- Sodaawwan Labsii Yeroo Muddamaa Wajjin Waqabatanii Jiran
Erga bara 1991 Saboonni, Sablammoonnii fi Uummattoonni Xoophiyaa muuxannoo bal’aa fi jiila bulchiinsa labsii yeroo muddamaa qabu. Muuxannoon darbee fi jiru akkasumas jiillli kanaa waliin walqabatee jiru akka Labsii Yeroo Muddamaa COVID-19 kana ija shakkiin ilaalluu fi sodaatnu nu gochuu malu. Mee sodaawwan jiran akka armaan gadiittan kaasuu yaala.
1ffaa: Turtiin yeroo muddamaa kun ji’a shan ta’uunsaa gaaffii guddaa fi sodaa kaasu qaba. Gama tokkoon, mootummaan yeroo itti labsii kana labsuu qabu dhiisee ji’oota sadii booda labse. Gama biraan immoo turtiin mootummaa kanaa hanga Waxabajjii bara 2020 kanaatti ta’ee otoo jiruu mootummaan kun hanga August 2020tti labsii kana labsuun gaaffii guddaa kaasa. Dhugaa dubbachuufis turtiin labsii yeroo muddamaa kun ji’a sadii ol tahuu hin qabu ture. Yoo ji’a sadiitti to’achuun hin danda’amu ta’ellee bifa heeraa fi seera hin cabsineen qaamolee biroo wajjin ta’uun furmaata barbaaduutu salphata ture. Yookaan immoo ji’a Amajjii bara 2020 keessa labsii yeroo muddamaa kana labsee ji’a 5-6’f COVID-19 kana to’achuun ni danda’ama ture. Erga Amajjii bara 2020 kaasee hanga August 2020tti (ji’a 8’f) bulchiinsi jiru Bulchiinsa Mootummaa Koronaati jechuudhaam. Karaa biraa, waan Mootummaan kun beekaa turtii yeroo labsii kanaa dheeressee akeeka siyaasaa isaa galmaan ga’uufi sodaan jedhu jira.
2ffaa: Qabiiyyee fi akkaataan hojiirra oolchaa Bulchiinsa Labsii Yeroo Muddamaa akkuma dubbii Sillaasee ta’e. Waa’ee Sillaasee kan beekan muraasa; Macaafni Qulqulluunis akka namni baayyee beekuuf nama hin jajjabeessu. Qabiyyee fi akkaataa hojiirra oolmaa Labsii Yeroo Muddamaa kana Mootummaa PP qofaatu beeka; PP keessaayyuu warra mataa ta’an jechuudha. Kun immoo rakkoo iftoominaa fi itti gaafatamummaa uuma.
3ffaa: Mootummaan kun gama heeraanis ta’u gama seeraan hanga Waxabajjii 2020 qofaatti beekaamtii qaba (durumaanuu fudhatama-legitimacy hin qabu). Kanaaf, Waxabajjii hanga Hagayyaa eenyutu Labsii Yeroo Muddamaa kana hoogganaa? Mootummaa PP tu qofaa isaa hooggana moo qaamonni biroon keessatti qooda ni fudhatu? Gama qabiyyeedhaan, labsii yeroo muddamaa kana keessatti maaltu eeyyamame; maaltu dhorkame; maaltu dhorkamuu danda’a (grey area) kan jedhu wanti beekame hin jiru.
4ffaa: Labsii Yeroo Muddamaa COVID-19 kana qaamoleen adda addaa akka fedha isaaniif ta’uutti itti fayyadamuu danda’u. Kunis akeeka siyaasaa isaan maqaa biyyaa fi Uummataan deemsisan galmaan ga’uuf taasifama. Akka kootti Mootummaan harka 60; Morkattoonni harka 30; Namoonnii fi gareen murnaan socho’u harka 10 labsii yeroo muddamaa kana akka fedha siyaasaa fi faayidaa isaanii kabachiisuu danda’uun itti fayyadamuu danda’u.
(a) Mootummaan: labsii kana keessa gugatee namoota ilaalcha siyaasaa biraa qabanii fi gufuu natti ta’u jedhee yaadu hidhuu, ukkaamsuu, ajjeesuu, saamuu fi mirgoota siyaasaa daangessuu danda’a.
(b) Morkattoonni: dadhabina mootummaa fi gaaga’ama dhufu bifa fedha isaanii qofa tajaajiluu fi fudhatama siyaasaa isaaniif argamsiisuu danda’uun itti fayyadamuu danda’u. Kaan mootummaatti galu. Kunimmoo kaampii mootummaa cimsee One Party Democrcay ykn Dominant party Democracy fida. Xoophiyaaf morkattoonni ciccimoon jiraachuun faayidaa guddaa qabaata. Yeroo rakkinaa fi muddamaa kana morkattoonni fedha dhuunfaa isaanii galmaan gahuuf mootummaatti galuun isaanii guddina dimokiraasiif gufuu guddaa ta’a. Gama biraan immoo morkattoonni fiixeetti ba’anii miiraan mootummaa irratti mormii kaasuu fi hokkoraa uumuu danda’u. Kunimmoo lammiilee gaaga’ama biraaf saaxila; impaayeraa Xoophiyaa duuftee jirtu kana lafaan ga’a jechuudha.
(c) “Girrigirrii keessa buddeenni tokko bade” akkuma jedhan yeroo rakkoo; yeroo lammiileen dhuman namni ykn murni fayyadamu ni jira. Keessumaa gama dinandgee fi sochii maafiyummaadhaan namoonnii fi qaamonni labsii muddamaa kanatti dhimma b’an ni jiraatu!
(d) Diigamuu sirna heerawaa Federaalawa Dimokiraatawa Rippaabilikaa Xoophiyaa fiduu mala: Erga Eebla bara 2018 as fedhii faallaa lamatu jira. Gama tokkoon akka heeraa fi seeraatti deemuun hin danda’amne. Gama biraan immoo sirna heeraa fi seeraa FDRE kana diiguun/guutummaatti dhiisuun hin danda’amne jechuudha. Mootummaan yeroo barbaadu heeraa fi seeratti fayyadama; yeroo barbaadu immoo heeraa fi seera cabsee waan barbaade hojjeta. Kana gidduutti murni heera fooyyessina jedhu baayyee socho’aa fi dhaggeefatamaa jira. Gama kanaanis hudhaan jira. Xoophiyaan sirna federaalizimiin bulti waan ta’eef, amala sirna bulchiinsa sirna federaalizimii keessaa tokko heera salphaatti fooyyessuun hin danda’amu. Kanaaf: (i) Mootummaan EPRDF/ADWUI guutummaatti jiguu mala (ii) PP’n Humna Waraanaan Xoophiyaa bulchuu mala (akkuma Gibxii jechuudha) (iii) Mootummaan ADWUI/EPRDF fi PP’n wal-fudhatanii dhidhimuu danda’u. Yeroo sana qaamni hin beekamne Xoophiyaa hulchuuf carroomuu danda’a. Gaafa sana ssirna heerawaa amma jiru guutummaatti diiguun salphata; darbee Xoophiyaan gargar caccabuu dandeessi. Tigiraay karaarra jirti: karaan dugda hindaaqqoo haa ta’uuf malee.
(e) Waraanni wal-waliinii ka’uu mala. Kunis akka Xoophiyaatti jiraachuun dirqama ta’ee argamnaan humnoonni gama adda addaan wal morkataa jiran kun wal-lolanii wal-injifachuutti darbu. Akka jiboota dallaa tokko keessa bulanii jechuudha. Wal-waraanni kun bifa sadiin ta’uu mala. 1ffaa: wal-waraansa humnoota siyaasaa gidduutti taasifamu; 2ffaa: wal-waraansa eenyummaa/sabummaa/amantaafi 3ffaa: walwaraansa naannolee gidduu: kunis sababa adda addaaf ta’uu mala: daangaaf; Xoophiyaa bulchuuf, fi kkf.
(f) Walumaagala qaamoleen dimokiraasii hin feene (mootummaa dabalatee) fedha dhuunfaa isaanii eegsifachuuf ykn itti fufsiisuuf hokkorri akka ka’u taasisuudhaan gatiwwan jajjaboo biyya baasisu; herrega walirraa buusuu malu ta’a.
Walumaagala, COVID-19’f jedhamee labsiin yeroo muddamaa labsamuun gaarii ta’us sodaawwan gurguddaa kan fiduu danda’u ta’uusaa hubachuun gaariidha. Sodaawwan kunimmoo gaafa qabatamaa ta’an gaaga’ama guddaa uumuu danda’u. Kanaaf, sodaawwan kana hanqisuuf qaamoleen hunduu waliin ta’anii hojjechuu qabuun dhaamsa kooti.
[Hubachiisa: Maxxansi kun fuula 5 qaba. Itti fuftanii dubbisuuf, lakk. 5 gadii kana cuqaasaa!]