Dimokiraatawa Federaalizimii

Xiinxala Ibsa Tumsa Dimokiraatawa Federaalizimii

Giddu-galli ibsa kanaa “Furmaanni Hunkurama Impaayera Xoophiyaa Ammaa Heera Federaalaa kana bara 1995 ti” kan jedhu of keessaa qaba. Haaluma kanaan:

  1. September 29, 2020 booda Mootummaa Yeroo (Imaanaa) “Care Taker Government” qabaachuu yommuu ta’u Qaamni Hoji-Raawwachiisaa Mootummaa Dr Abiyyi akkuma jirutti hanga filannootti itti fufa
  2. Qaamni seera baasu hin jiraatu: Paarlaamaan ofii of filee of bakka bu’u sun itti hin fufu jechuudha.
  3. Dhaabbilee murteessoo akka Dhimma Biyya Alaa; Nageenyaa fi Tikaa keessatti jaarmiyaaleen Morkattootaa qooda ni qabaatu
  4. Komishiniin Waliigaltee Biyyaalessaa (National Consensus Commission) akka hundaa’uu fi qaamolee barbaachisan gidduutti marii bal’aan dhimma nation-building fi state-building irratti akka taasifamu
  5. Dhaabbileen ijaarsa Dimokiraasii kanneen akka Boordii Filannoo Biyyoolessaa fi kanneen biroo hojii isaanii bifa siyaasa irraa bilisa ta’een akka itti fufan
  6. Dhuma irratti qaama waliigalteewwan murteessoo kana to’atu hundeessuu fi bifa sanaan hordoffiin akka taasifamu gochuudha!

Akka kootti ibsa sana keessaa wanti ani hubadhe bilchina, beekumsaa fi ogummaa Coalition for Democratic Federalism dha. Dubbii keenya irratti, Prof Mararaa fi Jaal Daawud Ibsaan Oromoo fi Oromiyaatti waan qaawwaa uumu ni hojjetu jettanii yaadduu? Ammoo jaarmiyaaleen miseensota CDF muuxannoo fi hubannoo Siyaasaa warra qabanidha! Sodaan koo, Mootummaan PP yaada kana ni fudhataa? kan jedhudha. Akka kootti, Mootummaan ibsa CDF kana hin fudhatu. Yoo Mootummaan fudhachuu didehoo karoorri itti aanu maalidha? Isaanumaaf dhiifna!

Horaa Bulaa!

Share this on:

2 thoughts on “Dimokiraatawa Federaalizimii”

Comments are closed.