Monenus Hundara

ILMAAN SIRNAA MOO ILMAAN SABAA?

Kutaa 1ffaa 1. Seensa Wantoota irra jireessa Oromoo burjaajessaa jiranii fi adda baasuun daran rakkisaa jiran keessaa tokko aanga’oota kufaatii Mootummaa Wayyaanee booda sadarakaa sadarkaadhaan jiran kanaan ‘Ilmaan Sirnaa moo Ilmaan Sabaa’ jennu kan jedhudha. Moggaasa maqaa isaanii caalaa hojii qabatamaan isaan hojjetan hoo maqaa kennamuufii kanarraa adda tahamoo wal-fakkaata kan jedhudha. Haalli qabatamaa amma …

ILMAAN SIRNAA MOO ILMAAN SABAA? Read More »

Qabsoon Bilisummaa Oromoo Gufataa Moo Ititaa Jiraa?

Seensa Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO) akeeka, galmaa fi akkaataa mataasaa danda’e kan qabuu fi Sabni Oromoos yeroodhaa yerootti hubataa, adda baafataa fi galmaan ga’uuf qabsoo taasisaa kan turee fi ammas kaan itti jirudha. Kufaatii Mootummaa Wayaanee booda haalli QBO nama baayyeetti gaaffii ta’aa jiraachuun isaa ni beekama. Kanarraa kan ka’es gariin ni gufate gariin immoo …

Qabsoon Bilisummaa Oromoo Gufataa Moo Ititaa Jiraa? Read More »

Gabbaraa fi Qabsoo Oromoo

Bara Baraan Gabbara Kaffaluu fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo Qabsoo bifa kamiiyyuu gaggeessuu dura mooraan qabsoo ifa ba’uu qaba. Mooraan qabsoo hin qulqullaa’u; ifa hin ta’u taanaan ofumaa lubbuu, qabeenyaa fi yeroo namoota muraasaa bara baraan gabbara dhiyeessuu ta’a. Bara 2014 – 2017tti lubbuu kuma 5 ol itti gabbarre jechaa, akka waan nama boonsuutti hunduu waltajjii …

Gabbaraa fi Qabsoo Oromoo Read More »

Taakkuutti Dhiiftee Dhundhumatti

#OPSA Xiinxala Haala Yeroo: Taakkuutti Dhiiftee Dhundhumatti Gidduu kana rogeeyyonni miidiyaa hawaasaa keessuma kan gama Facebook yaada furmaataa isa dhumaa (last resort) jechuun hojiirra oolmaa Keewwata 39 kan Heera 1995 yommuu dubbatan argina. Wanti kun waan ta’uu danda’udhaa? Warri yaada kana dhiyeessan miiraan moo abdii kutannaa irraati? Moo Akkaataa hojiirra oolmaa keewwata 39 sana irratti …

Taakkuutti Dhiiftee Dhundhumatti Read More »

Xiinxala Haala Yeroo

#OPSA Xiinxala Haala Yeroo: Furmaata Akeeka Qabsoo Oromoo (The Way Forward to Oromo Causes) Hanga gaafa Pirezidaantiin Oromiyaa duraanii Obbo Muktaar Kadir aangoo irraa kaafamuutti akeeknii fi karaan Qabsoo Oromoo Qeerroo fi Qarreen hoogganamu sirrii fi ifaa ture: innis Bilisummaa Oromoo fi Oromiyaa mirkaneessuudhaan impaayera Xoophiyaa dimokiraatessuu (optional) kan jedhu ture. Ukkaamsaanii fi cunqursaan Oromiyaa …

Xiinxala Haala Yeroo Read More »

Seera Newutoonii fi Siyaasa

Seera Niwutoonii 3ffaa fi Tapha Siyaasaa Oromoo (OPSA Tip) Dhiyoo kana halaqaa koo tokkotu (Koronaa irraa bilisa kan tahe faranjiidha) waa’ee seera Niwutoonii 3ffaa fi Siyaasa Oromoo kan jedhu natti kaasee jennaan waliin haasofne. Akkas naan jedhe “Oromo should not play reaction force for each and every equal action force of Ethiopian government” Gorsi isaa, …

Seera Newutoonii fi Siyaasa Read More »

Dimokiraatawa Federaalizimii

Xiinxala Ibsa Tumsa Dimokiraatawa Federaalizimii Giddu-galli ibsa kanaa “Furmaanni Hunkurama Impaayera Xoophiyaa Ammaa Heera Federaalaa kana bara 1995 ti” kan jedhu of keessaa qaba. Haaluma kanaan: September 29, 2020 booda Mootummaa Yeroo (Imaanaa) “Care Taker Government” qabaachuu yommuu ta’u Qaamni Hoji-Raawwachiisaa Mootummaa Dr Abiyyi akkuma jirutti hanga filannootti itti fufa Qaamni seera baasu hin jiraatu: …

Dimokiraatawa Federaalizimii Read More »

Aangoo Heera Hiikuu fi Federaalizimii

Aangoo Heera Hiikuu fi Gahee Inni Federaalizimii Keessatti Qabu Ka’umsa: “Manni Maree Bakka Buutota Uummataa” guyyaa har’aa wal-ga’ii ariifachiisaa taa’een dhimma gidduu kana wal-falmisiisaa ta’e irratti murtoo dabarseera. Murtoon kunis “Hiikkoo heeraa” kan jedhu irratti kan waliif galame yommuu ta’u keewwatoonni akka hiikamaniif kallattiin kaa’amanis Keewwata 54 (1); Keewwata 58 (3) fi Keewwata 93 dha. …

Aangoo Heera Hiikuu fi Federaalizimii Read More »

Rakkoowwanii fi Kallattiiwwan Furmaataa

Xiinxalaa fi Ibsa OPSA Haala Yeroo Irratti: Rakkoowwan Oromoo, Oromiyaa fi Xoophiyaa fi Kallattiiwwan Furmaataa Jalqaba irratti Xoophiyaan impaayera malee biyya akka hin taane hubachuun baayyee barbaachisaadha. Impaayerri amala, rakkoo fi furmaata mataa ofii akkuma qabu biyyi tokkos amala, rakkoowwanii fi kallattiiwwan furmaataa mataa ofii ni qabaata. Itti aansee, sirni bulchiinsa Xoophiyaa ammaa (erga bara …

Rakkoowwanii fi Kallattiiwwan Furmaataa Read More »