Kutaa 1ffaa
1. Seensa
Wantoota irra jireessa Oromoo burjaajessaa jiranii fi adda baasuun daran rakkisaa jiran keessaa tokko aanga’oota kufaatii Mootummaa Wayyaanee booda sadarakaa sadarkaadhaan jiran kanaan ‘Ilmaan Sirnaa moo Ilmaan Sabaa’ jennu kan jedhudha. Moggaasa maqaa isaanii caalaa hojii qabatamaan isaan hojjetan hoo maqaa kennamuufii kanarraa adda tahamoo wal-fakkaata kan jedhudha. Haalli qabatamaa amma Oromiyaa fi Xoophiyaa keessa jiru gaaffii kana deebisuu keessatti parsantii 50% ol gahee ni qabaata jedheen yaada. Parsantii hafe garuu gama adda addaan deebisuun barbaachisaa ta’ee waan argameef gama xiinxala gabaabduu kana qabadhee isiniif dhiyaadheera!
2. Ilmaan Sirnaa Jechuun Maal Jechuudhaa?
Ilmaan sirnaa jechuun namoota sirni impaayera Xoophiyaa jaallatees haa ta’u rakkatee; bal’atees haa ta’u dhiphatee namoota sadarkaa haalli yeroo barbaaduun sirna impaayera Xoophiyaa tajaajilanii fi akeeka impaayerummaa Xoophiyaa galmaan ga’uuf kufanii ka’an; afaan miyeeffatanii fi tooftaa jijjiirrataa hanga har’aa darbaa dabarsaan hojjetaa jiranidha. Akkuma ilmi toora abbaa fi akaakkayyuu hordofee dhufu sana sirnis sirna dhalchaa bakka buufataa impaayera Xoophiyaa itti fufsiisaa akka guyyaa har’aan gahaa jiru hubachuun nama hin rakkisu. Kanaaf, ilmaan sirnaa namoota sirna impaayera Xoophiyaa keessatti dhalatanii guddatanii aangoof ga’anii impaayera Xoophiyaas ta’e Oromiyaa bulchaa jiran jechuudha. Ilmaan Sirnaa namoota aangoo irra jiran qofaa otoo hin taane namoota gama adda addaan: gama miidiyaan, gama dhaabbatummaadhaan (through different institutions), gama dinagdee fi investimentiidhaan, gama dhaabbilee amantiidhaan (through different religious institutions), fi gama babl’ina magaalaan qaamonnii fi namoonni hojjetan hunda dabalata. Walumaagala, namoonnii fi qaamonni aangoo qaban Ilmaan Sirnaa Kallattii yommuu ta’an kanneen gama biraan hojjetan hundi Ilmaan Sirnaa Al-kallattii jedhamu. Ilmaan Sirnaa kunis duuchaatti Ilmaan Sirna Impaayera Xoophiyaa jedhamu.
3. Ilmaan Sirna Impaayera Xoophiyaa
Jalqaba irratti Xoophiyaan akka impaayera taate isin yaadachiisuun barbaada. Impaayera jechuun akkaataa bulchiinsaa biyyoota, mootummootaa, fi Saboota adda addaa humnaan gita-bittaa ykn agoobara bulchiinsaa tokko jalatti bulchu jechuudha.
Seenaa siyaasa Xoophiyaa gaafa ilaallu hanga bara 1934tti (hanga gaafa mootiin Jimmaa Abbaa Jifaar II fedhaan bulchiinsa Haayile Sillaasee I fudhatuutti) mootummoota adda addaa kan daangaa bulchiinsaa fi Saba mataa mataa isaanii qabantu daangaa bulchiinsaa amma “Itiyoophiyaa” jedhamtu keessaa fi ala jiru turan. Aggaammiin impaayera Xoophiyaa ijaaruu jaarraa 15ffaa keessa jalqabus xumura kan itti godhe garuu Minilik II akka ta’e ni beekama. Kanaaf, Xoophiyaan bulchiinsa impaayeraati malee bulchiinsa biyya akka hin taane gamanumaan hubachuun barbaachisaadha. Haaluma Kanaan ilmaan sirna impaayera Xoophiyaa kanneen bara 1855 irraa kaasanii dhalatan irraa eegala.
Ilmaan sirna impaayera Xoophiyaa akeeka tokko qabu. Innis Xoophiyaa impaayerummaa keessaa baasuun gara biyya ammayyaa taateetti ceesisuu dha. Kunis 1ffaa: aadaa, duudhaa, afaanii fi amantiiwwan Sabootaa, Sablammootaa, fi Uummattootaa 81 ol ta’anii jiran kana suuta suutaan aadaa, duudhaa, afaanii, fi amantaa abbeentummaa Xoophiyummaa qabuun bakka buusuudha. Haaluma kanaan aadaa, afaan, duudhaa fi amantaa murna nafxanyaa jedhamu humnaa fi gowwoomsaan Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota irratti fe’uu ture: afaan Amaariffaa; amantaa Kiristaana Ortodoksii; duudhaa, qorqalbii fi aadaa nafxanyummaa. 2ffaa: sirna bulchiinsa abbaa irree giddu-galeessummaa (unitarist dictatorial governance system) diriirsuudhaan haalli jiruu fi jireenya Uummata impaayera Xoophiyaa akka murna fiixee aangoo irra jiruun akka murtaa’u gochuudha. 3ffaa: babal’ina magaalotaa, mana amantaa Ortodoksii fi sabqunnamtiiwwaniitti fayyadamuun saamicha qabeenyaa, hojii araaraa fi nagaa buusuu akkasumas siyaasa gowwoomsaa qorqalbii Uummattootaa irratti hojjechuu dha.
4. ADWUI’n Ilma Sirna Impaayera Xoophiyaatii?
Impaayera Xoophiyaa kana keessatti ilmi sirnaa tokko ilma ilma isaan bakka buufataa hanga bara 1991tti itti fufus bara 1991 booda abdii ilmi sabaa dhalatee fi guddatee sirna bulchiinsa impaayera Xoophiyaa akkaataa fedha Uummattootaatti deebisee ni ijaara jedhamee abdatamee ture.
Haata’u malee bifa, qabiyyee fi akkamtaa adda ta’een ilmi ilma sirnaa deebi’ee dagaaguu fi daran gadameessa ilmaan sabaa baatu maseensuu fi miciree ilma sabaa dhalchuu danda’u gogsuu irratti xiyyeeffate. Ilmi ilma sirnaa kunis maqaa Adda Dimokiraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) jedhu qabatee sirna jireenya nama hundumaa keessa seenuuf baayyee abbaledha. Kanaaf, gaaffii har’a ilmaan sirnaa eenyu faati kan jedhu deebisuuf gabaabaatti deebiin isaa ‘Ilmaan sirna ADWUI keessatti dhalatanii-guddatan; keessa jiraatanii fi hojjetan; sababa adda addaatti kanneen siyaasaa fi adeemsa ADWUI fudhatanii itti dabalamuudhaan gumaacha beekumsaa, maallaqaa, fi muuxannoo isaanii taasisanidha.
Sirni ADWUI gama tokkoon fedha fiixeewwan faallaa lama walitti araarsuudhaaf akeekkate yommuu ta’u gama biraan immoo sirna fiixee kan biraa harka lafa jalaan ijaaruu fi tajaajiluudhaaf uumamedha. Kana jechuun siyaasa impaayera Xoophiyaa keessatti wal-falmii gurguddoo lamatu ture, ammas jira. Feeti fiixee jalqabaa impaayera Xoophiyaa itti fufsiisuudhaan Xoophiyaa biyya saba tokkoo, afaan tokkoo, amantaa tokkoo, fi qorqalbii tokkoo (nation-state) taasisuuf kan gama hundaan irratti hojjetaa turee fi ammas hojjetaa jiru (nation-building thesis) yommuu ta’u kan lammataa immoo impaayera Xoophiyaa diiguudhaan biyyoota adda addaa bilisummaa Saboota isaaniif dhaabbatan hundeessuudhaaf qabsoo obsa fixachiisaa taasisudha (Colonial thesis). Haata’u malee, ADWUI’n bara 1990 irraa kaasee ilaalchaa fi yaada sadaffaa ilaalchota fiixee lamaan armaan olii kana walitti araarsu qabatee dhufe.
Yaadnii fi ilaalchi ADWUI kunis Xoophiyaa keessa rakkoo murni/gareen aangoo irra ture qaqqabsiisan malee sabni saba biraa koloneeffate hin jiru; aadaa fi afaan akkasumas eenyummaa saboota, sablammootaa fi uummatoota Xoophiiyaa biroo balleessanii eenyummaa, aadaa fi afaan saba biraa irratti fe’uunis hin danda’amu kan jedhu qabatee gowwoomsaa siyaasa ammayyaa qabatee as ba’e. ADWUI akka bifa biraan sirna impaayera Xoophiyaa tajaajiluuf uumame kan itti dammaqan muraasa ta’us booda keessa himatni olaantummaa murna tokkoo ijaaruufi jedhu bal’inaan irratti ka’aa ture. Kanas ta’u sana ilmaan ilma sirna impaayera Xoophiyaa kan biroo calaa bifa adda ta’een kan fedha impaayera Xoophiyaa tajaajile ADWUI dha. Ilaalchii fi yaadni ADWUI kun (national-oppression thesis) kan jedhamu yommuu ta’u gidduu-galli yaada rimee kanaa Donald N. Levine “Amhara Thesis; Oromo Anti-thesis and Tigray Synthesis” jedhame sana galmaan ga’uu ture. Kana jechuun hiikkoo “Amaarri impaayera Xoophiyaa ni ijaara; Oromoon impaayera Xoophiyaa ni diiga; Tigireen walitti araarsiti” jedhu qaba.
5. ADWUI Keessatti Akaakuuwwan Ilmaan Sirnaa
Sirna ADWUI keessa ilmaan sirnaa akaakuu sadiitu jiru. Isaanis:
- Harcaatota Sirna Minilik II: bara 1888 irraa kaasee bifa adda addaan hojmaataa fi sirna bulchiinsa impaayera keessatti kan itti fufee jiru yommuu ta’u sirni kun daran lafa qabataa, jabaachaa, fi egeree impaayera Xoophiyaa irratti dhiibbaa guddaa uumuu kan danda’u ta’ee jira.
- Harcaatota Sirna Wayyaanee: bara 1991 kaasee kan hanga har’aatti ijaaramee jiru sirna Wayyaanee ta’us bubbeen warraaqsa uummataa bakkoota adda addaatti impaayera Xoophiyaa keessatti bubbisaa fiixee jiran irraa harcaaseera. Harcaatonni kun deebi’anii ka’uu fi jabaachuuf daran tattaafataa kan jiran ta’uu hubachuun ni danda’ama.
- Ergamtoota garee lamaanii (garee Minilik II fi Wayyaanee tajaajiluuf kanneen asii fi achi ergaman; kanneen akeekaa fi galma ofiis ta’e kan saba keessaa dhufanii hin qabne jechuudha). Gareen kun haalaa fi bakka barbaachisutti ilmaan sirna Minilik II’fis ta’e ilmaan sirna Wayyaanees ni ergamu, ni tajaajilu. Yeroo fi haala adda addaa keessatti garee of danda’ee jiraatu fakkaatanii of agarsiisuu yaalanis hundee irra dhaabbatan kan hin qabnee fi dantaa Sabummaaf (nation’s causes) kan hin hojjenne ta’uu mirkaneessuun ni danda’ama.
ulfaadhu abbaa Gadaa
ulfaadhu abbaa Gadaa
Waan gaariidha, Galatoomi adeeroo!!