COVID-19 fi Labsii Yeroo Muddamaa

  1. Kallattii Furmaataa

Hayyoonni siyaasaa gaafa dubbatan akkas jedhu “If there is willingness there is commitment and there is solution” Rakkoowwan walxaxoo fi sodaawwan COVID-19 wajjin walqabatnii jiranii fi durumaan of danda’anii turan kana salphisuuf qabxiileen armaan gadii ni gargaaru jedheen abdadha.

1ffaa: Bulchiinsi Labsii Yeroo Muddamaa COVID-19 kun heera federaalaa bara 1995 keewwata 12ffaan hooggaanamuu qaba. Kunis iftoominni jiraachuu; itti gaafatamummaan jiraachuu qaba.

2ffaa: Mirgoonni Heera Federaalaa 1995 keewwattoota 14-18tti; 28 fi 29; 36 fi 39 keessatti ibsaman matumaa itti bu’amuu hin qaban. Sababni isaa labsiin muddama kanaa weeraraa fi tatamsa’ina dhibee Koronaa ittisuuf malee labsii muddamaa dhimma nageenyaa ykn siyaasaan wal qabate waan hin taaneef.

3ffaa: Wayita Labsii Yeroo Muddamaa COVID-19 kanaa mootummaan nama tokko ilaalcha siyaasaaf hidhuu, ukkaamsuu, ajjeesuu, arii’achuu fi dararuu hin qabu. Otoon mootummaa ta’ee akkasan godha. Darbeemmoo, otoon Mootummaa kana ta’ee, hidhamtoota siyaasaa erga Fulbaana bara 2018 kaasanii jiran hundan hiika. Gama tokkoon tooftaa tatamsa’ina COVID-19 hir’isuuti; gama biraan mootummaaf beekamtii fi maqaa gaarii kennuu danda’a (nama gaafa rakkina ofii qarshii 10 namaaf kennu eenyu iyyuu hin irraanfatu).

4ffaa: Ammumaan tarkaanfiiwwan tatamsa’ina dhibee COVID-19 ittisan ykn to’atan fudhachuudha: guutummaa guutuutti tajaajilli xiyyaaraa dhaabachuu qaba; namni magaalaa-baadiyaatti deemuun dhaabbachuu qaba; hubannoo gahaa gola nama hundaa seenanii uumuu fi hojiirra oolmaasaa hordofuu; fi kkf

5ffaa: Bulchiinsa Labsii Yeroo Muddamaa COVID-19 kana bakka lamatti hiruudhaan kan ji’oota sadan gara jalqabaa Mootummaan EPRDF/ADWUI/PP akka hoogganu taasisuu; kan ji’oota lamaan gara dhumaa immoo bakka buutota jaarmiyaalee morkattootaa fi baka buutota kutaalee hawaasaa of keessaa qabu hundeessuun baayyee barbaachisaadha. Asumaanis waan akka Interim Government hundeessuuf haala mijataa uumaa deemuun dirqama ta’a. Mootummaan Yeroo kun dhibee COVID-19 to’achuurra darbee dhimmoota filannoo fi ceehumsa biyya kanaa irratti walii wajjin hojjechuudhaan dhiphina amma keessa jirruu fi nutti deemaa jiru keessaa nu baasuu qabun jedha. Haaluma kanaan filannoon December 2020 keessa akka t’uu qabutti irratti hojjetaa umuriin Interim Government kanaa ji’a jaa’aaf akka ta’u murteessuudha. Yoo kun ta’e heerrii fi seerri FDRE hin diigamu; impaayerri Xoophiyaas hin diigamtu. Hoogganaan Interim Government kanaa Dr Abiyyi Ahimad tahuu akka qabus gamanumaanan yaada koo ibsuu barbaada.

6ffaa: Humnoota karaa hidhannoo/qawwee qabsaa’aa jiran wajjin bifa itti gaafatamummaa fi of-eeggannoo qabuun nagaa buusuun dirqama ta’a. Dhugaa dubbanna taanaan Mootummaan humnoota kana injifachuu hin dandeenye; tasumaa injifachuus hin danda’u. Sababni isaa mootummaan kun mootummaa fudhatama (legitimacy) qabu waan hin taaaneef lammiileen qaamota humnoota karaa hidhannoo qabsaa’an duuba hiriiranii jiran lakkoofsaan xiqqoo miti. Mariin, araarrii fi wal-hubachuun Mootummaa Xoophiyaa fi Humnoota karaa Hidhannoo qabsaa’an jidduutti taasifamu ulaagaa idil-addunyaa kan guutee fi wal-amantummaa kan fidu ta’uu qaba. Kunis bakka qaamni sadaffaan jirutti; ulaagaa fi standard marii riphee-lolaa fi mootummaa guutuun; bifa qaama walii-galtee kana diige itti gaafatamu ta’uu danda’uun ta’uu qaba. Kun hin ta’u taanaan, humnootni karaa hidhannoo qabsaa’aa jiran haala mijataa yeroo (momentum) fi dandeettii amansiifachuu (bargaining power ) qabaataa dhufu. Sababa kanaatti carraan jabaatanii mootummaa Xoophiyaa injifachuu isaanii guddaa akka ta’etti natti argama.

Ani kanan akeeka; Waaqni narra beeka! Waaqayyo warra gama hundaan humna hin qabneef humna haa ta’u; warra humna isaaniin nama dhiiban namarraa haa dhiibu; Waaqayyo COVID-19 kana nurra haa dabarsun jedha!

Obboleessa Keessan, Moonenus H.
Eebla 10, 2020

Share this on: