- Xoophiyaa fi Bulchiinsa Labsii Yeroo Muddamaa: Bara 1991 Eegalee
Bara 1991 (kufaatii Mootummaa Abbaa Irree Dargii) booda Xoophiyaan bulchiinsa hojmaata idilee (formal governance structure) fi bulchiinsa dabalataa al-idilee (additional informal governance structure) qabaataa turte. Ani akka dhuunfaatti ergan of baree as Xoophiyaan harka caalu bulchiinsa al-idilee dhaan bulaa turte. Mee gabaabinaan isin yaadachiisuun yaala:
- Bara 1991-1994 maqaa Mootummaa Ceehumsaa jedhuun labsii yeroo muddamaa jalatti bulaa turte: ajjeechaan, ukkaamsaan, saamichi, sarbamni mirga namoomaa baroota kana gidduutti ta’e hammana jedhamee tilmaamamuun ulfaataadha.
- Bara 1998-2000tti sababa Weerara Eertiraatti waggoota sadiif labsii yeroo muddamaa jala turte. Gama tokkoon weerara Eertiraa ofirraa qolachuuf; gama biraan sochii keessoo ukkaamsuuf ajjeechaa, ukkaamsaa, saamichaa fi sarbama mirga namoomaa guddaatu raawwate.
- Bara 2001-2003tti sababa gargar cabuu TPLF fi EPRDF’n walqabatee bulchiinsa al-idilee lubbuu, qabeenyaa fi egeree lammiilee hedduu gaaga’etu ture. Baroota kana keessa TPLF aangoo guutummaa (all powerful status) argatee gola nama hundaa seenuudhaan hiraarfama, ajjeechaa fi ukkaamfamuu lammiileetu mudate. Baroota kana keessa barattoonni Yunivarsiitii baayyinaan ajjeefamanii ykn ukkaamfamanii turan.
- Bara 2005-2007 tti: filannoo bara 2005 waliin wal-qabatee akka guutummaa Xoophiyaatti hunkurama siyaasaa guddaa uumameen biyyattiin labsii yeroo muddamaan bulaa turte. Finfinnee fi Dirree Dhawaan Bulchiinsa Yeroo Adaraa (Caretaker Government) dhaan yommuu bulan kan naannolee immoo waanuma hundi keenya beeknu ture. Naannolee hundumaa keessatti TPLF bakka buutota ramadatee haala nageenyaa fi itti fayyadama baajetaa/misoomaa to’ataa ture. Miseensonni, hooggantoonnii fi deeggartoonni jaarmiyaalee Morkattootaa filannoo bara 2005 wajjin wal-qabatee baayyeen ajjeefaman, hidhaatti darbataman, saamaman, biyyaa baqatan, mirgi isaanii guutummaan sarbame.
- Bara 2010-2011tti: filannoo wajjin walqabatee waan akka bulchiinsa al-idileetu: akka fedhe kan hidhu; kan ajjeesu; kan ukkaamsuu fi saamutu jira.
- Du’aatii Mallas Zeenaawwii booda yeroo dheeraaf sodaan, hokkorrii fi tarkaanfiiwwan dhoksaatti fudhatamaa turan; maafiyaan TPLF bifa dhoksaa fi adda ta’een wal ijaaree saamichaa dinagdeetti bobba’e. Wanti kunis hanga April 2014 tti rakkoo tokko malee itti fufe.
- Xoophiyaan April 2014 irraa eegalee hanga May 2018 tti Labsii Yeroo Muddamaa bifa adda ta’e jala turte. Hidhaa, ajjeechaan, ukkaamsaan, saamichi ni idilaa’an (just became formal and official).
- Fulbaana 2018 irraa hanga ammaatti naannolee adda addaa keessatti bulchiinsa dabalataa al-idileetu deemaa jira. Gambeellaatti; Somaaleetti; Amaaratti; Oromiyaa keessatti; Benishangul Gumuz keessatti fi bakkeewwan daangaa hundumaatti bulchiinsa waraanaatu jira (bulchiinsa labsii yeroo muddamaa).
Walumaagala, bara Mootummaa EPRDF/ADWUI kana Xoophiyaan waggoota bulchiinsa idileen bulte irra waggoota bulchiinsa al-idilee (bulchiinsa yeroo muddamaa) dhaan bulaa turte yoo jenne haqa lafa jirudha. Kan nama dhibu immoo Xoophiyaa labsiin bulchiinsa yeroo muddamaa kan labsamu harki caalaan isaa fedhaa fi akeeka murna aangoo irra jiruu tiksuufi tajaajiluudhaaf malee faayidaa lammilee fi biyyaa eegsisuu fi galmaan gahuuf labsiin labsame hangas waan jiru natti hin fakkaatu. Sababa waraana shiraa obboloota gidduuti ka’een (Ethio-Ertirean war) lubbuu fi qabeenya baayyee dhabne. Bu’aan injifannoo sanaas deebi’ee qaamuma nu weerareef kennamee lammiileen Xoophiyaa harka qullaa (negatiiviidhaan) keessaa galle.
Mootummaan EPRDF/ADWUI olaantummaa TPLF dhaan gaggeeffamaa ture si’a kudhanii ol Bulchiinsa Labsii Yeroo Muddamaa labsus kufaatiirraa hin hafne; qansaa’onnii fi falmattoonni haqaa, bilisummaa fi dimokiraasii kufanis, hidhamanis, hidhamanis bifa ajaa’iba ta’een dhaloota fincilutu bakka bu’e. Dhaloota Fincilaa (Resistant Generation) kan faayidaan, hidhaan, ajjeechaan, hiraarfamnii fi doorsifni duubatti hin deebifnetu irra jireessa Saboota, Sablammootaa fi Uummatootaa keessatti uumame. Mootummaan amma jiruu fi sichis dhufu waa’ee Dhaloota Fincilaa kana hubatee fi beekee gahumsaan, dimokiraasi fi seeraan bulchuu akka qabutu natti mul’ata.
[Hubachiisa: Maxxansi kun fuula 5 qaba. Itti fuftanii dubbisuuf, lakk. 3 gadii kana cuqaasaa!]