Bara Baraan Gabbara Kaffaluu fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo
Qabsoo bifa kamiiyyuu gaggeessuu dura mooraan qabsoo ifa ba’uu qaba. Mooraan qabsoo hin qulqullaa’u; ifa hin ta’u taanaan ofumaa lubbuu, qabeenyaa fi yeroo namoota muraasaa bara baraan gabbara dhiyeessuu ta’a. Bara 2014 – 2017tti lubbuu kuma 5 ol itti gabbarre jechaa, akka waan nama boonsuutti hunduu waltajjii argatu irratti dubbataa ture. Erga bara 2018 as immoo lubbuu fi jireenya nama meeqaatu gabbaramaa akka jiru gaafa waltajjiin gabaasaa dhufu dhageenya ta’a. Kanan jechuu barbaade isuma ammaa kanallee mooraan qabsoo Oromoo hin qulqulloofte; hin calalle. Xawalwaalleetu ofii asii fi achi gaggalagalaa akka gabbara baasaa/kaffalaa jiraannu nu gochuuf dhama’a.
Mee ofii koos isiniinis gaaffilee armaan gadiin gaafadha, deebii isaas isinumaafan dhiisa:
- Qabsoo karaa nagaatti amanaa WBO faarsuun akeeka qabsoo akkamiitii?
- Qabsoo karaa hidhannootti amanaa qabsoo karaa nagaan gaggeessa jechuun maal jechuudha?
- Erga yoomiiti harcaatonni ODP fi ilmaan mooraa OPDO keesaatti guddatan qooda-fudhattoota qabsoo Bilisummaa Oromoo ta’uu kan danda’anii?
- Namoonni fedhaa fi dantaa dhuunfaa ykn murnaa erga galmaan ga’atanii bilisoomne jedhan akkamitti ammammoo Bilisummaa Oromoof hojjetuu?
- Ilaalcha gandummaa/kutummaa waggoota lamaan kana gadi dhaabuu keessatti namoonni qooda adda duree qabaachaa turan akkamitti har’a Bilisummaa Oromoo isa Tokkummaa Oromummaa giddu galeessa taasifate sanaaf hojjetuu?
- Namoonnii fi qaamonni namoota dhuunfaa jala yaa’an akkamitti Bilisummaa Oromoo fedhaa fi dantaa Saba Oromoo giddu galeessa taasifate sanaaf hojjetuu/qabsaa’uu?
- Namoonni Mootummaa keessa taa’anii qabsaa’aa jiran akeekni qabsoo isaanii maalidhaa? Akkuma bara TeamLammaa sanaa nu gochuuf moo dhuguma qabsoo Bilisummaa Oromoofi laata?
- Qabsoo Bilisummaa Oromoo amma gaggeeffamaa jiru eenyutu gaggeessaa? Eenyutu maal hojjeta, akkamitti? (Who does what and how?) Facebookers tu gaggeessaa? Jaarmiyaalee Siyaasaa Oromoo Morkattootaatu gaggeessaa?
- Namoonnii fi qaamonni Xoophiyaa fi Xoophiyummaatti amanan attamitti Oromiyaa fi Oromummaaf qabsaa’uu?
Gaaffilee armaan olii deebisuun waan lamaaf gargaara. 1ffaa: mooraa qabsoo Oromoo qulqulleessuu fi ifa gochuu keessatti gareewwan adda addaan jiran akka hubannuuf nu gargaara. Yoo kun tahuu danda’e dogoggoraan nama/qaama qabsaa’aa akeeka QBO hin taane tokkoon qabsaa’aa jennee duukaa hin yaanu jechuudha. 2ffaa: Oromoon Xoophiyaa fi Xoophiyummaaf gabbara lubbuu, qabeenyaa fi qorqalbii kaffalaa hin jiraatu jechuudha. Filannoon Oromoo waan lama keessaa tokko dirqama tahuu qaba. Gama tokkoon garbummaa fudhatee jiraachuu ykn Bilisummaa dhaaf of kennee qabsoo isaatti xumura gochuu qaba. Kanaa ala garbummaa fi Bilisummaa gidduutti bara baraan gabbara kaffalaa jiraachuun sirrii miti!
Walumaagala namoonni/qaamonni akka Oromoon gabbara lubbuu, qabeenyaa fi qorqalbii kaffalaa jiraatu barbaadanii fi hojjetan jiraachuu akka dhaloonni kun hubatun ibsuu barbaada. Namoonni/qaamonni kun sochii xixiqqoo fi mufii ta’ee irratti hundaa’een tempireechara siyaasa Xoophiyaa safarataa yeroo yerootti Xoophiyaa fi Xoophiyummaa jabeessanii ijaaruu warra barbaadanii fi dhugumas kanuma galmaan ga’aa jiranidha. Ofii isaanii gabaastota ho’iinsa tempireechara Siyaasa Xoophiyaati waan taheef jechuudha! Kanaaf, mooraan qabsoo Oromoo qorqora (audit) gaggeeffachuu qaba. Gabaasa qorqora kanaa irratti hundaa’uun qabxiilee armaan gadii beeksisuun dirqama ta’a.
- Diinni innakkaa QBO eenyu? Kana revise gochuun barbaachisaadha!
- Diinni tooftaa QBO eenyu? Akkamitti qaama kana loluun ykn tumsuun barbaachisaa?
- Firri dhaabbataan QBO eenyu? Jabinnii fi dadhabinni qaama kanaa maal fa’idha?
- Firri yeroo QBO eenyudha? Maaliif? Akkamitti waliin hojjechuun danda’ama?
- Mooraan QBO eenyuun hoogganamuu qaba? Naamusa akkamiis barbaada? Caasaan gaggeessitoota QBO eessaa kaasee hanga kamiitti diriiree jiraa? Hanqinni caasaa kanaa maalidha? Akkamitti suphuun danda’amaa?
- QBO karaa kam galmaan ga’a?
- Karaa hidhannoo? Maaliif?
- Karaa Nagaa? Maaliif?
- Karaa Miidiyaa? Maaliif?
- Karaawwan adda addaa walitti makuudhaan (mixed)? Maaliif?
- Namoota/qaamota yeroo tokko ykn isaa ol QBO ganan akkamitti ilaalamu?
Horaa Bulaa! Deebanaa!
Fayyaa Tahaa!
Namni akka kaayyoo fi tarsimootti QBO hubaate deemuu hangaa ?
Qabsoon Oromoo dinnoota Kaayyoo fi firoota tarsimoo alaa fi Keessa eenyuu akka ta’ee ?
Masaraan kiloo afur uummaata Oromoo fi Qabsoo isaan akkamitti ilaalla ? Jechuun yoo barbaade dubaatti deebbitti masaraa kan Atse Teewodros ,Ankobar .kun hunduu Itiyoophiyaa ijaaruuf jechuu kootti.
Warri daangaa fi beekumti akka biyyatti Impaayeeraa kanaaf kenne hoo ykn tolchee hoo maal jedhuu?
Qabsoon karaa nagaas akka barbaachisu hidhannoonis barbaachisaadha. Hidhannoon kun bilisummaa boodas waan nu barbaachisuuf qabsoon hidhannoo murteessaadha.
Karaa nagaa wbo faarsuun hin danda’amu.
Karaa nagaa bilisoomuunis hin danda’amu.
Tokkummaa oromootu furmaata fiduu fanda’a.
Akkuma Bismarck the freedom of German is through blood and iron jedhe sana.bilisummaan oromoo falmachuu qofa dha .mee referendum waan jedhu irratti ibsa nuuf kenni
Keeyyata 39 qabannee biyya of dandeesse taanee jiraachuu qabna
Qabsoon bilisummaa Oromoo karaa kami galma gahaa? kan jedhuu gaafii baayee barbaachisaa fi isa guddaa dha. Kanaafuu xinxaallii kee waan guddaa hojeeta waan ta’eef…………
Karaa nagaadhan maalif jennan haqina fi rakkoo jiru. Karaa mariitti furaama. Walitti dhufan mar’achuuf immoo nageenyaa barbaachiisa. Karaa kamiyyuu yoo ta’ee nageenyan alaa furaamu hin danda’u