Mootummaa Ce’umsaa Hundeessuu fi Fedhiiwwan Fallaa

Mootummaa Ceehumsaa Hundeessuu Ilaalchisee Fedhiiwwan Faallaa: Oromoo fi Warra Soddaa Bara 2018-2020 Gidduu

Asumaan Jaal Galaanaa Kiisii akkan dhimma kana irratti ibsa bal’aa kennuuf na affeeruu keef maqaa #OPSA dhaan baayyeen si galateeffadha. Dhugaadha hojii bal’aan of harkaa qaba ture garuu dhimmichi waqtaawaa akka ta’e daqiiqaa muraasaaf Facebook kanarraa hubachuu yaaleera. Akkuma Galaanaan jedhe “Waggaa tokko dura jara keenya warra Soddaatu hundeeffamuu Mootummaa Ceehumsaa akka malee barbaada ture. Irra Jireessi Oromoo immoo hanga Filannootti kan nu Ceesisu Mootummaa Dr Abiyyi jedhaa ture. Har’a garuu dubbiin faallaa taate” Kuni Maaliifii laata?

A. Warri Soddaa Maaliif Hundeeffama Mootummaa Ceehumsaa Dura Barbaadan? Yaadrimeen ‘Mootummaa Ceehumsaa ykn Mootummaa Adaraa’ Oromoof caalaa warra soddaa kanaaf irra gale jedheen yaada. Warri soddaa gaafa Mootummaa Ceehumsaa barbaadna jechaa turan wantoota armaan gadii hedaniiti.

1ffaa: Lafeen dugdaa Mootummaa Dr Abiyyi Qeerroo/Qarree Oromoo fi humnoota sabboonummaa sabaa (ethno-nationalist forces) jedhanii waan shakkaniif; waan sodaataniifi.

2ffaa: Yoo Mootummaan Ceehumsaa hundaa’e sektera hedduu keessatti wal-ijaaranii maqaa dhaabbilee adda addaan sagalee wayyaba argatanii hawwii Xoophiyaa tokko taate mirkaneessuu sana galmaan ga’atu.

3ffaa: Oromoo dabalatee saboonni kaan seekteraa fi dhaabbilee miti-mootummaa adda addaa baayyinaan hin qabu; keessattis of hin ijaarre. Kanaaf, Oromoo fi saboonni kun gama jaarmiyaalee siyaasaa qofaan bakka bu’u jechuudha. Jaarmiyaaleen Siyaasaa Oromoo kunniin immoo Uummatoota biroo biratti akka shakkamanii fi jibbaman waan taasifamaa tureef siyaasa Xoophiyaa ceesisuu keessatti hin amanamu jechuudha.

4ffaa: Mootummaan Ceehumsaa kun yoo hundeeffame ‘Heerri Federaalaa kan bara 1995 fi heeronni Naannolee ni diigamu ykn ni fooyya’u’ jechuudha.

5ffaa: Hireen bara 1991/2 sun deebi’ee akka humnoota Oromoo irratti raawwatu barbaadaniitu. Bara 1991/2 TPLF tu humnoota Oromoo gowwoomsee fi humna yerootti fayyadamee rakkoo hamaa keessa buuse. Kan bara 2018/9 immoo warra soddaatu shira akkasiif haala mijeeffataa ture. Dhugaa dubbachuuf otooma Mootummaan Ceehumsaa hin hundeeffamiin iyyuu humnoota Oromoo gatachiisuu isa barbaadan sanaa harka 50% milkaa’aniiru, ammas milkaa’aa jiru. Silaa, Oromoon nama akka Jaal Abdii Raggaasaa boolla Waraabessaa keessatti caljedhee hin ilaalu ture; kumaatamootaanis Oromoon hin hidhamu ture; Oromoon akka bara Primitive society sana gandaa fi amantaan wal hin nyaatu ture.

[Hubachiisa: Maxxansi kun fuula 3 qaba. Itti fuftanii dubbisuuf, lakk 2 gadii kanaa cuqaasaa!]

Share this on: