OPSA’f Galmaa’aa!
Suuraa ykn Link gadii kana cuqaasuun galmaa’aa barataa OPSA ta’aa! OPSA Registration Yookan Suuraa armaan gadii irratti cuqaasaa.
Suuraa ykn Link gadii kana cuqaasuun galmaa’aa barataa OPSA ta’aa! OPSA Registration Yookan Suuraa armaan gadii irratti cuqaasaa.
Bara Baraan Gabbara Kaffaluu fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo Qabsoo bifa kamiiyyuu gaggeessuu dura mooraan qabsoo ifa ba’uu qaba. Mooraan qabsoo hin qulqullaa’u; ifa hin ta’u taanaan ofumaa lubbuu, qabeenyaa fi yeroo namoota muraasaa bara baraan gabbara dhiyeessuu ta’a. Bara 2014 – 2017tti lubbuu kuma 5 ol itti gabbarre jechaa, akka waan nama boonsuutti hunduu waltajjii …
#OPSA Xiinxala Haala Yeroo: Taakkuutti Dhiiftee Dhundhumatti Gidduu kana rogeeyyonni miidiyaa hawaasaa keessuma kan gama Facebook yaada furmaataa isa dhumaa (last resort) jechuun hojiirra oolmaa Keewwata 39 kan Heera 1995 yommuu dubbatan argina. Wanti kun waan ta’uu danda’udhaa? Warri yaada kana dhiyeessan miiraan moo abdii kutannaa irraati? Moo Akkaataa hojiirra oolmaa keewwata 39 sana irratti …
#OPSA Xiinxala Haala Yeroo: Furmaata Akeeka Qabsoo Oromoo (The Way Forward to Oromo Causes) Hanga gaafa Pirezidaantiin Oromiyaa duraanii Obbo Muktaar Kadir aangoo irraa kaafamuutti akeeknii fi karaan Qabsoo Oromoo Qeerroo fi Qarreen hoogganamu sirrii fi ifaa ture: innis Bilisummaa Oromoo fi Oromiyaa mirkaneessuudhaan impaayera Xoophiyaa dimokiraatessuu (optional) kan jedhu ture. Ukkaamsaanii fi cunqursaan Oromiyaa …
Seera Niwutoonii 3ffaa fi Tapha Siyaasaa Oromoo (OPSA Tip) Dhiyoo kana halaqaa koo tokkotu (Koronaa irraa bilisa kan tahe faranjiidha) waa’ee seera Niwutoonii 3ffaa fi Siyaasa Oromoo kan jedhu natti kaasee jennaan waliin haasofne. Akkas naan jedhe “Oromo should not play reaction force for each and every equal action force of Ethiopian government” Gorsi isaa, …
Xiinxala Ibsa Tumsa Dimokiraatawa Federaalizimii Giddu-galli ibsa kanaa “Furmaanni Hunkurama Impaayera Xoophiyaa Ammaa Heera Federaalaa kana bara 1995 ti” kan jedhu of keessaa qaba. Haaluma kanaan: September 29, 2020 booda Mootummaa Yeroo (Imaanaa) “Care Taker Government” qabaachuu yommuu ta’u Qaamni Hoji-Raawwachiisaa Mootummaa Dr Abiyyi akkuma jirutti hanga filannootti itti fufa Qaamni seera baasu hin jiraatu: …
Aangoo Heera Hiikuu fi Gahee Inni Federaalizimii Keessatti Qabu Ka’umsa: “Manni Maree Bakka Buutota Uummataa” guyyaa har’aa wal-ga’ii ariifachiisaa taa’een dhimma gidduu kana wal-falmisiisaa ta’e irratti murtoo dabarseera. Murtoon kunis “Hiikkoo heeraa” kan jedhu irratti kan waliif galame yommuu ta’u keewwatoonni akka hiikamaniif kallattiin kaa’amanis Keewwata 54 (1); Keewwata 58 (3) fi Keewwata 93 dha. …
Xiinxalaa fi Ibsa OPSA Haala Yeroo Irratti: Rakkoowwan Oromoo, Oromiyaa fi Xoophiyaa fi Kallattiiwwan Furmaataa Jalqaba irratti Xoophiyaan impaayera malee biyya akka hin taane hubachuun baayyee barbaachisaadha. Impaayerri amala, rakkoo fi furmaata mataa ofii akkuma qabu biyyi tokkos amala, rakkoowwanii fi kallattiiwwan furmaataa mataa ofii ni qabaata. Itti aansee, sirni bulchiinsa Xoophiyaa ammaa (erga bara …
Mootummaa Ceehumsaa Hundeessuu Ilaalchisee Fedhiiwwan Faallaa: Oromoo fi Warra Soddaa Bara 2018-2020 Gidduu Asumaan Jaal Galaanaa Kiisii akkan dhimma kana irratti ibsa bal’aa kennuuf na affeeruu keef maqaa #OPSA dhaan baayyeen si galateeffadha. Dhugaadha hojii bal’aan of harkaa qaba ture garuu dhimmichi waqtaawaa akka ta’e daqiiqaa muraasaaf Facebook kanarraa hubachuu yaaleera. Akkuma Galaanaan jedhe “Waggaa …
Mootummaa Ce’umsaa Hundeessuu fi Fedhiiwwan Fallaa Read More »
Sababa COVID-19tti Barbaachisummaa Labsii Yeroo Muddamaa (State of Emergency); Sodaawwan Jiranii fi Kallattii Furmaataa Seensa Namni kamuu kan hubachuu qabu Waaqaa gaditti Sabni ykn biyyi tokko kan qabdu Mootummaa Uummata (Biyya) sanaaf waan gaarii yaaduu fi hojjetudha. Addunyaa kana keessatti Sabni (Biyyi) sababa adda addaaf haalawwan ulfaataa hojmaata idileedhaan to’atamuu hin dandeenyeef hin saaxilamne hin …