Seensa
Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO) akeeka, galmaa fi akkaataa mataasaa danda’e kan qabuu fi Sabni Oromoos yeroodhaa yerootti hubataa, adda baafataa fi galmaan ga’uuf qabsoo taasisaa kan turee fi ammas kaan itti jirudha. Kufaatii Mootummaa Wayaanee booda haalli QBO nama baayyeetti gaaffii ta’aa jiraachuun isaa ni beekama. Kanarraa kan ka’es gariin ni gufate gariin immoo daran ititaa jira jechaa turan. QBO gufataa jira jechuun qaamnii fi namni akkasumas Oromoon akka Sabaatti akeeka QBO wallaalee ykn ganee gara impaayera Xoophiyaa ijaaruu fi itti fufsiisuuttii deebi’eera jechuudha. Gama biraan QBO ititaa jira jechuun immoo qaamnii fi namni akkasumas Sabni Oromoo akeeka QBO beekee dhiibbaa kamuu dandamatee akkasumas aarsaa barbaadamu kaffalee gama danda’uun falmataa jira; falmachuufis qophiidha jechuudha. Giddu-galli QBO akka Sabaatti Oromoof Bilisummaa; biyyi Oromoo Oromiyaan immoo Walaba akka taatudha. Kunis falmii fi qabsoo obsa fixachiisaa gama hundaan impaayera Xoophiyaa fi humnoota impaayeraa wajjin taasisuu gaafata.
Madda Burjaajii QBO
Burjaajiin QBO akkuma Obbo Lammaa Magarsaa gara aangootti dhufeen jalqabe. Bara sana baayyeen namaa qalbeeffatuu baatus muraasni garuu akka tooftaa QBO butuuf taasifameetti kanneen ija shakkiin ilaalaa turan jiru. Haasaa inni haasa’aa turee fi tarkaanfiiwwan tokko tokko Obbo Lammaan fudhatan waan QBOburjaajii keessa buuse sadii qaqqabsiiseera.
1ffaa: Qabsoo nagaa biyya keessaa kan karaa KFO gageeffamaa ture OPDO’n liqimsuu yaaltee ture. Hanga KFO akka jaarmiyaatti hidhuunii fi hiikuun danda’amuutti dhaadachaa turan jechuudha. Gaafa hooggantoota KFO hunda hidhanis ta’e hiikan kanaa booda KFO’n waan qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf humnas ta’e haamilee hin qabne gochuuf kufanii ka’uu yaalaniiru.
2ffaa: Qabsoo ABOn gama hundaan (holistic struggle) waggoota dheeraadhaaf taasisaa ture immoo harkaa butuu yaalte. Hanga hooggantoonnii fi miseensonni ABO sooroma siyaasaa ba’anii guutummaa guutuutti bulchiinsa OPDO/ODP jala galaniitti aggaamamaa ture. Hunda caalaa hooggantoota ABO biyyatti galchuunii fi miseensota ABO hidhaman hiikuun akka QBO ABOdhaan gaggeeffamu xumura argateetti fakkeessanii gama hundaan lallabaa turan!
3ffaa: Qabsoon gama hidhannoo WBOdhaan taasifamu tasumaa akka hin barbaachifne; gama karaa nagaa fi siyaasa miidiyaa qofaan Oromoon qaama kamiyyuu injifachuu akka danda’utti ilaalcha dogoggoraa qalbii irra jiireessa Oromoo keessa buusuun yaalame. Qawweedhaan loluun ykn qabsaa’uun akka waan faashiniin irra darbeetti; humna qawweedhaan bulchuun immoo akka faashinii baraatti akka dhaloonni haaraan hubatu gochuu keessatti gaheen qaamotaa fi namoota baayyee guddaa ture. Burjaajii kanarraa kan ka’e namuu karaa karaa fi bifa gurmaa’eenis yaada, ilaalchaa fi ejjennoo isaa calaqqisiisaa ture, jiras. Mee wal-falmiiwwan jiran kanneen cuunfinee kutaa itti aanu kana keessatti haa ilaallu!
Hubachiisa: Barruun kun Fuula 4 qaba!
[Fuula 2ffaan itti fufee jira]
Lakk. 2 gadii kana cuqaasuun, fuula itti aanutti darbaa dubbisaa
Ulfaadhu MONENUS
yaada gaariidha rakkoo isaa ergaa barree booda furmaata isa itti barbaduun ni salphaata jedheen yaada jabadhuu itti fufi
An Warra 4ffaan Deggera Dhuga.
Hayyee galaatti kee bilisummaa haa ta’u
hayyee nuf jabaadhu hayyuu keenya
jijiramatu miliqe male qabson hin miliqne dear tofta jijirati male hin miliqxu hamma nuti jiruti wadaa abotin keenya nutti hin nyaanuu .
Galatoomi F. Monanus, ‘Qabsoon Bilisumma Oromoo Ititaa jira’ jechuu keef. Anis ittan walii gala. Garuu shakkiin an qabu, Qabsoon Oromoo Ititaa jiru kun mootumma ‘Kush Jabaa walakkeessa kanatti ijaaruf yaadame irratti dhibba Akkamii qabaachu dandaha’ kan jedhu. Amma kan bulchuu Oromodha jennee yoo Kaane, kan bulchuus Oromoo kan mormuus Oromoo ; Siyaassi Oromoo kun jabaacha jiraachu isaa akka inni itite namatti argiisiisa jedheen Yaada.
Fayyaa ta’i Moone, xiinxala sirrii dha. Itti fufi yaada bilchaataa akkanaa uummata keenyaan gahin jedha.
Qalamni kee haa mirgisu, bilisummaan uummata oromoof!!!!
Ogummaa kerraatti ogummaa siif haa dabaalu.gentle man
haalli akka kana namoota baayyee shakkii keessaa baasuf waan idileeffamuu qabuudha.