Waa’ee OPSA

Online Political Science Academy (OPSA)’n sagantaa hubannoo fi barumsa madaalawaa hawaasa Facebook dhaaf dhimmoota siyaasaa fi siyaasa wajjin wal-qabatan gama miidiyaalee hawaasaan namoota fedha qabaniif kennuuf qophaa’edha. Irra jireessi hawaasa Facebook hubannaa fi beekumsa siyaasaa madaalawaa ta’e akka hin qabne wantoonni agarsiisan jiru. Gama kanaan qaawwaa jiru hanga ta’e furuuf gorsa hiriyyoota koo fi kaka’umsa mataa kiyyaan sagantaa OPSA kanan jalqabe ji’a tokkoo ol ta’uunsaa beekamaadha! Gama OPSA’dhaan hojiiwwan hubannoo uumuu fi beekumsa siyaasaa fi dhimmoota siyaasaa wajjin qabatan kennuun cinaatti ibsii fi xiinxalli ogummaa fi beekumsa irratti hundaa’es kan kennamu ta’uu irra deebi’ee isin hubachiisuun jaalladha!

Tajaajila gama OPSA’n kennamu argachuuf Website OPSA kan ta’e https://sanyiigc.co/opsa daawachuudhaan waan barbaaddan irratti akka cuqaastan kabajaan isin beeksisna!