareen/qaamni kun qabsoon bilisummaa Oromoo milkaa’ina guddaan goolabameera kan jedhu jira. Akka ragaatti kan dhiyeeffatan immoo:

  • Namni Oromoo ta’e teessuma Olaanaa sirna ADWUI irra taa’eera (Kiiloo 4 galuun danda’ameera). Innis MM Dr Abiyyi Ahimad, “Ilma Abbaa Gadaati” jedhu.
  • Sirni ADWUI olaantummaa TPLF irratti ijaarame diigamee sirna Oromoo giddu-galeessa taasifateen ijaarameera. Kunis gama riifoormiidhaan hojiitti hiikameera jedhu. Akka ijootti kan kaasan immoo ADWUI diiguudhaan Prosperity Party uumuudha jedhu.
  • Humnoonni karaa qawwee/hidhannoo qabsaa’an karaa nagaa qabsaa’uuf gara Finfinneetti deebi’aniiru. Kunis kan agarsiisu tooftaan qabsoo isaanii sirrii akka hin turree fi tooftaan qabsoo OPDO/ODP durumaanuu sirrii akka ture agarsiisa jedhu.
  • Oromoon ariiyatama siyaasaaf biyya hambaatti baqatee jiraataa ture gara biyyaatti deebi’eera; hooggansa keessattis gahee qabaataa jira jedhu.  
  • Hidhamtoonni siyaasaa mootummaa TPLF/ADWUI hiikamaniiru. Namoonni bilisummaa Oromoo fi Saboota biroof qabsaa’aa turan hundi hiikamaniiru fi
  • Seeronni mirgaa fi kabaja namoomaa sarban riifoormiidhaan jijjiiramaniiru kanneen jedhaman sababoota ijoo bilisoomuu Oromoo agarsiisanidha jechuudhaan Uummata Xoophiyaa fi hawaasa addunyaa amansiisuuf yaalii guddaa taasisaa jiru.

Garee Qabsoo Karaa Nagaa: Gareen kun immoo ilaalcha Qabsoon Bilisummaa Oromoo boqonnaa xumuraa irra ga’ee jira; kufaatii Wayyaanee booda qaamni hooggansa irra jiru dhimmoota qabsoo bilisummaa Oromootti xumura taasisan mijeessuudha; mirgi hiree ofiin murteeffachuu Oromoo filannoo haqa, bilisaa fi dimokiraatawa ta’een mirkanaa’a kan jedhanidha. Akka sababaatti kan dhiyeessuuf yaalan immoo:

  • Bara 2014 kaasee sochiin Oromoon taasisaa ture tasumaa duubatti deebi’uu hin danda’u
  • Tokkummaa fi Sabboonummaan Oromoo sadarkaa gaarii irra jira
  • Mootummaa Wayyaanee qaamni karaa nagaa injifate sirna Xoophiyaa fedhaa fi dantaa Oromoo miidhuu danda’u kamuu gama filannoodhaan ofirraa deebisuu danda’a
  • Hooggantoonni kufaatii Mootummaa Wayyaanee booda jiran hooggantoota qaama qabsoo Qeerroo fi Qarreeti jedhanii fudhatu waan ta’eef jijjiiramni kun tasumaa fedhaa fi dantaa Oromoo tajaajiluu irraa duubatti hin deebi’u fi
  • Yoo qaamni amma hooggansa irra jiru kun kan fedhaa fi dantaa Oromoo ganu ta’emmoo yeroo muraasa keessatti aangoo irraa ariinee qaama barbaannu aangessuu dandeenya kanneen jedhanidha.

Garee Qabsoo Hidhannoo: Qaamni kun dhimma Qabsoo Bilisuummaa Oromoo irratti yaada, ilaalchaa fi tooftaa ABOn ganamaa qabu galmaan ga’uuf bifa adda ta’e qabatee itti fufaa jiru ta’ee qaama haala walxaxaa fi shira siyaasaa sirnoota darbaa dhufaa Xoophiyaadhaan ijaaramaa dhufan kana gonkumaa karaa qabsoo nagaa injifachuun hin danda’amu jedhudha. Gareen kun garee kamiyyuu caalaa diina baayyee kan qabuu fi haala ulfaataa keessatti kufuudhaaf kan ture ture. Bara 2019 keessa mootummaan Xoophiyaa bulchaa jiruu fi qaamoleen bilisummaan Oromoo galmaan gaheera jedhanii amanan qaama hidhatee QBO ganamaa sana itti fufsiisuudhaan Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf ofitti murteessee qabsaa’u irratti pirpogaandaa, ololaa fi tarkaanfii barbaachisu hunda fudhataa turan; a,,as ittuma jiru. Kanneen keessaa isaan ijoo ta’an isin yaadachiisuuf:

(a) Faashiniin qawweedhaan loluu hafeera

(b) kanaa booda Bilisummaa Oromoo tiksu malee alaabaa jala dhokatanii Oromiyaa dirree jeequmsaa gochuu hin qaban

(c) qaamni kun bara 2018 booda kan bosonatti galedha (warra barii Bilisummaa bosona galan)

(d) qaamni kun hattuu fi shiftaa dha

 (e) qaamni kun guyyaa sadii gidduutti hiikkatee qabsoo karaa nagaatti dabalamuu qabaa fi akkas hin ta’u taanaan Raayyaan Ittisa Biyyaa tarkaanfii fudhatee torban lama gidduutti dhabamsiisa kanneen jedhan turan.

Cimina Uummataa fi cichoomina isaaniitiin gareen qabsoo hidhannootti amanu kun baduu fi manca’uu irraa hafee daran jabaataa, lafa qabataa fi abdii Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa sadarkaa taherra ga’eera namoonni jedhan heddummataa dhufaniiru. Haata’u malee haala walxaxaa siyaasa Xoophiyaa fi daldalaan guutamuu Siyaasa Oromoo kana keessa tooftaa kamiin keessa darbee akeeka QBO galmaan ga’a laata kan jedhu gaaffii diinnis, firris gaafatudha.  

Garee Himbaabsawaa (Silent Majority): Gareen kun ifatti bahee ilaalchaa fi ejjennoo ofii kan hin ibsine garuu gaafa haalli murteessaan dhufu dambalii injifannoo gara ofiitti kuffiisuu kan danda’u dha. Taphattoota Siyaasa Oromoo fi haala waliigala Siyaasa Xoophiyaa kanneen itti siqeenyaan hordofanii fi beekan (dadhabinaa fi cimina isaanii); siyaasa qabatamaa haala qabatamaa irratti hundaa’e warra barbaadanii (eempirical/working politics) fi kabaja mirgoota namoomaa, siyaasaa, fi dimokiraasii namaa fi garee hundaaf ilaalcha jedhutti guutummaa guutuutti warra amanan (unconditional respect of human, political, social, economic, and democrtaic rights) jechuudha. Gareen Silent Majority kun gareewwan armaan olii irraa of qusannaa (reservation) tokko tokko qaba. Fakkeenyaaf Garee Bilisummaaf gaaffii ijoo QBO milkaa’inaan goolabameera taanaan haalli amma Oromoo fi Oromiyaan keessa jiran bu’aa Bilisummaa ti iechuudhaa? Bilisummaa jechuun haala amma keessa jirru kana taanaan garbummaan Oromoo isa kam ta’uu danda’aree? kan jedhu ni gaafatu. Dhuma irrattis, Oromoon amma bilisoomeera taanaan bara bulchiinsa Wayyaanees bilisummaa jala turemoo bilisummaan bara Wayyaanee fi bilisummaan bara Prosperity Party garaagarummaa qabuu? gaaffii jedhu kaasu.

 Garee Qaabsoo Karaa Nagaaf immoo gaaffii QBO akkamitti gama filannoodhaan xumuramuu danda’aa kan jedhu irratti ibsa bal’aa fi amansiisaa kan barbaadu yommuu ta’u ilaalcha Uummata bilisa ta’etu filannoo bilisa ta’e gaggeeffachuu danda’a jedhu qabatanii falmii yaadaa dhiyeessu. Sirnaa fi mootummaa garboomfataa jalaa bilisa ba’uuf akkamitti filannoo mootummaa fi sirna garboomfataadhaan hoogganamu keessatti QBOtti xumura taasisuun danda’amaan yaada ijoo gareen Silent Majority kun dhiyeessudha. Dhuma irratti Garee Qabsoo Hidhannoodhaaf gaaffii akkas jedhu dhiyeessu. QBO yoo kan gama hidhannoodhaan qofa galmaa’aan ga’u ta’e tooftaa fi dandeettii akkamiitiin qabsoo hidhannoo waggoota 40 oliif gaggeessaa turame irraa adda ta’een QBOtti xumura gochuun danda’amaa? kan jedhudha. Gama biraan qabsoon hidhannoo riphee lolaa giddu-galeessa taasifatu attamitti guutummaa Oromiyaa keessatti bifa qindaa’aa fi milkaa’aa ta’een gaggeeffamuu fi adeemsifamuu danda’aa kan jedhus gaaffiima walqabatee ka’u yommuu ta’u kana jechuun ripheen lolaa Uummata Baadiyaa fi bosona riphee loltummaaf mijatu barbaada yaada jedhus ni kaasu. Haalli qabatamaa Oromiyaa ammaa immoo yeroo itti babal’inni magaalaa dabalaa deemaa jirutti; bosonni manca’aa deemaa jira fi wal-qunnamtiin magaalaa fi baadiyaa daran cimaa jira. Kana keessatti qabsoon gama hidhannoo danqaawwan hedduu ni qabaata sodaa jedhu qabuyaada jedhu. Itti dabalees ijaarsa riphee loltummaa magaalaa fi keessoo mootummaa irratti hojiin hojjetamaa jira moo hin jiruun gaaffii QBO tooftaa riphee loltummaa ammayyaa kan magaalaa giddu-galeessa godhatu ni qabaa jedhu dabalataan ni kaasu. Bifa biraan ibsuuf QBO riphee lolaa magaalaa ni qaba moo hin qabu kan jedhu ni gaafatu jechuudha. Akkas hin ta’u taanaan qabsoon gama hidhannoodhaan gaggeeffamu ammas umurii dheeraa lakkoofsisuu kan danda’uu fi hangasitti immoo Oromiyaan qoqqoodamaa; Oromoon caccabaa QBO immoo seenaa ta’aa deema sodaa jedhu qabu.

[Fuula 3ffaan itti fufee jira]
Lakk. 3 gadii kana cuqaasuun, fuula itti aanutti darbaa dubbisaa

Share this on:

11 thoughts on “Qabsoon Bilisummaa Oromoo Gufataa Moo Ititaa Jiraa?”

  1. yaada gaariidha rakkoo isaa ergaa barree booda furmaata isa itti barbaduun ni salphaata jedheen yaada jabadhuu itti fufi

  2. firomsa abdala

    jijiramatu miliqe male qabson hin miliqne dear tofta jijirati male hin miliqxu hamma nuti jiruti wadaa abotin keenya nutti hin nyaanuu .

  3. Margaa Tolchaa

    Galatoomi F. Monanus, ‘Qabsoon Bilisumma Oromoo Ititaa jira’ jechuu keef. Anis ittan walii gala. Garuu shakkiin an qabu, Qabsoon Oromoo Ititaa jiru kun mootumma ‘Kush Jabaa walakkeessa kanatti ijaaruf yaadame irratti dhibba Akkamii qabaachu dandaha’ kan jedhu. Amma kan bulchuu Oromodha jennee yoo Kaane, kan bulchuus Oromoo kan mormuus Oromoo ; Siyaassi Oromoo kun jabaacha jiraachu isaa akka inni itite namatti argiisiisa jedheen Yaada.

  4. Fayyaa ta’i Moone, xiinxala sirrii dha. Itti fufi yaada bilchaataa akkanaa uummata keenyaan gahin jedha.

    1. haalli akka kana namoota baayyee shakkii keessaa baasuf waan idileeffamuu qabuudha.

Comments are closed.