- Xoophiyaatti Sababa COVID-19’f Labsamuu Bulchiinsa Yeroo Muddamaa (COVID-19 State of Emergency and Its Rationales in Ethiopia).
Hunda dursa dhibeen Vaayirasii Koronaa (COVID-19) kun sadarkaa addunyaatti baayyee sodaatamaa kan jiruu fi gaaga’ama bifa hedduu fiduu kan danda’ee fi itti fufees kan fidu ta’uusaa beekamaadha. Ka’umsii fi weerarri Koronaa Vaayirasii ji’oota sadii fi walakkaa kan lakkoofsise ta’us hanga ammaatti namni miliyoona 1.6 ol vaariyasii kanaan kan qabamee fi gara kuma dhibba tokkootti kan dhiyaatan immoo du’aniiru. Sababa COVI-19 kanaatti dinagdeen hunkurameera; gama siyaasaan mirgoonni lammiilee daangeffameera/dhorkameera; jireenyi hawaasummaa fi amantaa guutummaatti jeeqameera. Erga Chaayinaatti dhibeen kun babal’atee, biyyoota jalqaba itti Vaayirasiin kun seenuu fi babal’achuu danda’u keessaa Xoophiyaan tokkodha. Xoophiyaan (galata EPRDF) mana 2ffaa Chaayinaa taateetti. Haata’u malee, hanga yeroo dhiyootti Mootummaan Xoophiyaa sochii gara Chaayinaa fi Chaayinaa irraa gara Xoophiyaatti taasifamu dhaabuu hin dandeenye (hin danda’us). Hanga guyyaa har’aatti Xoophiyaan guyyaa guyyaan Vaayirasii Koronaa impoortii gochaa jirti. Kanaa wajjin wal-qabatee lakkoofsi namoota hanga ammaatti qoratamanii fi vaayirasii kanaan du’anii xiqqaa dha. Wanti kun maaliif akka ta’e booda kan qoratamuu fi hubatamu ta’us akka kootti sababa adda addaatti COVID-19’n kun Xoophiyaa keessa waan babal’ate natti fakkaata. Kanaaf, babal’ina dhibee kanaa daran ittisuuf Mootummaan tarkaanfiiwwan jajjaboo fudhachuu qaba. Tarkaanfiiwwan jajjaboo kana keessaa Labsiin Yeroo Muddamaa isa hangafaa fi barbaachisaa akka ta’eettan ilaala.
Keessumaa Mootummaan MM Dr Abiyyi, aantummaa Saboota, Sablammootaa fi Uummatoota Xoophiyaaf qaba taanaan; hunda caalaa Xoophiyaa jaallatuu fi leellisu sanaaf quuqama qaba taanaan labsiin yeroo muddamaa labsamuun akka malee dubatti kan harkifatee fi tarkaanfiiwwan quubsaa ta’an kan hin fudhatamiin jiran ta’uu afaan guutee dubbachuun barbaada. Irra deebi’uuf, tatamsa’ina dhibee COVID-19 ittisuuf labsiin yeroo muddamaa labsamuun torban 3ffaa ji’a January 2020 keessa ture. Egaa, maaliif akka tarkaaanfiiwwan jajjaboo fudhachuu fi labsii yeroo muddamaa labsuuf boodatti hafe Mootummaa MM Dr Abiyyitu beeka; wantoonni isa danqan ykn akka inni tarkaanfii ittisa COVID-19 irratti hin xiyyeeffanne godhan jiraachuu malu ta’a. “Hin murteessiinaa isinitti murteeffama” jedha Macaafni Qulqulluun (Quraana keessa akka jirus nan amana). Kan darbe mataa bishaaniiti akkuma jedhan guyyaa har’aa kana Bakka Buutonni Mootummaa EPRDF/ADWUI (100% jarri kun Saboota, Sablammootaa fi Uummatoota Xoophiyaa bakka hin bu’an) murtii Manni Maree Ministeerotaa dabarse sana mirkaneessuuf (tasumaa hanbisuu ykn waa irraa hir’isuu silaa hin danda’an) walga’ii hatattamaa taasifatanii, Labsii Yeroo Muddamaa kana mirkaneessaniiru.
Gabaabaatti, Xoophiyaatti to’annaa fi ittisa COVID-19’f jedhamee labsiin muddamaa labsamuun isaa barbaachisaadha.. sababoonni muraasa ta’an:
1ffaa: COVID-19 dura haalli siyaasaa, hawaasummaa fi dinadgee Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Xoophiyaa sadarkaa hamaa fi sodaachisaa keessa waan jiruufi. Hunda caalaa immoo itti fufiinsi impaayera Xoophiyaa akka biyyaatti gaaffii guddaa keessa jira. COVID-19’n immoo bifa adda ta’een jireenya hawaasummaa, amantaa, diinadgee fi siyaasaa gaaga’aa jira waan ta’eef Xoophiyaaf waan akka “Cophxoo irratti Fanxooti” Kanaaf, mootummaan otoo danda’amee dursee proactive ta’ee COVID-19 ittisuu irratti hojjechuu qaba ture; erga Xoophiyaa seenee immoo to’achuuf labsii yeroo muddamaa labsuun barbaachisaadha.
2ffaa: COVID-19 dhukkuba namaa fi biyyoota hundaa wal-qixxummaadhaan carabu waan ta’eef xiyyeeffannoo addaa dhibee barbaaduu fi kennamuufiin qabudha. Xoophiyaa dhiisaatii biyyoota jajjaboo fi badhaadhoo ta’an garuu kanneen COVID-19 kana tuffatanii fi salphisanii ilaalan ni jilbeeffachiise; dhukkubni akka COVID-19 kabajames waan jirus natti hin fakkaatu. Akkuma Waaqayyo, “Warra na salphisan nan salphisa; warra na kabajan nan kabaja” jedhu sanaa ta’e dubbiin Koronaa kun.
3ffaa: Xoophiyaan humna namaa fi bajeta dabalataa to’annaa COVID-19 fi yaalii lammiilee dhibee kanaan qabaniif taasifamu hin qabdu. Humnas ta’e baajeta ol-kaa’attes (reserve human and capital reserve) hin qabdu. Dhibeen COVID-19 kun yoo Xoophiyaa keessa babal’atee fi lammiilee baayyee miidhe humna namaa fi baajeta hojiiwwan idilee gaggeessuuf oolaa jiru gara kan COVID-19tti fiduun immoo daran waan hundaa hammeessee Xoophiyaa boolla gadi-fagoo keessatti dhidhimsa.
4ffaa: Xoophiyaan ogeessota fayyaa gahaa kan hin qabnee fi warruma qabdu kanaafillee kabaja, miindaa fi faayidaawwan isaaniif malu kan qabneef ta’uun immoo COVID19 wajjin wal-qabatee daran sodaa guddaa keessa nu galcha. Ogeessotiin fayyaa lammii isaanii jaallatanii jireenya isaanii rakkoo hamaaf saaxiluu danda’an akka jiran nan hubadha garuu baayyinii isaanii baayyee muraasadha; darbees xiyyeeffanoon, beekamtii fi kabajni ogeessota fayyaa kanaaf gama Mootummaan kennamu immoo kan haamilee isaan buusu akka ta’en hubadha.
5ffaa: Sababa adda addaatti irra-jireessi jireenya Sabootaa, Sablammootaa fi Uummattoota Xoophiyaa beelaan saaxilamaa kan jiran waan ta’eefi. Bakkeewwan tokko tokkotti weerarri homaa awwaannisaa; bakkeewwan birootti weerarri humna waraanaa fi dhabamuun nageenyaa oomishaa fi oomistummaa irratti dhiibbaa guddaa uumaniiru. Haalli COVID-19 immoo sababoota kaan caalaa saffisa beelaa fi saaxilamummaa beelaa ni ariifachiisa. Kanaaf, sababa beelaatti lammiileen gaaga’am yeroo kamuu caalaa guddaa ta’uu waan danda’uuf labsii muddamaa kanaan xiqqoo ta’achuun ni danda’ama jedheen yaada.
6ffaa: Haalli jirrenya hawaasummaa fi amantaa Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Xoophiyaa sababa daddarbuu COVID-19’f gar malee saaxilamaa waan ta’eefi. Aadaan, duudhaa fi waliin jireenyi keenya to’achuuf ulfaataadha. Ji’oota sadan darban gama TV, Raadiyoo fi bilbilaan haala COVID-19 hubachiisuun yaalamus jijjiiramni jiru garuu baayyee muraasa ta’uusaa hundi keenyayyuu ni hubanna. Baadiyaa keessatti gabaan guyyaa guyyaan ykn immoo yoo xiqqaate torban tokkotti gabaa sadiitu dhaabbata. Kana hundaa to’achuu fi hubaachiisuun bulchiinsa dabalataa al-kallattii ta’e barbaada (bulchiiinsa labsii yeroo muddamaa jechuudha).
7ffaa: Dhimma Filannoo wajjin walqabatee haalli Xoophiyaa keessa jiru ulfaataa ta’uu waan danda’uufi. Xoophiyaa keessatti filannoon haqaa fi bilisa ta’ee gaggeeffamee qaamni filatamee Mootummaa ta’es; qaamni injifatamee Mootummaa irraa bu’us hin turre. Kanaaf, filannoon bara 2020 kun egeree siyaasa impaayera Xoophiyaa kan murteessu akka ta’e gama Mootummaanis gama morkattootaanis dubbatamaa ture; uummannis kanuma beeka. Filannoo bara 2020 kana wajjin wal-qabatee rakkinoonni armaan gadii uumamuu malu:
- TPLF karoora A fi B qabaataa ture hundaa hojiitti hiikaa waan jiru fakkaata. Karoorri A Xoophiyaa olaantummaa isaa jalatti bulchuu (waggoota 30’f bulcheera); karoorri B immoo biyya Tigray bulchuudha (erga waggaa lamaa as kana shaakalaa jiraachuu isaanii argaa jirra). Filannoon bara 2020 hin gaggeeffamu taanaan Tigray De facto State ta’uuf carraa bal’aa qabdi.
- Filannoon bara 2020 yeroo isaatti hin gaggeeffamu taanaan Morkattoonni yeroo kamuu caalaa Mootummaa himachuuf sababa gahaa argatu.
- Yeroo turtii Paarlaamaa Bakka Buutota Mootummaa ADWUI/EPRDF dhumuuf jedhu dheeressuun baayyee ulfaataadha wan ta’eef. Jalqaba irratti EPRDF/ADWUI diigamee PP ta’eera waan ta’eef miseensa paarlaamaa ta’anii itti fufuuf gama kamiinuu fudhatama hin qaban. Itti aansee, TPLF bakka buutota isaa gara biyya isaatti waamee hireesaa ofiin murteeffachuutti deema. Sadaffaa, inumaayyuu paarlaam EPRDF/ADWUI akkuma MM Dr Abiyyi gara aangootti dhufaniin bittinnaa’uu qaba ture.
- PP’n morkattoota, namoota beekkamoo ta’anii fi qaamolee hawaasaa biroo wajjin walii galee qaawwaa gama yeroo fixuu Paarlaamaa EPRDF/ADWUI cufuun ulfaataa waan ta’eef.
- Sadarkaa addunyaatti fudhatamni Mootummaa MM Dr Abiyyi shakkii keessa galuu waan danda’uuf
- Donors’n filannoo bara 2020 kun xiqqoo mufachuu waan danda’aniif: silas doonaroonni akeeka ittiin filannoo Xoophiyaa deeggaran qabu; akeeka diinandgee, siyaasaa fi nageenyaa jechuudha. Kanaaf, murtii mootummaa nageenya biyyaa gaaffii keessa galchutti hin gammadan.
- Filannoon bara 2020 bifa haqaa fi bilisa ta’een yeroo isaatti hin gaggeeffamu taanaan Deeggarsaa fi Tumsa Qabsoo Karaa Hidhannoo/Qawwee xiqqoo qabbanaa’ee ture deebisee ni haaressa. Sababni isaa:
(a) Humnoonni filannootti amananii biyyatti galanii fi mana hidhaa keessaa gadhiifaman (kaan hidhannoo qawwee hiikkatee; kaan hidhannoo qabattoo hiikkatee; kaan hidhannoo mooseejjii hiikkatee) hafuu ykn milkaa’ina dhabuu filannoo bara 2020 kanaatti dallananii bifa ifaa fi dhokataa ta’een qaamolee karaa hidhannoo qabsaa’an deeggaruu fi tumsuu danda’u. Kana jechuun miseensonnii fi hooggantoonni jaarmiyaalee morkattootaa karaa filannoo mootummaa aangoo irraa buusuuf carraan waan hin jirreef tooftaa biraa barbaaduu fi filachuutti deemu. Fakkeenyaaf: fonqolcha mootummaa; qabsoo hidhannoo fi abidda hokkora/jeequmsa qabsiisuu fi bobeessuu
(b) Humnoonni hanga ammaa itti cichanii qabsoo hidhannootti amananii jiran (kaan bosona keessa; kaan magaala keessa; kaan caasaa mootummaa keessa) haamilee guddaa argatu; miseensota, deeggartootaa fi Uummata bal’aa kakaasuuf sababa gahaa argatu, haala mijataas uummachuu malu
(c) Seer-malummaa fi sochii gita maafiyaa cimsa/jajjabeessa. Durumaanuu, Mootummaan EPRDF/ADWUI mootummaa gita mafiyaan hundaa’ee fi olaantummaan hoogganamudha. Haata’u malee du’aatii Mallas booda ifaan ifatti seer-malummaan daran dabalaa dhufe; maafiyummaan daran gara dhaabbatummaatti ol guddate. Sababa kanaaf, saamichi, ajjeechaan qindaa’aa fi ukkaamsaan guutummaa biyyattii keessatti daran babal’ate. Sadarkaan amma seer-malummaa fi maafiyummaan irra gahe gaafa ilaallu gaaffii gurguddaa lama akka gaafannu nu taasisa. 1ffaa: Mootummaan jira moo hin jiru? 2ffaa: Gareen kun ofumaa Mootummaa dhaa laata? (Mootummaa kallattii ykn al-kallattii)
(d) Impaayerummaan Xoophiyaa ni mirkanaa’a: sababa achi dabuu filannoo bara 2020 tti ykn sababa milkaa’ina dhabuu isaatti hokkorri ka’u akka Saboonni, Sablammoonnii fi Uummattoonni Xoophiyaa gara mana mana isaaniitti deebi’anii gaaga’ama kana Saba isaaniirraa xhanbisuu danda’aniitti deebi’u. Haaluma kanaan, fakkeenyaaf, Oromoon akka Oromootti walitti deebi’ee dhimma waloo isaa biyya isaa Oromiaa keessatti aadaa fi duudhaasaa giddu-galeessa taasifatee of oolchuuf dirqama jechuudha. Akkuma amma Tigireen biyya Tigiraay keessatti dhimma isaanii xumurachaa jiran kana jechuudha. Tarkaanfileen akkasii impaayerummaa Xoophiyaa ni mirkaneessu, diigama impaayera kanaas ni saffisiisu. Carraan impaayerri tokko qabu silas: diigamuu, dimokiraatawuu fi impaayerummaan itti fufuudha. Xoophiyaan impaayera taatee itti fufuuf dhama’aa jirti; ilmaan dhama’aafii jiranis argattee jirti. Garuu, humnoota impaayerummaa Xoophiyaa dimokiraatessan ykn diigantu daran jabaatee jira jechuun ni danda’ama.
Dhimma filannoo kanaa wajjin walqabatee, yeroon filannoo 2020 akka achi hin siiqnee fi sababa COVID-19tti filannoon akka hin milkoofne waan taasisu hanbisuuf labsiin yeroo muddamaa kun jalqaba ji’a Amajjii keessa labsamuu qaba ture. Ammas labsiin kun bifa filannoo bara 2020 hin miineen otoo hojiirra oolee attam gaariidhaa? Walumaagala, sababoota armaan olitti tarreeffamanii jiranii fi kanneen ani hin tuqiin darbeef jecha labsiin yeroo muddamaa labsamuun barbaachisaa akka ta’e agarsiisuu yaaleera. Mootummaan bifa aantummaa Sabootaa, Sablammootaa fi Uummattoota Xoophiyaaf qabuun yoo labsii kana hojiitti hiike dhibee COVID-19 to’achuu ni danda’a abdii jedhun qaba. Kana biraan immoo Saboonni, Sablammoonnii fi Uummattoonni Xoophiyaa irri caalaan qajeelummaa waan qabaniif Waaqayyo isaan gargaara amantaa jedhun qaba.
[Hubachiisa: Maxxansi kun fuula 5 qaba. Itti fuftanii dubbisuuf, lakk. 4 gadii kana cuqaasaa!]