Mootummaa Ce’umsaa Hundeessuu fi Fedhiiwwan Fallaa

D. Fulbaana 29, 2020 booda Oromoon Maaliif Mootummaa Yeroo/Ceehumsaa Barbaadee?

1ffaa: Oromoo fi Oromiyaan yeroo kamiyyuu caalaa diigamaa, dadhabaa jiraachuu reefu hubatee arge waan ta’eef. Nafxanyaan waggaa lama kana keessatti nama keenya, lafaa fi hiree keenya borobbortee fixaa jirti. Kan Wayyaaneen nu hin goone Nafxanyaan waggaa lama kana keessatti waan baayyee nu goote. Abbay Tsaayeen Likkii nu galchuu dadhabe; Daani’eel Kibirat likkii nu galcheem. Koronaa dura Daani’eeltu likkii nu galche.

2ffaa: Wanti Oromoon Mootummaa Dr Abiyyii/Lammaa irraa eegee (expectation) fi wanti irraa argate (satisfaction) akka samii fi dachee walirraa waan fagaataniif. Kan caalu eeggachuun calaliitti nama baasa jetti akkayyaankoo!

3ffaa: Sirna Heerawaa FDRE kan bara 1995 balaa irraa oolchuuf. Oromoon eegduu heera bara 1995 fi impaayera Xoophiyaa tahuu waan barbaadeefi (Maaliif akka Waardiyaa ta’uu jaallanne garuu naaf hin galle).

4ffaa: Filannoo dhufu irrattii fi Mootummaa Ceehumsaa ijaaramu kana keessatti nan injifadha jedhee waan yaaduuf (kunis garraamii/gowwaa ta’uudha). Yoo Mootummaan Ceehumsaa kun hundaa’e, Oromoon ammas hin injifatu, sagalee xiqqoo argatee mana bareedaa sana keessa taa’ee iyyuu fi boo’uudha. Caasaama kanaan duraatu Mootummaa Ceehumsaa kana dhuunfata; daldaltootnis sagalee wayyabaa argatu. Na taajjabaa! Waa’een filannoo dursee nyaatame, PP’n injifateera! Kana amananii fudhachuudhaan isa waggaa 5 booda jiruuf of qopheessuudha warri filannootti amanan.

5ffaa: Mammaaksa faranjii “Something is better than Nothing” isa jedhamu sana hojiirra oolchuuf! Namoonnii fi qaamonni sababa PPtti aangoo irraa ariiyaman; OPDO dullattiin faayidaan irraa hir’ate; ODP’n gama miidiyaadhaan gootummaasaa mirkaneeffate hundi sababa Mootummaa Ceehumsaa/Yeroo jedhamu kanaan ji’a 6-hanga waggaa tokkootti aangoo ykn faayidaa argatu. Warra Oromoon hin fille garuu ofumaan of filantu akka Mootummaan Ceehumsaa hundaa’u barbaada (the opportunists).

E. Akka kootti, wanti Oromoof malu kan armaan gadiiti.

1ffaa: Hanga Fulbaana 29, 2020tti Mootummaan ADWUI/PP kun akka waan barbaade hojjetu eeyyamuufiidha. Fulbaana 29, 2020 booda, Mootummaanis, Paartiin Mootummaa ta’e hunduu furshii dha. Waan furshii ta’e wajjin taa’anii mariiyachuun mataan isaa qaama sanaaf beekamtii kennuudha.

2ffaa: Hanga Fulbaana 29, 2020 tti Oromoon sagalee isaa gadi-qabatee (a) Oromiyaa bulfachuuf qophaa’uu (b) dhimma Xoophiyaa irratti immoo bakka buutota Uummattoota 81 olii wajjin taa’ee mariiyachuudha.

3ffaa: Oromoon obboloota keenya waggaa 30 guutuu nu bulchan kanaaf dhiifama/araara godhee akka isaan nagaadhaan Oromiyaa/Xoophiyaa keessa jiraataniif eeyyamee; aangoo isaanii fedhaan akka gadhiisaniif dhiibbaa Obbolummaa irratti taasisuudha. Obboloota koo dhugaadha isin ga’a; hangas wal nu haa ga’u meee! Na ga’a jechuu beekaa! Baga nu bulchitan; baga nu saamtanis. Maali isin mitiitii ormiyyuu nu bulcha mitii; nu saama mitii? Bar isin qaamuma keenyadhaam!

4ffaa: Humnoonni Oromoo namoota dhuunfaa fi garee Oromoo hin taane garuu Oromiyaa keessa jiraataniif wabii ta’uu akka danda’u gama hundumaan mirkaaneessuudha.

5ffaa: Humnoonnii fi hayyoonni Oromoo hundi fedha dhuunfaa fi murnaa dhiisanii ji’oota ja’an dhufan kana keessatti ofii isaanii gidduutti araaraa fi wal-hubannaa uumuu; Oromoo gidduuttis Tokkummaa Oromummaa deebisanii ijaaruu akka danda’anitti dammaqanii hojjechuu qabu. Abbaan karaa danda’uun qophii barbaachisaa haa taasisu! Ammoo waggoota 30 darban kana sirna bulchiinsa federaalizimii shaakalaa turre. Akka Jan Erk jedhuutti “Sirni Federaalizimii humnaa fi dandeettii Mootummoota Naannolee ni ijaara; ni jabeessa waan ta’eef naannoleen biyya of danda’an ta’anii argamuuf hojii-manee isaanii akka dursanii xumurataniif isaan gargaara” jedha. Kana jechuun, Mootummaa Naannoo Oromiyaa waan jedhamu qabna; dhaabbilee (institutions) maqaa Oromiyaan Oromiyaa keessa socho’an dhibbootaan lakkaa’aman qabna. Kanaaf hangas waan dhiphannu hin qabnu jechuu kooti.

Fayyaa Tahaa! Horaa Bulaa! Deebanaa!
Ebla 29, 2020

Share this on: