May 27, 2020

Taakkuutti Dhiiftee Dhundhumatti

#OPSA Xiinxala Haala Yeroo: Taakkuutti Dhiiftee Dhundhumatti Gidduu kana rogeeyyonni miidiyaa hawaasaa keessuma kan gama Facebook yaada furmaataa isa dhumaa (last resort) jechuun hojiirra oolmaa Keewwata 39 kan Heera 1995 yommuu dubbatan argina. Wanti kun waan ta’uu danda’udhaa? Warri yaada kana dhiyeessan miiraan moo abdii kutannaa irraati? Moo Akkaataa hojiirra oolmaa keewwata 39 sana irratti …

Taakkuutti Dhiiftee Dhundhumatti Read More »

Xiinxala Haala Yeroo

#OPSA Xiinxala Haala Yeroo: Furmaata Akeeka Qabsoo Oromoo (The Way Forward to Oromo Causes) Hanga gaafa Pirezidaantiin Oromiyaa duraanii Obbo Muktaar Kadir aangoo irraa kaafamuutti akeeknii fi karaan Qabsoo Oromoo Qeerroo fi Qarreen hoogganamu sirrii fi ifaa ture: innis Bilisummaa Oromoo fi Oromiyaa mirkaneessuudhaan impaayera Xoophiyaa dimokiraatessuu (optional) kan jedhu ture. Ukkaamsaanii fi cunqursaan Oromiyaa …

Xiinxala Haala Yeroo Read More »

Seera Newutoonii fi Siyaasa

Seera Niwutoonii 3ffaa fi Tapha Siyaasaa Oromoo (OPSA Tip) Dhiyoo kana halaqaa koo tokkotu (Koronaa irraa bilisa kan tahe faranjiidha) waa’ee seera Niwutoonii 3ffaa fi Siyaasa Oromoo kan jedhu natti kaasee jennaan waliin haasofne. Akkas naan jedhe “Oromo should not play reaction force for each and every equal action force of Ethiopian government” Gorsi isaa, …

Seera Newutoonii fi Siyaasa Read More »

Dimokiraatawa Federaalizimii

Xiinxala Ibsa Tumsa Dimokiraatawa Federaalizimii Giddu-galli ibsa kanaa “Furmaanni Hunkurama Impaayera Xoophiyaa Ammaa Heera Federaalaa kana bara 1995 ti” kan jedhu of keessaa qaba. Haaluma kanaan: September 29, 2020 booda Mootummaa Yeroo (Imaanaa) “Care Taker Government” qabaachuu yommuu ta’u Qaamni Hoji-Raawwachiisaa Mootummaa Dr Abiyyi akkuma jirutti hanga filannootti itti fufa Qaamni seera baasu hin jiraatu: …

Dimokiraatawa Federaalizimii Read More »

Aangoo Heera Hiikuu fi Federaalizimii

Aangoo Heera Hiikuu fi Gahee Inni Federaalizimii Keessatti Qabu Ka’umsa: “Manni Maree Bakka Buutota Uummataa” guyyaa har’aa wal-ga’ii ariifachiisaa taa’een dhimma gidduu kana wal-falmisiisaa ta’e irratti murtoo dabarseera. Murtoon kunis “Hiikkoo heeraa” kan jedhu irratti kan waliif galame yommuu ta’u keewwatoonni akka hiikamaniif kallattiin kaa’amanis Keewwata 54 (1); Keewwata 58 (3) fi Keewwata 93 dha. …

Aangoo Heera Hiikuu fi Federaalizimii Read More »

Rakkoowwanii fi Kallattiiwwan Furmaataa

Xiinxalaa fi Ibsa OPSA Haala Yeroo Irratti: Rakkoowwan Oromoo, Oromiyaa fi Xoophiyaa fi Kallattiiwwan Furmaataa Jalqaba irratti Xoophiyaan impaayera malee biyya akka hin taane hubachuun baayyee barbaachisaadha. Impaayerri amala, rakkoo fi furmaata mataa ofii akkuma qabu biyyi tokkos amala, rakkoowwanii fi kallattiiwwan furmaataa mataa ofii ni qabaata. Itti aansee, sirni bulchiinsa Xoophiyaa ammaa (erga bara …

Rakkoowwanii fi Kallattiiwwan Furmaataa Read More »