Sababa COVID-19tti Barbaachisummaa Labsii Yeroo Muddamaa (State of Emergency); Sodaawwan Jiranii fi Kallattii Furmaataa
- Seensa
Namni kamuu kan hubachuu qabu Waaqaa gaditti Sabni ykn biyyi tokko kan qabdu Mootummaa Uummata (Biyya) sanaaf waan gaarii yaaduu fi hojjetudha. Addunyaa kana keessatti Sabni (Biyyi) sababa adda addaaf haalawwan ulfaataa hojmaata idileedhaan to’atamuu hin dandeenyeef hin saaxilamne hin jiru. Saboonni (biyyoonni) tokko weerara gama Saboota (biyyoota) dhiyoo fi fagoodhaaf saaxilamuu danda’u. Weerarri birmadummaa Saba (Biyya) tokkoo cabsee dhufu hojmaata idileedhaan furamuu hin danda’u. Saboonni )biyyoonni) kaan immoo rakkoowwan uumamaadhaaf jilbeeffatanii yeroo iitti nageenyi lammiilee, egereen dhalootaa fi jiruuf jireenyi hawaasummaa gaaffii guddaa keessa galutu jira. Fakkeenyaaf sababa rooba guddaatti ykn hanqina roobaatti; sababa dhohinsa volkaanootti; sababa hobonboleettii garbawwan (galaanota) gurguddoo irraa ka’aniin yoo xiqqaate biyyoonni gurguddoon akka Amerikaa Kaabaa, Jaappaan fi biyyoonni ollaa galaanota jirani rakkoo gurguddaaf ni saaxilamu. Yeroo kana yeroo gabaabaafis ta’u turtii yeroo giddu-galeessaaf mootummaan biyyoota kanaa hojmaata al-idilee ta’een rakkoo lammiilee fi biyya isaanii mudate baraaruuf ni fayyadamu.
Bulchiinsi dabalataa hojmaata idilee alaa (additional informal governance) kun isa “State of Emergency” jedhamu sana yommuu ta’u Afaan keenyaan “Labsii Yeroo Muddamaa/Ariifachiisaa” jedhamee beekamudha. Hiikkaan, qabiyyeenii fi akkaataan labsama, hojiirra oolmaa fi yeroon turtii State of Emergency (Labsii Yeroo Muddamaa) kanaa biyya tokko irraa biyya biraatti garaagarummaa qaba. Maddi garaagarummaa kanaas amala, fedhaa fi sadarkaa bilchina dimokiraasii mootummaa biyya sana bulchuu dha. Walumaagala sadarkaan bilchina sirni dimokiraasii fi cimina dhaabbilee adda addaa hiikkaa, qabiyyee, akkaataa labsamaa fi hojiirra oolmaa Labsii Yeroo Muddamaa biyya tokkoo irratti dhiibbaa kallattii ni qabaata. Biyya dimokiraasiin hin jirre ykn reefu eegalu keessatti bulchiinsi mootummaa tokkoo guutummaa guutuutti bulchiinsa labsii yeroo muddamaa irraa garaagarummaa hin qabaatu. Faallaa kanaa biyyoota sirni dimokraasii jabaatee fi dhaabbileen ciccimoo ta’an jiran keessatti immoo labsiin yeroo muddamaa herrega lubbuu lammiilee oolchuu fi gaaga’ama biroo hir’isuuf ykn hanbisuuf itti dhimma ba’ama. Hundaa ol, wayita Bulchiinsa Labsii Yeroo Muddamaa kana sarbamni mirga namoomaa jiraachuu waan maluuf qaamni kana to’atuu fi yeroo yerootti sirreessaa deemu jiraachuu mala…
[Hubachiisa: Maxxansi kun fuula 5 qaba. Itti fuftanii dubbisuuf, lakk. 2 gadii kana cuqaasaa!]