Mootummaa Ce’umsaa Hundeessuu fi Fedhiiwwan Fallaa

B. Oromoon Maaliif Waggoota Lamaan Darban Kana Hundeeffama Mootummaa Ceehumsaa Mormee? Irra jireessi Oromoo maaliif Hundeeffama Mootummaa Ceehumsaa maaliif mormee? Sababoota armaan gadiif natti fakkaata:

1ffaa: Oromoon garraamumaa fi gowwummaa waan qabuuf ODP fi TeamLammaa; hunda caalaa Obbo Lammaa Magarsaa, Dr Abiyyi Ahimadii fi Obbo Jawaar Mohaammad na ceesisu jedhee amane. Siyaasa keessatti nama hin amanan (nama amanuun; jaarmiyaa siyaasaa amanuun amala un-political society ti). Dhimma kana Online Political Academy bal’inaan ni ilaalla/ni baranna. Ani Oromoon qaamotni kun na ceesisu jedhee amanuun sirrii miti jechaa hin jiru garuu of-eeggataa akka qaamonni kun isaaf hojjetaniif gama adda addaan dhiibbaa irratti gochuu qaba ture jedheen komadha. Namni/qaamni tokko hanga barcuma aangootti dhufuutti jaallatamuu/amanamuu danda’a; erga aangoo qabatee garuu jaallatamuu fi amanamuun hin maluuf. Kan jaallatamuu fi amanamuu qabu madda aangoo nama/qaama sanaati (Uummata).

2ffaa: Oromoon ODP fi namoonni tokko tokko walumaagala Mootummaa fi gorsitoonni/deeggartoonni tasumaa dhiibaa koo jalaa ni ba’u jedhee hin yaadne. Oromoon of-tuulummaa (ofitti amanamummaa) “Wayyaanee hanga funyaaniitti hidhatte iyyuu dhagaadhaan ariine” jedhu horatee jara aangootti dhufan kana tuffate/salphisee ilaale. Har’a bifa Wayyaanee kuffiifneen Mootummaa Dr Abiyyi nan kuffiisa jedhanii yaaduun ammas gowwaa ykn garraamii ta’uudha (yoo kuffiisuuf yaada qabdu tahe jechuu kooti).

3ffaa: Oromoon heera FDRE kan bara 1995 sana dhugeeffatee ofitti fudhatee; eegduu heera kanaa ta’uu waan barbaadeefi (Oromo thinks the 1995 FDRE Constitution as bottom-line and wants to protect it). Kunillee waanuma jajjabeeffamu ta’us garuu sirna Wayyaaneen ijaarteef beekamtii (legitimacy) kennee kan fooyya’u barbaaduu dhabuun isaa immoo na aarsa. Akka kootti heerri 1995 kun diigamnaan ykn akka Oromoof hin taanetti fooyya’e jennaan Oromoon biyya Oromiyaa qabaachuu isaa fi Mootummaa mataasaa ijaaruuf yeroo gabaabaa kan itti fudhatu akka ta’e dagachuun isaa baayyee na aarsa.

4ffaa: Irra jireessi Oromoo Karoora A malee yoo karoorri A’n kufe jedhee karoorawwan B, C, D jedhee waan qopheeffatee of harkaa qabu hin turre. Qaamota Plan B qaban irratti illee duuluudhaan (WBO) akka WBO’n dadhabuu fi bittinnaa’u gochuu keessatti gahee Oromoon taphate seenaaf dhiifna.

5ffaa: Siyaasni Oromoo waggoota lamaan darban kanaa Daldaltoota Siyaasaan waan dhuunfatameefi. Daldaltoonni (brokers) kun haala gabaa ilaalanii fedha isaanii Oromoo bal’aa irratti fe’aa turan. Kanaaf, daldaltoonni kun waggoota lamaan darban kana keessa waan Mootummaa Dr Abiyyi mufachiisu hojjechuu hin barbaadne ture.

C. Fulbaana 29, 2020 booda warri Soddaa Maaliif Akka Mootummaan Dr Abiyyi Itti Fufu Barbaaduu?

1ffaa: Dubbiin akka sodaatanii fi shakkan sana hin taane; haala gaariirra jiru (relatively). Xoophiyaan babbareeddee cee’aa jirtiif.

2ffaa: Heera 1995 diiguun ykn fooyyessuun otoo hin barbaachisiin feeti isaanii galmaan gahaa jira. Dhugaa dubbachuuf, akka kootti, Mootummaa Wayyaanee caalaa Mootummaa Dr Abiyyii fi Mootummaa Obbo Lammaa Magarsaatu Heera Federaalaa kana bra 1995 fi Heera Naannoo Oromiyaa cabse, diige. Fakkeenyota gara kudhanii olii isiniif fudhachuu nan danda’a, ammaaf kanuman jedha.

3ffaa: Humnoonni Oromoo lafa jalaan waliigalaa; wal-hubachaa; shira siyaasaa beekaa fi hojiirra oolchaa dhufuu hubatan.

4ffaa: Humni Oromoo Plan B, C qabu akka malee mataa-dhukkubbii itti ta’eera. Booruufis sodaachisaa akka tahe hubatan. Kanaaf, humna kana waraanee balleessuu kan qabuu fi kan danda’u Mootummaa Dr Abiyyidha jedhanii amanu (Oromoo dhaan humna Oromoo cabsita waan taheefi).

5ffaa: Mootummaan Dr Abiyyii fi Mootummaan Obbo Lammaa Magarsaa Oromoo biraa fudhatama akka dhabe waan hubataniif qaama qaama isaan jibbame kanatti dhimma bahuu barbaadu.

[Hubachiisa: Maxxansi kun fuula 3 qaba. Itti fuftanii dubbisuuf, lakk 3 gadii kanaa cuqaasaa!]

Share this on: